Sunday, June 2, 2013

Darsii Aaqiidaa 5ffaa

SHARE GODHUU KEETIIN NAMNI TOKKO QAJEELUUTU KHEEYRII GUDDOODHA.
SHARE GODHUU HIN DAGATIN!
=========Darsii Aaqiidaa 5ffaa========
Sagaleen Dhageefachuuf: As tuqi: http://goo.gl/HRQtJ

Darsii dabre keeysatti Towhiida Asma'aa Wa sifaat laallee jirra. 
Rabbiiin Sifaa fii maqaa babbareedaa Isaab malu qaba. Uumaa Isaa takka hin fakkaatu. Sifoota Rabbii tan Inni Ifiin yaame keeysaa Arshii irratti ol tahuu, Halkan hunda gama Boodaa Rabbiin akka Isaan malutti gad bu'uu Isaa ragaa Qur'aanaa fii Hadiisaatiin laallee jirra.

Darsii Arraa:
Gaafii 11. Sa Allaahaan nu waliin jiraa?
Deebii 11. Eeyyee! Allaahaan beekkumsa isaatiin nu waliin jira, nu dhagaya, nu arga.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Isin lamaan hin sodaatiinaa, ani isin wajjiin jiraa, nin dhagaya, nin arga} Suuraa xaahaa: 46
** Rabbiin Nabi Muusaa fii Haaruuniin Isin lamaan wajjiin jiraa, nin dhagayaa, nin argaa je’een. Kunis wanni nuuf addeeysu Rabbiin bakka hundatti dhageeytii fii Argaa Isaatiin nuu waliin jira.
Ammas Ergamaan Rabbii S.A.W akkana jedhan:
(Isiin kan yaammattan dhagayaadha, dhiyaataadha. Inni isin waliin jira beekkumsa isaatiin)
Muslimtu gabaase
*** Rabbiin Beekkumsa Isaatiin, dhageeytii Isaatiin, argaa Isaatiin nu waliin jira. Zaataan Arshii ol jira. Darsii 4ffaa keeysatti laalle jirra.
Gaafii 12. Faayidaan Towhiidaa maali?
Deebii12. Faayidaan Towhiidaa Akhiraatti (ganda irraa boodaatti) ibiddarraa nagaya nama baasuudha, Adunyaatti karaa qajeelaa nama ofuu fii cubbuun namaaf dhifama tahuudha.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Isaannan amanan kan Iimaana isaanii shirkiitti hin laaqin, orma san nagaya bahuun isaaniif tahaaadha, ammallee isaan qajeeloodha}
Al-An’aam: 82
*** Aayaata keeysatti wanni hubatamu namni Amanee Towhiida Isaa shirkiin hin laaqin guyyaa qiyaamaa azaaba jalaa nagaya baha, Ammas warri Towhiidaa qajeeloodha. Adunyaarratti karaa qajeelaarra jiran.
Ammas Ergamaan Rabbii S.A.W akkana je’e:
(haqni gabrichi Rabbiirraa qabu, isa azzabuu dhabuudha, nama isatti hin qindeessin.)
Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
*** Gabrichi Rabbii Isaarraa haqa qaba. Sunis Azaaba Isa naquu dhabuudha, waan Inni Rabbitti hin qindeeysiniin, waan shirkii hin dalaginiin. Namni shirkii dalage haqa takka Rabbi biraa hin qabu. Booddeen Isaa Azaaba jabaadha.
SHARXII (ULAAGAA) DALAGAAN QEEBALAMTUUN.
Gaafii13. Ulaagaan dalagaan qeebalamtuun maali?
Deebii13. Ulaagaan dalagaan Rabbi biratti qeebalamtuun sadih (3).
Ulaagaa 1ffaa: Allaahatti Amanuu fi Isa tokkichoomsuudha (Towhiida qabachuudha)
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Isaannan amananii fii dalagaa gaarii dalagan jannatul-Firdows qubsuma Isaanii taati}
Al-Kahf: 107
*** Kanaaf Amanan malee Ibaadaan takka namarraa hin qeebalamtu. Amanuun Towhiida qabaachuudha. Warra Towhiidaa qubsumti Isaanii Jannatul Firdoowsi.
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhe:
(Allaahatti amane je’i! eegas irratti gad-dhaabbadhu) Muslimtu gabaase
Ulaagaa 2ffaa: Ikhlaasa (Dalagaa Rabbiif qulqulleesuudha)
Ikhlaasni: Allaahaaf ibaadaa dalaguudha na argaa fi na dhagayaaf maleetti.
Ragaan jecha Allaahaa ol taheeti:
{Allaaha gabbari, ibaadaa Isaaf qulqulleessaa haala taateen} Az-Zumar: 2
Ibaadaan Rabbi qofaaf dalagamuu qabdi. Namni na haa arguu fii na haa dhagayuuf Ibaadaa dalaguun khasaaraa guddoodha. Dalagaan akkasii sun hin qeebalamtu. Osoo waan facebook irratti share gootuu fii maxxansitu tahes Rabbiif jecha yoo hin tahin, na argaa fii naaf dhagayaan keeysa jiraannaan humaa hin qeebalamtu.
Ulaagaa 3ffaa: Ibaadaan hundi waan Rasuulli S.A.W dhufeen qunnamuudha.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Waan Ergamaan Isinitti fide fudhadhaa, waan isin dhorgerraa dhowwamaa} Al-Hashr: 7
Ammas Rasuulli S.A.W akkana je’e:
(Namni dalagaa takka dalage kan ajajni keenya itti hin jirre, dalagaan sun isarraa hin qeebalamtu) Muslimtu gabaase
*** Ibaadaan qeebalamuuf karaa Rasuulli s.a.w ajajee fii dalage qunnamuu qabdi. Waan Rasuulli s.a.w hin dalagin, itti hin ajajin Ibaadaadha, Jannatan Itti seenna je’anii dalaguun humaa faayidaa hin qabdu.
Fakkeenyaaf Namni tokko salaata akka Rasuulli s.a.w salaate qofatti yoo salaate irraa qeebalama. Ibaadaan hundi karaa Rasuulaa s.a.w qunnamuu qabdi. Waan Rasuulli s.a.w karaa godhe itti ida’uu fii irraa irrisuun hin tahu. Salaata subhi Raka’aa 4 salaatan hin qeebalamu, Zuhrii raka’aa 3 salaatan hin qeebalamu. Ida’uu fii irrisuun Ibaadaa keeysatti bakka hin qabdu.
Mowlidni Nabii s.a.w Ibaadaa yoo tahe Rasuulli s.a.w itti ajajuu qaba garuu hin ajajne, Ifiifis hin goone. Kanaaf Mowlida godhuun shari’aan waan dhufee miti.
Ulaagaan Ibaadaan itti qeebalamtu sadeen kana.
• Rabbitti amanuu.
• Ikhlaasa qabaachuu ykn Rabbi qofaaf dalaguu.
• Karaa Rasuulli s.a.w dhufen qunnamuu.
Darsiin aqiidaa 5ffaa asumarratti xumurama.
Rabbiin warra waan barateen fayyadamu nu haa godhu.

No comments:

Post a Comment