Friday, June 29, 2012

Ahbash must be rejected by oromo

by sheek Muhammad Rashaad


Ahbash is enemy of Islam as a whole but especial enemy of oromo people cause they claim hararge is Somali land. so Ahbash must understand that we fight them for many reason. oromo people have great sufii ulama'a like sheek Muhammad Rashaad Abdullee who translated holy Quran and Aqiidatu-xahawiya to afaan oromoo.
 he was teaching his people about aqiida ahlus-sunna wal jama'aa not ahbashii aqida. 
this new Religion created by Abdullahi Adare enemy of Islam must be rejected by all Oromos even if all Ethiopian will accept Ahbash we must be against them.
 
we must fellow those books translated by Dr. Muhammad Rashaad long time a go in aqida and many other issues.  Ahbash was invited my Ethiopian govt.

Ahbash may say Dr. Muhammad Rashaad is kafir or mujasim who care about ur adare sheikh who gave oromo's land to somalia. may Allah curse be on ahbash as a whole and especially on enemy of oromo abdullahi adare.

juneydin saddoo and Abbaa duulaa gammadaa are the first to accept Ahbash. they now saling their religion by money as they sale theai identity.
ummanni oromoo Ahbaash nuuf adawwii addaa tahuu beekhuu qabna biyya teenya harargeen lafa somaaleeti jechaa barreeysanii nu barsiisuu fedhan akka nuti biyya hin qabnu jennee mataa gad qabannee jiraannu. osoo warri itiyoopiyyaa guutuun Ahbaash qeebalee nuti oromoon ahbaash hin qeeballuu. sheek muhammad Rashaad kitaboota hedduu afaan oromotti nuuf hiikee osoo jiruu Abdullaahi adaree adawwii Islaamaa jala deemuun waan nuuf hin taane tahuu beekaa.

sheek muhammad Rashaad books like tafsiir, aqiida xahawiyyaa our evidence to say Ahbash is new Religion.





Wednesday, June 20, 2012

walaloo Haqiiqaa Ahbaashaa!!!


walaloo Haqiiqaa Ahbaashaa!!!

qopheeysaa: Abuu Raafi'

Firqaa bid'aa biroos eeggadhaa hadaraa.
Lubnaanirraa seentee tarkaanfattee bahraa.
Maqaa biyya tanaan nisbaa uf yaamteera.
Alhabashii jechuu kanaan beekamteera.
Tahriifa sifaataa bakkarraa jirjiiraa.
Ta'aalaa Rabbunaa uluwwan kabiiraa.
Kunoo amma biyya keysa facaateera.
Muslimtoota diigaa aqiidaa jirjiiraa.
Garuu ulamaaiin keenyas hubateera.
Diinirraa deebisuuf kutatee ka'eeraa.
Isaaniif haa kennuu gooytaan umrii dheeraa.
Abdallah  harariin kan sheyxaan jallise.
Uf   duuba deebi'ee yoon seena dubbise.
Waggaa  60 dura waan seenaan galmeesse.
Bulchaa  naannoo harar soddaa haylasillaasee.
Andaargee  nafxanyaa diinitti bobbaasee.
Madrasaa  markaza qur'aanaa cufsiisee.
Ulamaaii  teenyas hedduudha hiisise.
tumsiisee  ajjeesee taanis biyyaa baasee.
Shek  Ibraahiim Hasan kan diiniin diriirse.
Aalima  beekama markaza hundeyse.
Hidhaa waggaa 23 itti murteyse.
Biyyarraa   bafamuun wajji irratti jabeysee.
Iluu  abbaa boora ganda goree geyse.
Achitti  hiisise aduwumaa isaa agarsiisee.
Hidhumatti  du'ee guyyaan isaa geysee.
Shahiida  rraa tahee qabsoo diin gaggeysee.
RABBIIN haa rahmatuuf jannataan milkeysee.
Ahbaash harariidhaa jallataa jallisaa.
Akka raafidaadhaa sahaabaa arrabsaa.
Warreen nabii keenyaas maqaa isaan xureeysaa.
Ulamaa'ii teenyas hundaa kafarsiisaa.
kan akka Ibnuteymiyaa ifaa diin mullisaa.
sheykul islaam guddaa dhaalaa nabii keeysaa.
kitaaba kumaatam muslimaaf barreessaa.
towhiida qabsiise baasee shirkii keessaa.
sheekni tokko Ibnuwariidha maqaan saa.
Ibnuteymiyaadhaaf  ragaa bahee faarsaa.
nama gamachiisa kunoo jechi isaa.
Ibnuteymiyan  ulamaaidhaaf raiisaa.
Hadiisa  inni hinbeyneen waanjennu hadiisa.
Inni  waraabbate bahra ilmii keeysaa.
kan ulamaai biroo qicaa maagada saa.
Isaan  kana kunoo ahbaash ni arrabsa.
Abdallaa  harariin fitnaawaa jallisaa.
Kitaaba  arrabaa irratti barreysaa.
Ergaa  yahuudichaa kan tahe gooftaasaa.
Diin  islaamaa diigee fudhate badhaasaa.
Ajaaiba  baasaa nama gaddisiisaa.
kunoo arraan tanas akkuma kaleessaa.
Diin  keenya balleysuuf nuti duule jama'aansaa.
Amantii jirjiiruuf dirqamaan leenjisaa.
Duulee  lola labsee ibidda qabsiisaa.
Garuu RABBIIN keenya mooticha dureeysaa.
Balaa  irraa deebisaa qur'aana nitiiysaa.
Innaa  nahnu nazzalnaa numatuu buusaa.
Wainnaa lahuu lahaafizuuna numatuu tiysaa.
Kan  diin miidhuu ka'e ufuma balleysaa.
Isumatti  deebisa RABBIIN keydii isaa.
Darbee  qurxee qoomee daaraa isa ceesisaa.
Dhayee  ija jaamsee itti dukkaneysaa.
Harkaa  miila daakee cabsee gad teysisa.
yaa RABBI nunaqi rahmata kee keysaa.
Ustaaz  abuu raafii qopheysee dhiheysaa.
Daa’ii  diin imaama aalima ogeysaa.
Goota  haqaa diiniif kan kennu lubbuusaa.
Yeroo  rakkoo hundi sodaatee hasaasaa.
Kun  lubbuu ufbaasuuf diin gadnaqee dheysaa.
Abuuraafi  sodaan hindhuftu ollaasaa.
Diin  lallabee gorsee baroodee bookkisaa.
Warren  zaalimtootaa ka’an biyya keeysaa.
Lolanii  aaranii hammeysan hijaa saa.
Irratti xiyyeyfata hojjatan miidhaasaa.
Baqachaa  dhokachaa rakkoo diinitti obsaa.
Hojii  isaa maatii masgiidaa madrasaa.
Dirredhiisee  RABBIIF jecha bahee keysaa.
Rakkoon  adduniyaadhaa booddeensaa dhumiinsaa.
Yaa RABBI nutiksii nubadhaasi obsaa.
hasbunaLLAHU wani'imal wakiil-RABBUMAAnutiysaa.
nagayyaaf rahmata Nabirratti buusaa.
Aaliifii  sahaabaa hordoftoota isaa.
Ilaa  yowmiddiin hanga guyyaa ka'uumsaa.
Asalaamu  aleykum jenna xumurri isaa.

Sunday, June 17, 2012

wahbiyyaan maali???

qopheeysaa: sheek Abuu Raafi'


hii?  wahabii wahaabii  eenyu baanta?
 Jechoota yeroo hedduu humnootiin farra muslimaa kannen akka yahuudotaa fii ahbaash ittiin muslima arrabsan keysaa tokkoodha. Hiikkaan isaa maqaa RABBII WAHHAAB kan jedhamutti irkisanii (nis'baa godhanii) wahaabbii [wahhaabiyyaa] jedhanii muslima moggaasanii arrabsaa turan. Akka garee haarawaa fakkeysanii ummata irraa baqachiisuuf yaalii guddaa godhan. Garuu hin milkooyne. arras  bifa haarawattii jalqabanii olola hafarsaa jiran. kun ammoo jallinaa fii diinummaa  guddoo qabaachuu isaaniiti ibsa.
 Jechi wahaabiyyi jedhu kun maqaa RABBII WAHHAABITTI irkifame waan taheef faaruu malee arraba waa hinqabu. Ammas gareen muslimaa kan maqaa kanaan if moggaasee ittiin na yaamaa jedhe labsate waa hin jiru, yeroo heddu jecha kana humnoota farra islaamaa kanneen akka yahuudotaa fii warreen eegee isaanii tahan kan akka ahbaashiitu muslimtoota haqaa (warreen towhiida qulqulluu qur'aanaa fii hadiisarraa burqe sirritti qabatan) maqaa xureysuuf ittiin fayyadamaniidha. Dhugaan jiru kana. sheykul islaam Muhammad ABDULWAHAAB ammoo akkuma seenaa ulamaaiirratti ibsametti da’iwaa haqaati godhe malee garee jaaree maqaa isaatiin yaamamtu waa hinqabu. osoo garee qaba tahee silaa akka seera afaan arabaatti maquma isaatti irkisamtee Muhammadiyyaa jedhamti turte, kun ammoo argamee hin jiru.
Ammoo dhugaan jiru sheykul islaam Muhammad Abdulwahaab RABBI rahmata isaa haa godhu da'iwaa towhiidaa tan qur'aanaa fii hadiisaan qajeelfamtu godhe. Da’waa akka Nabii s.a.w. fii sahaabonni r.a. godhaniiti godhe. kanaan RABBIIN gargaaree bid'aa fii shirkii dhabamsiisee towhiida dhugaa diriirse. garuu warreen shirkiidhaan ummata ija cufanii qalbii hagooganii maqaa owliyaa jedhuun ummata muslimaa  saamaa, gabroomfataa if gabbarsiisaa turan haalaan sheek Muhammad kana jibban, Itti dallanan, bu'aan isaanii kan saaminaa waan cufamee, angoo ittiin gabbaraman waan dhabaniif jecha. sheeka kana adawwii lakk/1ffaa godhatan, arrabsuu fii maqaa xureeysuu hojii godhatanii itti fufan. Arras  harcaatonni isaanii kanneen akka ahbaash duula ololaa kana hafarsaa jiran. lolli guddaan  wahaabii wahaabii mankaraaristoota, kiraa sassaabdota, jinnii, jaankaa ...jedhu. kun kaayyoon isaa guddaan humna angootii fii siyaasaatiin gargaaramanii ulamaaii fii du'aata fii ummata muslimaa hunda sodachisuudhaan akka dirree diinirraa dheeysanii, garee jalloo ahbaashitti akka harka kennan godhuudha. yookan diin islaamaa bineensa isa nyaatu jalatti kuffisanii jalatti lafatti qabuudha. kun rakko bu'aa qoonqootiin walqabate tahuu isaa namni hundi ifatti beekuu qaba. dhugaan jiru kan seenaan ibsu kana.
Tanaaf ummata keenya kabajamoo! olola owwaa farra islaamaatiin hafarfamu kanaan hin dogoggorinaa.  Humnootiin olola kana hafarsurratti walitti qindaawan hundii bu'aa mataa isaanii keysaa qabu. maqaa leenjii ahbaashiin (islaamaatiin) daldalli dinaggeetii fii siyaasaa oofamaa jira.
Nuti akka ulamaa’ii ummata muslimaatti ammas bid’aa fii shirkii warreen diriirsan ni balaaleyfanna, hanga jallina  dhabamsiisnee diin haqaa gadi diriirsinutti waan dandeenye hundaan itti qabsooyna. karaa ebaluu fii ebaluutti osoo hin tahin karaa Qur'aanaa fii hadiisaa kan sahaabaa nabii, kan salafa qajeelaatti koottaa jenna, kanatti nama hunda yaamna, ni barsiisna, ni gorsina, ni qabsiisna, kana malee karaan jannataa waan hin jirreef carraa keeysan dhaqqabadha jenna.


Wednesday, June 13, 2012

sheek muhammad Rashaad Ahbaash dura yeroo dhaabbatu



Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad 
Qopheeysaa: 
Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
2012/1433
Ahbaash nuti sufiyyaadha jechuun ija nu qabuu fedhan, garuu Isaan sufiyyaa osoo hin taane, Amantii haarawa Abdullaahi hararii uumeen deeman. Sheek Muhammad Rashaad ulamaa’ii guddaadha tafsiira afaan oromootti yeroo duraatiif namni hiike isa. Akkasumas kitaaboota biroo hedduu ummata Islaamaatiif afaan oromootiin qopheeysee jira. Akkasumaa waliin sheek Muhammad Rashaad Sufiyyaa Xariiqaa Qadariyyaa hordofaa akka turee fii Abdullaahi Hararii irrattis akka barate seenaa Isaa keeysatti bareeysee jira.
Sheek Muhammad Rashaad ummata Islaamaatiif faayidaa malee balaa akka Abdullaahi Hararii san uumaa hin turre, Abdullaahi Hararii irraa jallina Isaa hin dhaalle. 
Barruun asii gaditti qophaawe kun Ahbaasha sufiyyaa akka hin seene Isiniif ibsuudhaaf kan qophaawee fii Warri Ahbaashni amantii haarawaa mitii sufiyyaadha je’anii farda Ahbaashaa yaabbatanii gulufaa jiran dhaabbatanii waan sheek Muhammad Rashaad nu barsiisaa ture haa laalanii. 
Yoo barnoonni sheek Muhammad Rashaad Barsiisaa ture, kan wahbiyyaati, takkaa ammoo kan kaafiraati nuun je’an, Ahbaash waan jettu ni eeyna.
Barruu Asii gaditti qophaawe kana waliif dabarsaa, mootummmaa keeysa warra dalaguus garsiisaa akka nuti karaa haqaarra jirruu fii akka sheek Muhammad Rashaad jala deemaa jirru itti himaa.
Rabbiin warra haqaaf tumsu nu haa godhu.
1. Ahbaash Rabbiin eeysa jira gaafii jedhuuf deebisaan isaan kennan, oli hin jiru, gad hin jiru, bataa hin jiru, mirga hin jiru, fuldura hin jiru, duubas hin jiru, addunyaa keeysa hin jiru, addunyaa tanaa alas hin jiru, kanaaf bakka takkallee hin jiru jechuu nu barsiisuuf Libaanoosirraa dhufanii jiran.
Duuba nutis akki jennuun Libaanoosii mootummaan isin yaamuudhaan dhuftanis nuti ulamaa’ii qabna, san keeysa tokko sheek Muhammad Rashaad Abdulleeti, 
Sheek Muhammad Rashaad akkana jedha: 
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu” Tafsiira afaan oromoo kan sheek Muhammad Rashaad suuraa Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” suuraa Xaahaa: 5
“Ol tayiinsa isaan malu, Arshiin afaan arabaatti sirree mootiiti, asitti wanni itti fedhame waan samii torbanii ol jiru kan waan Rabbiin uume hundaan marsu, kan waan Rabbiin uume keessaa irra guddaati.” Tafsiira Suuraa Al-Furqaan: 59

“ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.”

Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan, nama waan akkanaa gaafatuun: “nama fitnaa deemu, kan waan keessa baruu hin dandeenyetti, ifiin dhiibu” je’an. Rabbiin waan akkasirraa dhoowwee jira.” 
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
Kuni ragaa kitaaboota sheek Muhammad Rashaad irraa gaafii Rabbiin eeysa jira jedhuuf barannee fii kan amanaa turree , garuu Ahbaash fii mootummaan harawatti amantii nu barsiisuuf jedhanii cinqataa jiran.
sheek Muhammad Rashaad wahhabiyyaa fii Kaafiraaaa??????
2. Qaphxiin biraa sifa Rabbii keeysatti waa’ee Rabbiin ija isaan maltu qabaachuu isaa kan Qur’aanaaa fi Hadiisa keeysatti dhufe akkasumas kan Sheekkootiin teenya nu barsiisaa turte, Ahbaash dhuftee akki jettu Rabbiin ija hin qabu, namni akkas jedhu kaafira nuun je’an. Mootummaanis Rabbiin ija qaba yo jettan isin mankaraaristiidha, farra misoomaa fii nagayaati nuun je’aa jira.
Mee sheek Muhammad Rashaad Maal jedha:
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,””” 
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
itti fufa!!
injifannoon tan ummata Islaamaati!!! 
Allaahu AKbar!!!!!



Friday, June 8, 2012

Kitaaba Haarawa dhihootti qopheessaa jirra.

Kitaaba Haarawa dhihootti qopheessaa jirra.

qopheysitoonni group Ahbaashni farra Islaamaatti jettu warra gaggeeysan.

yaada itti dabalamu qaba jettan nuuf gumaachaa.

kitaaba kana keysatti qabxiileen ibsaman:
seensasa
1-Seenaa rakkoo muslimtoota biyya teenyaa kaleysarraa hanga ar’aatti maal akka fakkaatu.
2-maaliif gaafiin teenya deebisaa dhabde?
3-hariiroo humnoota farra-islaamaa biyya keysaafii alaa, caasaa, jaarmayaa fii sochii isaanii.
4-ahbash eenyu? Eysarraayi? maaliif yeroo amma dhufuu filate?
5-enyummaa majlisa /gumii dhimma islaamaa / iccitiifii kaayyoo isaa.
6-waayee leenjiilee ahbaashaa (duula muslimtoota amantii isaanii humnaan dirqisiisanii jirjiirsisuu) kan biyya keysatti bal’naan gaggeyfamaa jiru..
7-amma yoo maaltu godhamaa jira?
7,1-Ijjanoo mootummaa fii ilaalcha hubannoo gaafii dhabuu calanqisu.
7,2-qajelfama[kitaaba] motummaan baase fii qabiyyee isaa.
7,3-haasawa angaawota gurguddaa sirnicha irraa dagayame.
7,3,A—haasawa mummicha ministeeraa baarlamarratti:-
7,3,B-haasawa ministeera dhimma federaalaa, D/r shifarraw teklemaaram:-
7,3,C-haasawa angaawota biro.
7,3,D-ergaa midiyaan biyyattii yeroo adda-addaa dabarse:-
8-sagalee mormii ummataa [mallattoolee] miliyoonota- tan achi buutee miila bakar waaree taate-.
9-qabsawota gootota haqaa kan dirree qabsoorraa hindheysin:
A-- ulamaa’iilee fii imaamman biyyattii,
B-- ummata muslimaa bal’aa hunda,
C-- kore17n finfinnee, 
D-- kore ulamaii nannowwani,
E--MIDIYOOTA KEENYA KANNEEN AKKA:
- rediyo bilaal,
- badri internation, 
- ruumii islaamaa kan afaan amaariffaa,
- ruumi mana tokkummaa muslima oromoo,
- ma/tok/mus/oro/waliigalaa, 
- oro/mus/dar/arq/da/center,
-namoota obboleyyan lammiwwan keenya kan biyya alaa jiraatan, 
F - gazexaalee islaamaa kanneen akka- 
-sawtul islaam, 
-salafiyyaa,
- yemuslimoochi guddaay, kkf. 
10---kallttii adeemsa qabsoo teenyaa tan- gaafii mirga amantii kabajsiisuu-, bu’aalee isiitii fii, cinacha jabaa fii laafaa isii.
11--rakkoowwan hanga ammaa adeemsa qabsoo teenyaa keysatti mul’ataniifii mala furmaataa.
12—dhaamsa xumuraa kan waliigalaa.

Wednesday, June 6, 2012

Asaasaa hin irraanfannu

LOLA MASJIDA IRRATTI BANAME!!!

MASJIDATTI JUMA’AA SALAATANII GALUUF BAHANII AJJEEFMAN ASAASATTI!!!

AHBAASH YOO HIN TAANE AL-QAA’IIDAADHA!!!

qopheeysaan: Abuu Muhammad Al-Baddeeysii

Torbaan 2 dura mootummaan Ahbaasha deeggaruudhaan warra Ahbaash dura dhaabbatuun Al-Qaa’idaa jechuun isaa maaliif akka deemu namaaf hedduu waan gale natti hin fakkaatu. Ammas Arsii fi baalee keeysatti gareen Al-Qaa’iidaa akka argame prime minster mallas paarlaamaa irratti dubbatee jira.
Duuba kijiba akkasii san wanni uumaniif karaa itti nama Islaamaa ajjeesan mijjeefachuuf tahuun isaa beekkamaadha, sanis jalqaba bakka Al-Qaa’iidaan itti argamte jedhan Arsii irratti eegalanii jiran, ummata Islaamaa salaatee masjiidaa gala jiruu waraanni mootummaa naannoo masjidatti dhufee namoota 8 ol ajjeesee jira garuu nuti Shahiida tahan jennan Insahaallaah. Dubbiin achitti dhaabbata yoo seete gawwoomtee jirta namni hedduun madaawee jira, tumamee jira, hidhamee jira kuni qabsoo Al-Qaa’iidaa balleesuuf godhan tahuun isaa torbaan lama dura waan mallas zeenaawii dubbate yaadachuun gahaadha. Ammoo warri ajjeefamee fi madaawe boombii dhukkaasuuf osoo deemanii osoo hin tahiin masjida keeysatti isaanii kitaabaa fi qalamallee harkaa hin qabne tahuun isaa Ajaa’iiba, Jummaa salaatanii khuxbaa dhaggeeyfatanii galuun qofti Al-Qaa’iidaa nama jachisiisa, akkasumaa waliin warren ajjeefamanii fii madaawaan dhalaa, dhiira , xiqaa, guddaa, manguddoo of keeysaa qabaachuun isaa Muslimni Ahbaash hin tahin hundi Al-Qaa’iidaa jedhamee akka ajjeefamuuf qawwee fi waraanni isaa qophaawee nu agarsiisa.
Kanaaf dubbiin arra erga ummanni Islaamaa Masjida keeysatti ajjeefaman namaaf galu oduun prime minster mallas zeenaawii paarlaamaa irratti ibsan akka daran namaaf ifa tahu godha, akkas jechuun namni Ahbaash hin taane Al-Qaa’iidaadha, Al-Qaa’iidaan ammoo farra mootummaaf nageenyaati masjida keeysattis dhukkatan bakka jiran hundatti mootummaan isaanitti dhaqee akka isaan ajjeesu ASAASAtti agarsiisee jira.
 IJJI GAARA DUUBATTI WAA HIN AGARRE TAN MUTAAN OF KEEYSAA BAASANI!!!!
Wanni anaaf gale Muslimni hundi Al-qaa’iidaa akka tahetti moggafamu isaatiifii ajjesunis akka seera qabeessa tahe nu agarsiisaa jiran. Juma’aa masjidatti salaatuun qofti sadarkaa du’aatiif nama geeysaa jira. Ahbaash hin tahu, Rabbiin Arshii ol jira jechuun ammoo ajjeechaa waliigalaatiif sababa tahuuf deemaa jira.
Dhaamsa: ummata Islaamaa kuni qormaata waan taheef amantii teeysan sodaaf jecha gad lakkistanii kafruun isin irraa hin barbaadamu, Rabbiitti amanaa Isa qofa gabbaraa Rabbii keenya qunamuuf murachuu qabna.
Torbaan dhufu lubbuun nama hedduu akka ajjeefamtu beekuu qabdan kuni waan dhaabbatuu miti hanga isin Rabbi gabbaruu dhiftanitti. Rabbii gabbaruu sodaaf jecha namni dhjiisee kaafira tahe azaaba filatee jira, namni Rabbi gabbaraa du’uuf murate arra du’uus boru du’us jannata seena, seenaan isaa kabajamtuudha Inshaallaah.
Injifannoon kan ummata Islaamaati!!!
Warri Ajjeefame shahiida!!! Inshaallaah
Warri hafnees Rabbi Gabbaraatuma shahiida taana!!!


Sunday, June 3, 2012

Adeemsa jiddu galaa sifa Rabbii keeysatti



Rabbiin Arshirratti ol tahuu isaa sabachiisuu






Maqaa Allaahaatiin eegala, akkaan Rifataa, akkaan Mararfataa (nahaa).
Rabbiin keenya guddaan ol tahe, sifa Isaan malte qaba tan Qur’aana eeysatti ifiin yaame, ammas tan Ergamaan Isaa S.A.W Hadiisa Sahiiha keeysatti isaan yaame, akkasumas tan ummanni Islaamaa hundi durarraa hanga ammaa irratti waliigalan. Akkuma Qur’aanaa fiii Hadiisa Sahiiha keeysatti dhuftetti tan itti amanan.
Ahlus-Sunnaa Wal-Jamaa’aan: warra sunnaa Rasuulaa S.A.W jala deemu fii guututti itti dalaguu irratti waliigalani.
Karaan Isaanii sifaa fii maqaa Rabbii keeysatti akka armaan gadii kana.
1.    Sifa Rabbii ni sabachiisan: waan Rabbiin kitaaba isaa keeysatti ifiif sabachiisee fii waan arraba Ergamaa Isaa S.A.W irratti sabachiise ni sabachiisan. Jijjiruun maleetti, diduun maleetti, akkaataa itti godhuun amleetti, akkasumas fakkeeysuun maleetti.
2.    Ni dhabamsiisan: waan Rabbiin kitaaba isaa keeysatti ifirraa dhabamsiisee fii waan arraba Ergamaa Isaa S.A.W  irratti ifirraa dhabamsiise, irra dhabamsiisan.
3.    Waan dhabamsiisuu fi sabachiisuun isaa hin dhufin keeysatti, tan namni keeysatti wal dhabe, tan akka Jismii, Daangaa, Jihaa fii waan kana fakkaatu keeysatti, karaan isaanii jechoota san irraa dhaabbatan, hin sabachiisan, akkasumas hin dhabamsiisan, waan Qur’aanaa fii Hadiisa keeysati hin dhufiniif.
Ammoo hikkaa jechoota kanaa addaan baasanii laalan, yoo wanni kijibaa itti fedhame ni didan, hin fudhatan. Ammoo yoo wanni haqaa itti fedhame, ni qeebalan.
Kun karaa qajeelaa jiddu galaati, jidduu warra sifa Rabbii diduu fii fakkeeysuuti.
Didanii sifa Rabbii hunda hin lakkisan, daangaa dabraniitis sifa Rabbii uumamatti hin fakkeysan.
Sifoota Rabbii keeysaa sifti ol tahuu Isaaf sabatudha. Ragaan Qur’aanaa fi Hadiisa Sahiiha ammas jechoota sahaabaa fii Ulamaa’ii salafaa, akkasumas Aqli qulqulludha.
{Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe}
Sifti ol tahiinsa Rabbii, akka ol tahinsa uumamaatti samuu nama garii keeysa dhufuun ni mala, takkaa Rabbiin Arshiitti haajama akka uumamni sireetti haajamuti je’anii yaaduun ni mala. Ammoo ol tahinsi Rabbii kan inni ifiif sabachiisee fi kan Ergamaan Isaa isaaf sabachiise, kan nutis isaaf sabachiifnu kan uumamaa kan fakkaatuun maluu miti.
Sababaan isaa Allaahaan faallaa uumamaati, sifti ol tahinsa isaa tan inni kitaaba isaa keeysattii ifiin yaame {Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe} je’ee jira.
Sifti ol tahinsa Rabbii Qur’aana keeysatti bakka torbatti dhuftee jirti, tan ol tahuu isaa sabachiiftu. Bakka turban sanirraa, suraa Al-A’raaf, aayaata 54ffaa irratti akkana je’e:
žcÎ)) ãNä3­/u ª!$# Ï%©!$# t,n=y{ ÏNºuq»yJ¡¡9$# uÚöF{$#ur Îû Ïp­GÅ 5Q$­ƒr& §NèO 3uqtGó$# n?tã ĸóyêø9$# (
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga (qixa) guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Ahlus-Sunnaan sifa ol tahinsa Rabbii akka guddina isaatiin malutti ol tahe je’anii sabachiisan.
Ol tahuu Rabbiitiif Ragaan isaanii Istawaa jecha jettu tana warri salafaa ol tahuu je’anii hiikuu isaaniiti.
Tanaaf Rabbiin inni irrinarraa qulqullaawee, uumaa isaati oli jira, akkasumas ragaan aayaata dabarterraa argannu Rabbiin ol tahuu isaati, akka isaan malutti, ol tahee jira durii fii walillee.
Ammoo warri Ahlus-Sunnaa faalleesu, ol tahuu isaa ni didan. Akki je’an, sifti ol tahinsaa, Rabbii fii uumama wal fakkeeysiti, kanaaf Rabbiin ol tahe yoo jenne uumamatti waan fakkaatuuf hiikkaa ol tahe je’u kana jijjiruun barbaachisaadha, hiikkaan Qur’aanaa kan Istawaa je’u ol tahe jechuu osoo hin taane mooye jechuudha, je’an.
Ol tahe jechuu didanii mooye warra je’aniif deebisaan.
1.    Lughaan (afaan arabaa) isaan hin gargaaru. Istawaa jechuun afaan arabaatti ol tahuu fi ol fuudhamudha, akka warra beektoota afaan arabaarraa sabateetti.
Ulamaa’iin afaan arabaa, beektoonni gurguddaan akka, Khaliil ibnu Ahmad, ibnu AbdulBar, Abuu Ismaa’iil Harawii, Muhammad ibnu Nadrii Akhfash, Ibnu Jariir Ax-Xabarii, Qurxubii fii ulamaa’iin hedduun Istawaa jechun ol tahuudha je’anii hiikuudhaan, mooyuu (Istawlaa) warra je’urratti diduudhaan ibsa guddaa kennanii jiran.
Istawaa Ykn Ol tahe jechuu Istawlaa (mooye) jechuudhaan warri hiikan, ragaa kana je’amu hin qaban.
2.    Rabbiin Qur’aana keeysatti bakka torbatti Istawaa je’ee jira. Duuba Istawaa fi Istawlaa jechuun eega tokko tahe, maaliif bakka takkatillee Istawlaa je’ee Qur’aana keeysatti hin dubbatin???
Kan biroo Istawaa jechuun ol tahuu hoggaa tahu, Istawlaa jechuun mooyuudha. Duuba Rabbiin Arshii duraan hin moonee? Kan guyyaa keeysaa mooyuuf?
Ammas Rabbiin uumaa isaa tan irratti hin mooyin qabaa? Jechi isaanii akka waan Rabbiin waan irratti hin mooyin qaba je’an fakkaata, yeroo Rabbiin Arshiirratti mooye je’an.
Kitaaba Rabbii, Hadiisa Rasuulaa S.A.W, jechoonni sahaabaa fii warra isaan boodaa hundi ol tahuu Rabbii keeysatti wanni dhufe guutuudha.
3.    Sanirraa ragaa Qur’aanaa haa laallu.
) Ïmøs9Î) ßyèóÁtƒ ÞOÎ=s3ø9$# Ü=Íh©Ü9$# ã@yJyèø9$#ur ßxÎ=»¢Á9$# ¼çmãèsùötƒ 4 (
{Gama Rabbiiti ol kora jechi bareedaan fi Dalagaan  gaariinis, inni ol fuudha.}
Faaxir: 10
Aayaata keeysatti wanni jiru jechi gaariin gama Rabbii akka ol koru fii akka inni ol fuudhu. Kanaaf wanni takka tan ol baatu waan ol jirutti malee, waan gad jirutti miti.
Jechii bareedaan: jecha gaarii hunda tahuu ni danda’a, akka Qur’aana qara’uu, zikrii fii karaa Rabbitti nama yaamuti.
Duuba wanni kun gama Rabbii ol kora jechuun, gad bu’a jechuudhaa? Labbaa? Bitaa? Fuldura jechuudhaa? Akkas jechuu osoo hin tahin Ol tahinsa isaan malu ol tahuu isaatiif ragaadha.
) @t/ çmyèsù§ ª!$# Ïmøs9Î) (
{Lakkii [hin ajjeefne]! Allaahaan gama isaatti ol fuudhe.}
An-Nisaa: 158
Rabbiin gama isaatti ol fuudha jechuun, Rabbiin ol jira jechuudha. Kanaaf kunis ragaadha ol tahuu Rabbiitiif.
) #Ó|¤ŠÏè»tƒ ÎoTÎ) šÏjùuqtGãB y7ãèÏù#uur ¥n<Î) (
{Yaa Iisaa ani sin Raffisa, ammallee gama kiyyan ol si fuudha.}
Al-Imraan: 55
Gama kiyyan ol si fuudha jechuun yoo Rabbiin ol hin jiraanne akkamitti taha?
Rabbiin gama kiyyan ol si fuudha yeroo je’u, wanni hubannu inni ol tahuu isaati, kanaaf aayaata keeysatti ragaan ol tahinsa Rabbi nuuf ibsu ni jira. Sunis gama kiyyan ol si fuudha jechuu isaati.
Ammas ragaan biroo jecha Rabbiiti:
{Rabbii isaanii gubbaa isaaniitii sodaatan} As-Saajidaa: 5
Gubbaa isaaniitii sodaatan jechuun Rabbii gubbaa isaanii jiru, kan ol tahe jechuudha.
tA$s%ur ãböqtãöÏù ß`»yJ»yg»tƒ Èûøó$# Í< %[n÷Ž|À þÌj?yè©9 à÷è=ö/r& |=»t7óF{$# ÇÌÏÈ   |=»t7ór& ÏNºuq»yJ¡¡9$# yìÎ=©Ûr'sù #n<Î) Ïm»s9Î) 4ÓyqãB ÎoTÎ)ur ¼çmZàßV{ $\/É»Ÿ2 4 y7Ï9ºxŸ2ur tûÉiïã tböqtãöÏÿÏ9 âäþqß ¾Ï&Î#yJt㠣߹ur Ç`tã È@Î6¡¡9$# 4 $tBur ßøŸ2 šcöqtãöÏù žwÎ) Îû 5>$t6s? ÇÌÐÈ
{Fir’ownni akki jedhee“Yaa Haamaan! qallaa (jaarmaya dheeraa) naaf  jaari, akkan karaatti gahuuf. Karaa samiitti, [sababaa saniin] gama Rabbii Muusaatin laalaa, garuu ani kijibaadhan isa saha”.}
Al-Ghaafir: 36-37
Fir’ownni gama samii wanni ol bahuu fi Muusaan kijibaa jechuti wanni isa geyse, Nabi Muusaatu Rabbiin kiyya fii kan uumaa hundaa samii oli jira je’en. Yeroo jecha kana Muusaarraa dhagahe, Muusaan kijibaadha, Rabbiin samii oli jira kan inni je’u kuni kijiba isaati. Anaaf jaarmaya dheeraa naaf jaaraa ol baheetiin laalaa gama samii je’e.
Kanarraa wanni hubannu Nabi Muusaan Rabbiin samii ol jiraachuu amanuu fii barsiisuu isaati. Kunis Rabbiin ol tahuuf Ragaa birooti.   
Qur’aana keeysatti Arshiirratti ol tahuu Rabbii aayaattan dubbatan turban haa laallu.

žcÎ)) ãNä3­/u ª!$# Ï%©!$# t,n=y{ ÏNºuq»yJ¡¡9$# uÚöF{$#ur Îû Ïp­GÅ 5Q$­ƒr& §NèO 3uqtGó$# n?tã ĸóyêø9$# (
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga (qixa) guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Al-A’raaf: 54
¨bÎ)) ÞOä3­/u ª!$# Ï%©!$# t,n=y{ ÏNºuq»yJ¡¡9$# uÚöF{$#ur Îû Ïp­GÅ 5Q$­ƒr& §NèO 3uqtGó$# n?tã ĸöyèø9$# (
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Yuunus: 3
 ª!$# Ï%©!$# yìsùu ÏNºuq»uK¡¡9$# ÎŽötóÎ/ 7uHxå $pktX÷rts? ( §NèO 3uqtGó$# n?tã ĸöyèø9$#
{Allaahaan isa samiiwwan ol fuudhe utubaan maleetti, isin kan isii argitan (akka utubaa hin qabne), eegas Arshiirratti ol tahe.}
Ar-Ra’ad: 2
ß`»oH÷q§9$# n?tã ĸöyèø9$# 3uqtGó$# ÇÎÈ  
{Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.}
Xaahaa: 5
) 3uqtGó$# n?tã ĸöyèø9$# (
{Eegasii [Rabbiin] Arshiirratti ol tahe.}
Al-Furqaan: 59
ª!$# ) Ï%©!$# t,n=y{ ÏNºuq»yJ¡¡9$# uÚöF{$#ur $tBur $yJßguZ÷t/ Îû Ïp­GÅ 5Q$­ƒr& ¢OèO 3uqtGó$# n?tã ĸöyèø9$# ( (

{Allaahaan isa uume samiiwwanii fi dachii, ammas waan isaan lamaan jidduu jiru, qixa guyyaa jahaa keessatti, eegasii Arshiirratti ol tahe.}
As-Sajidaa: 4
) uqèd Ï%©!$# t,n=y{ ÏNºuq»yJ¡¡9$# uÚöF{$#ur Îû Ïp­GÅ 5Q$­ƒr& §NèO 3uqtGó$# n?tã ĸóyêø9$# (
{Inni isa uume samiiwwanii fi dachii qixa guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Al-Hadiid: 4
4.    Hadiisa keeysatti o tahuu Rabbii waan sabachisu.
Hadiisni waa’ee ol tahuu Rabbii ibsuu hedduudha san keeysaa akka armaan gadii kana:
1.    Hadiissan Arshiirratti ol tahuu Rabbii sabachiisan keeysaa hadiisni Israa fi Mi’iraajaa isa tokko.
Rasuulli S.A.W samiiwwan hunda keeysa tartiibaan erga dabree, gama Rabbiitti ol dhalaawe, Rabbiin Isaatis isa dhiheeyse. Salaata 50 dirqama irratti godhe, garuu Rasuulli S.A.W Muusaa fii Rabbii Isaa jidduu daddeebi’ee salaata 50, shanitti deebiseef. Muslimtu gabaase.
2.    Rasuulli S.A.W akkana je’an:
(( لما خلق الله الخلق كتب في كتابه فهوعنده فوق العرش إن رحمتي تغلب غضبي )) متفق عليه
((Rabbiin yeroo uumaa uumu kitaaba isaa keeysatti ni galmeeyse, (kitaabni) suni Isa bira jira, Arshii olitti “Rahmanni kiyya dallansuu kiyyarra caala”)) irratti waliigalamaadha.
3.    Rasuulli S.A.W akkana je’e:
((يتعاقبون فيكم ملائكة بالليل وملائكة بالنهار , ويجتمعون في صلاة الفجر والعصر ثم يعرج إليه الذين باتوا فيكم)) متفق عليه

 (( Malaaykaan Isin keeysatti wal tareeffatan, Malaaykaan halkaanii fii Malaaykaan guyyaadha. Walitti dhufan yeroo salaata Fajrii fii Asrii keeysatti, egas warri isin bira bule gama Rabbii ol bahan.))
Irratti waliigalamaadha.
4.    Rasuulli S.A.W Sa’ad Ibnu Mu’aaziin R.I.H akkana je’en:
((لقد حكمت فيهم بحكم الله من فوق سبع سموات.)) البخاري
 ((isaan keeysatti murtii Allaahaa Samii torbanii ol jiru Murteeysute.)) Bukhaariitu gabaase.
5.    Anas R.I.H akki je’e Zeeynabaan Bintu Jaahsh beerran Rasuulaatti akkana jettee dhaaddachuu turte.
(( زوجكن أهاليكن وزوجني الله من فوق سبع سماوات ))أخرجه الترميذي
“Isin hunda maatii teeysantu isin heerumsiise, ana garuu Allaahaatu Samii Torbanii olii na heerumsiise.)) Tirmiiziitu gabaase
Oduu biraa keeysatti Rasuulaan akkana jette:
(( زوجنيك الرحمن من فوق عرشه)) رواه البخاري
“Ar-Rahmaan Arshii olii sitti na heerumsiise” Bukhaariitu gabaase
6.    Rasuulli S.A.W akkana je’e:
((كان الله على العرش وكان قبل كل شيء وكتب في اللوح كل شيء يكون.)) البخاري
((Allaahaan Arshiirra ture, Inni waan hunda dura ture, ammallee waan tahu hunda Lowhal Mahfuuz keeysatti galmeeyse.)) Bukhaariitu gabaase.
7.    Rasuulli S.A.W akkana je’e:
((أَلاَ تَأْمَنُونِي وَأَنَا أَمِينُ مَنْ فِي السَّمَاءِ)). حَدِيثٌ صَحِيحٌ
 ((“Isin na hin dhugomsitanii, haala ani isa samiirra jiru biratti dhugomfamaa taheen?”))
Bukhaarii fii Muslimtu gabaase