Sunday, June 2, 2013

Darsii Aqiidaa 6ffaa

SHARE GODHUU KEETIIN NAMNI TOKKO QAJEELUUTU KHEEYRII GUDDOODHA.
SHARE GODHUU HIN DAGATIN!
========Darsii Aqiidaa 6ffaa====
Sagaleen Dhageefachuuf: As tuqi: http://goo.gl/RXX7p

Darsii Aqiidaa 5ffaa keeysatti Faayidaa Towhiidaa barannee jirra. Faayidaan Isaa Akhiiraatti jannata nama naqa, adunyaatti karaa qajeeladha nama oofa.
Ulaagaa Ibaadaan qeebalamtuun barannee jirra. Isaanis Iimaana qabaachuu, Ikhlaasaan dalaguu fii karaa Rasuulaa s.a.w qunnamuudha.
Arra boqonnaa haarawa baranna.
SHIRKII GUDDOO
Gaafii1. Irra guddaan dilii Rabbi biratti maali?
Deebii1. Irra guddaan cubbuu Rabbitti qindeessuudha/Shirkiidha.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti Luqmaanirraa yeroo dubbatu:
{yaa ilma kiyya Allaahatti hin hin qindeessin. Rabbitti Qindeessuun cubbuu guddoodha.} Al-Luqmaan: 13
Rasuulli S.A.W cubbuu tamtu guddoodha ja’anii yeroo gaafatan, akki je’e:
(Rabbiif shariika (qindii ykn hiriyaa) godhuudha haala inni si uumeen.) Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
**** Irra guddoon cubbuu Shirkiidha. Ergamtoonni hundi wanni dura ummata Isaanii irraa dhorgan Shirkiidha. Shirkii dalagaa namni osoo hin Towbatin du’e Azaabaa hin bahu. Rabbiin shirkiirraa nu haa baraaru.
Gaafii2. Shirkiin guddoon maali?
Deebii2. Shirkii guddoon: Ibaadarraa waan tahe takka waan Allaaha malee jiruuf godhuudha. Akka waan Allaaha malee jiruu kadhachuu, warra du’erra dirmachuu barbaaduu takkaa nama lubbuun nurraa fagoo jirurra dirmachuu barbaaduuti.
Ragaan jecha Allaaha ol taheeti:
{Allaahuma gabbaraa, Isatti waan takkallee hin qindeeysinaa.} An-Nisaa’: 35
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhan:
(Irra guddaan cubbuu Rabbitti qindeessuudha) Bukhaariitu gabaase
*** Shirkiin Irra guddoo cubbuuti. Amantiin Islaamaa amantii Towhiidaati, Ibaadaa Rabbi malee kan haqa godhatu hin jiru. Garuu Ahbaash Qabriif qaluu, Isaan Kadhachuu, Isaanirra dirmachuu barbaaduun humaa hin qabu jechuu amanan. Rabbi malee waan biraa kadhachuu Rabbii fii Rasuulli s.a.w irraa dhorganii jiran.
Amantii Towhiidaa tana Shirkiin laaquuf Wahbiyyaa je’anii lallabaa jiran. Rabbiin balaa Isaanii Isaanumatti haa deebisu.
Gaafii3. Shirkiin (Rabbitti qindeessuun) ummata Muhammad S.A.W keessatti ni jirtii?
Deebii3. Eyyee ni argamti.
Ragaan jecha Allaahaa ol taheeti:
{Irra hedduun Isaanii Allaahatti waa hin amanan haala qindeesanitti/shirkii dalaganitti malee.}
yuusuf: 106
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhan:
(Qiyaamaan hin dhaabbattu hanga ummata kiyyarraa gosti gariin warra Rabbitti qindeesutti dhaqabdutti, ammallee hanga taaboota gabbartutti.)
Tirmiziitu gabaase.
*** Rabbii fii Rasuulli s.a.w Shirkiin ummata kana keeysa akka jirtu mirkaneeysanii jiran. Kanaaf hoggaa hunda shirkiirraa if eeguun barbaachisaadha, Shirkiin waan taate baruu fii Towhiida baruun barbaachisaadha.
Akkas yoo hin taane warri akka Ahbaash Ummata muslimoota gama Qabrii fii Awliyaa gabbaruutti yaamanii kasaaruun ni dhiyaata. Rabbiin nama shirkii dalagaa du’e hin araaramuuf, Azaabaa hin bahu. Kanaaf waa hunda caalaa shirkii fii mushirkarraa qulqullaawuu qabna.
Gaafii4. Murtiin nama du’ee fi nama fagoo jiruu kadhachuudhaa maali?
Deebii4. Nama du’ee fii nama nurraa fagoo kadhachuun shirkii guddoodha.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{ Allaahaa achitti waan si hin fayadnee fi waan si hin miine hin kadhatin, yoo akkas daleeyde ati yeroo san warra Rabbitti qindeessarraa taata.}
Suuraa Yuunus: 106
Ammas Rasuulli S.A.W akkai je’e:
(Namni Allaahaa achitti qindii (gabbaramaa) biroo kadhachaa du’e, Ibidda seena)
Bukhaarii baase
*** Aayaataa fii Hadiisa keeysatti wanni ifa bahu namni nama du’ee fii nama Isarraa fagoo kan Isaa hin dhageenye kadhate warra Ibidaa taha. Nama biraa Rabbi achitti kadhachuun Shirkiidha, Shirkiin ammoo warra Azaabaa nama gooti. Namni kadhatamu sun Awliyaa tahuu, Nabiyyii tahuu, Kaafira tahuu, Mootii tahuu humaa namaaf hin godhu hin dhagayu, Ifiifuu kadhaa Rabbitti haajaman.
Kanaaf Yaa Gabreelii! Yaa Iyasuus! Yaa Maariyaam! Yaa Muhammad! Yaa Nabiyyii Rabbii! Yaa Husseen Baale! naaf dirmadhu, na dhaqabi, ilma naaf kenni, rakkoo na furi, nuuf roobi jechuun shirkiidha. Namni haala sanirraa osoo hin towbatin du’e warra Azaabaati.
Gaafii5. Kadhaan (du’aa’iin) ibaadaadhaa?
Deebii5. Eyyee kadhaan ibaadaadha
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Rabbiin keessan ni je’e na kadhadhaa isiniifin awwaadhaa, Isaannan na kadhachurraa boonan jahannam seenuuf taa’an xiqqaatoo haala tahaniin.}ghaafir: 60
**** Rabbiin na kadhaa Isiniifin awwaadha erga je’e Ilma nama kadhachuun hin barbachisu, abbaa fedhes haa tahu. Ammallee Rabbiin warri na kadhachuuraa boone Jahannam seenuuf taa’an je’a. Kanaaf Rabbuma qofa kadhachuutu nama baasa, Isa qofa kadhachuu kan haqa godhatu.
Akka Ahbaash jettutti Awliyaa fii qabrii kadhachuun ni taha, duuba jecha Rabbii jala deemna moo jecha warra falsafaati?!
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhe:
(Kadhaan ibaadaadha) Imaamu Ahmad fi Tirmizii baase
*** Rasuulli s.a.w waanuma Rabbiin je’e irra deebi’ee mirkaneeyse. Kadhaan/duaaiin ibaadaadha. Ibaadaan ammoo Rabbi qofaaf haqa taati. Rasuulli s.a.w isa kadhachuu haqa hin godhatu, akkuma nabi Iisaan Isa kadhachuu haqa hin godhanne.
Akkasuma awliyaa takkalleen Rabbii achitti kadhatamuu haqa hin godhattu.
Rabbiin shirkii fii warra shirkii irraa nu haa tiysu.
Darsiin teenya tan 6ffaa asumarratti dhumatti.
Rabbiin warra waan barateen fayyadamu nu haa godhu.

No comments:

Post a Comment