Saturday, February 23, 2013

GORSA BAREEDAA KAABINOOTA MOOTUMMAATIIF

Oduu Oowwaa 
Juneydin Saadoo Keniyaatti irkattummaa siyaasaa gaafatan. 
Obbo Junydiin Saaddoo Jaartiin Isaa badii malee hidhaa jiraachuun isii ni yaadatama. Juneydiin Saaddoo mootummaa cunqursaa Ehaadig keessatti ango sadarkaa guddaa warra qaban keessaa tokko hoggaa tahuu, Ahbaashii biyya naquuf akka mataatti carraaqqii guddaa godhuun Isaa ni yaadatama. Rabbiin arra adunyaarratti isa xiqqeessee jira, galata Isaa argataa jira. tan garaa nama nyaattu miskintitti Jaartii Isaati.
Obbo Junyediin dafee towbaa gama Rabbii Isaa akka deebi'uu Isaaf hawwina. Rabbiin badii hunda araaramaadha.  


Kaabinoonni fi warri qaama mootummaa kanaa taatanii biyyaa fii hawaasa girgireesaa jirtan kanarraa yoo hin barre, karaan keessannis kanuma. Mootummaan wayyaanee hanga Isinitti haajamu qaba, gaafa haajaa Isaa fixaxe akkuma juneydiin saaddoo kanatti kararraa isin meysa.
Angoo qofa sirraa fuudhee osoo si dhiise gaarii ture. Garuu angoo sirraa fuudhee maqaa si balleessee, hidhatti si galacha, yookaan biyyaa si baasa.