Sunday, June 2, 2013

DARSII AQIIDAA 9FFAA

♥♥♥♥♥♥DARSII AQIIDAA 9FFAA ♥♥♥♥
^^^^^ Share godhuu keetiin namni tokko qajeeluu mala^^^^^
~~~~~~~~ Share Godhaa~~~~~~~~~
Barnoota Madda Islaamaa Hordofuuf peejii teenya like godhaa.
https://www.facebook.com/pages/Madda-Islaamaa/492709404102348
Sagaleen warri Hordoftan Aqiidaa 10ffaa wajiin walirratti Isiniif gad dhiifna. Dhiifama nuuf godhaa, Obsaan eeggadhaa!!

Darsii Aqiidaa 8ffaa keeysatti Gosoota Shirkii gurguddoo barannee jirra.
Arra boqonnaa haarawa jalqabna.
SHIRKII XIQQOO
G1. Shirkii xiqqoon maali?
D1. Shirkii xiqqoon garsiifannaadha (na argaa fii na dhagayaaf dalaguudha)
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Inni Rabbii isaa Qunnamuu kajeelu, dalagaa gaarii haa dalagu ammas Ibaadaa Rabbii isaa keeysatti tokkoollee hin qindeeysin} Al-Khaf:110
Ammas Rasuulli S.A.W akkana jedhan:
(Irra sodaatamaan wanni isinirraa sodaadhuu shirkii xiqqoodha, sunis garsiifannaadha.) Imaamu Ahmadtu gabaase.
Fakkeenyi shirkii xiqqoodhaa, akka jecha nama tokkooti: “osoo Rabbii fii Abaluu jiraachuu baatee akkanan taha ykn waan Rabbiin fedhee fii ati feeteetu naaf argame.” Jechuudha.
Ragaan jecha Rasuulaati S.A.W.
(waan Rabbiin fedhee fii abalu fedhe hin ja’inaa, garuu waan Rabbiin fedheetu tahe eegas waan abalu fedhe je’aa.) Abuu Daawudtu gabaase.
**** Shirkii Xiqqoon Ibaadaa namni na haa arguufii na haa dhagayuuf dalaguudha. Ibaadaa akkasii Rabbiin hin qeebalu. Rabbiin waan Isa qofaaf dalagan qofa qeebala. Osoo waan facebook gubbatti barreeysinuu fi facaafnullee tahe Rabbi qofaaf yoo hin tahin humaa qeebaltii hin argattu. Akkuma amma dura baranne dalagaan qeebalamuuf Shirxii 3 qabdi sanirraa tokko Ikhlaasa, Rabbi qofaaf Ibaadaa dalaguudha.
Garsiifataaf namni waa dalagu fakkenyaaf akka nama Osoo Qur’aana Qara’uu ykn Osoo salaatuu hoggaa nama arge Qur’aanaa fii salaata akka malee bareechuuti, Ykn akka nama hogga nama arge salaataa fii Qur’aana jabeeysuuti, san hundi na argaaf jecha dalaga. Rabbiin irraa hin qeebalu dalagaa akkasi.
G2. Allaaha maleen kakachuun ni tahaa?
D2. Allaaha maleen kakachuun hin tahu.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
{Lakkii! Rabbii kiyyaan kakadhee ni kaafamtan, je’i.} At-Taghaabun: 7
Ammas Rasuulli S.A.W. akkana jedhan:
(Namni Allaaha maleen kakatu dhugumatti [Rabbiitti] qindeeyse.) Imaamu Ahmadtu gabaase.
Ammas akkana jedhan S.A.W:
(Namni kakatu Rabbiin haa kakatu, takkaa haa usuu/haa callisuu.)
Bukhaarii fi Muslimtu irratti waliif galee baase.
**** Aayaataa fii Hadiisarraa wanni ifa bahu, namni kakachuu barbaade Rabbi qofaan kakkachuu qaba.
Sani achitti waan biraatiin kakkachuun dhorgaadha. Fakkeenyaaf akka ummanni Kiristaanaa Maryamii fii Malaaykootaan kakatan, akkasumas akka warri Mushirkootaa taabootaa fii qabriin kakatan.
Muslimoonni kan ittiin kakatan Rabbi qofa.
Darsiin Aqiidaa 9ffaan asumarratti xumurama.
Rabbiin warra waan barateen fayyadamu nu haa godhu.
Muslimoota bakka hundatti haa nassaru. Adawwii Islaamaa Rabbi haa caccabsu.
Darsii/Barnoota Madda Islaamaa kan feesbuukin qophaawu kana Muslimoota itti afeeruun akka irraa fayyadaman haa goonu.
As wr wb.

No comments:

Post a Comment