Monday, April 29, 2013

Yaa Abbaa Ilmaa! Yaa Hadha Ilmoo Dhagayi!


***** Gorsa Bareedaa Dr. Aa'id Al-Qarnii*****
Yaa Abbaa Ilmaa! Yaa Hadha Ilmoo Dhagayi!
Ilmoo yoo hin qabaannes beekhi!

>Ilma keetiin Ka’ii salaati yoo dide Azaaba seenta hin je’aniin
Garuu Koottu naa wajjiin salaati akka waliin Jannata seenuuf je’iin.
>Ilma keetiin ka’ii baradhu, hin taphatin barnoota sii caala hin je’iniin
Garuu Hoggaa barnootaa fii hoojii manaa kee fixxe wajjiin taphanna ykn bashannan je’iin.
>Ilma keetiin ka’ii afaan sawaakkadhu yeroo hunda sitti himuu hin qabu hin je’aniin
Garuu Ati waan hoggaa hunda afaan sawaakkattuuf natti tolta, hangan ani siif himullee hin eydu je’iin.
>Ilma keetiin cinnaacha biitaa irratti hin rafin jettee itti hin ka’iin
Garuu Rasuulli s.a.w cinnaacha mirgaatin akka rafnu nu barsiise je’iin.
>Jechi sirraa bahu hundi ilma kee irratti waan uumu qaba.

Sunday, April 28, 2013

Sagalee Ibsituu dukkanaa 7ffaa

Sagalee Ibsituu dukkanaa 7ffaa

>>Oduu Torbaanii
>>Seenaa Filoosoofar Abdullaahi hararii
>>Ergaa dargaggootaaf
>> Fakkeenyoota Keenya
>>Walaloo
Moobilaaf: http://goo.gl/gOZgQ
Koompitaraaf: http://goo.gl/PBLXq


Walaloo koree Muslimaa haa yaadannuu


Koree teenya haa yaadannu!
By Abuu Salaah Al-Muhaajir

Koree kudha torban ummata muslimaa 
Hayyoota beekamoo sadarkaa aalamaa
Badii tokkoon malee hidhatti azzabamaa
Biyya dukkanooytu hinjirre mirgi namaa
Muslima tahuudhaaf namni azzabamaa
UU nu dhagayaa ummata aalamaa
ABUU BAKAR AHMAD namni hin beyne hin jiruu
Warra isaan hidhe Rabbiin haa dararuu
Yaa Ilaahii waayee ustaaz YAASIIN NUURUU
Atummaan murteysii Aziiz yaa Jabbaaruu
Ijji too booyaadhaa qalbiin too hiraaruu
Badii malee cubbuun hidhaa keessa jiruu
Kuun AHMADDIIN JABAL qondaala nagayaa
Seenaa keenya muslimtoota itoophiyaa
Aalama barsiise kitaaba itti kaayaa
Ammas haa yaadannuu ustaaz KAAMIL SHAMSUU
Diiniif lallaburraa Hoggu takka hin usuu
Warra isaan hidhe Rabbi haa dhamaasuu
Dhukkuba garaatiin qabee haa albaasuu
Zaalimtoota matarra gadi nu haa buusuu
Nu haa godhu ka diin isaatiin murteessu.

Sunday, April 21, 2013

Goodina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Giimbiitti Masjida Ijaaruun dhorgame


ODUU OOWWAA
Goodina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Giimbiitti Masjida Ijaaruun dhorgame.

Magaalaa Gimbiitti Masjidni hawaasaan Jaaramaa ture Bulchinsa magaalaa Gimbiitiin akka dhaabbatu godhamuu Isaa jiraattoonni magaalatti ibsanii jiran.

Bakka amma Masjidni itti ijaaramaa jiru kana Muslimoonni karaa seera qabeessaan kan bitatan hoggaa tahu, yeroo Isaan bitatan Bulchinsi Goodinaa akka bakka sanitti argame Ibsuudhaan, Bulchinsi Goodinaa akka waan fedhan itti ijaaruu dandahan Ibsee ture. Garuu amma Masjida eegalan xumura irra gahanii osoo jiran seeraa ala jechuun dhaabsisanii jiraachuun Isaanii beekkamee jira.

Masjida kana jalatti Madrasaa fii olmaan daa'immanni akka ijaaramaa jirus Jiraatoonni magaalaa Gimbii ibsanii jiran.

KADHATTUUN WAYYAANEE NORWEEYITTI SALPHATTEE JIRTI


Oduu Gammachiisaa

Norweeyitti Mootummaan xoobiyaa hidhaa abbaayiif (Giddibii abbaayiif) boondii gurguruuf wal gahii guddaa yaamee ture. Garuu Hawaasni biyya teenyaa hundi bakkatti kadhattuu wayyaanee xiqqeeysanii walgahii facaasanii addaan galchanii jiran.
Muslima
kiristaana
saba biraa hundi tokko osoo hin hafin shiftoota mataa gad qabachiisanii jiran.

Hidhaa Abbaay dhira

Mirgaa muslimootaa
Mirga amantii
Mirga sabootaa
haa kabajamu jechuun televiziinaa fii gaazeexaa Norweey hundaan dabraaa turan.

Allaahu Akbar.

Saturday, April 20, 2013

SAGALEE IBSITUU DUKKUNAA 6FFAA

SAGALEE IBSITUU DUKKUNAA 6FFAA
Download godhuun bluetoothin waliif dabarsaa.
⊱_ ▂ ▄ ▅ ▆ ▇ █ SID █ ▇ ▆ ▅ ▄ ▂ _⊱
Oduu torbaanii
Gaafii fii deebii xinxalaa siyaasaa Jawaar Muhammad waliin godhame.
Falsafaa Islaama keysaan baate.
Ustaaz kaamil Shamsuu afaan oromootiin
as tuqaa: http://goo.gl/qPCiv
as tuqaa: http://goo.gl/qPCiv
koopitaraaf:
as tuqaa: http://goo.gl/0VcNT

Friday, April 19, 2013

MAGAALAA HARAR MASJIDA FEERROOTTI MOORMII DU'AAII FII TAKBIIRAA GODHAME


ODUU OOWWAA

Magaalaa harar (Adaree Biyyoo)  19-4-2013

Magaala Harar masgida ganda Feerro jedhamuti torbaan 2ffaa akka gaariti salaata Jum'aa duraa fii Booda Du'aaii fii Takbiiraan mormiin godhamee jira.
Allaahu AKbar!!!

OBBOLEYYAN ADAAMAATTI MAJIDA 06 KEEYSAA HIDHAMAN IRRAA 1 BAATI 5 HIDHAMUUFI


ODUU OOWWAA ADAAMAARRAA

Obbollewwan teenya adaamatti ji'oota muraasaan dura masjiida 06 irraa poolisaan qabamuun Isaanii yaadatama, kanneen keessa ijoolleen mana hidhaatii ragaa qarshii 3000tiin gadidhiifamanii turan. obboleewwan keenya kanneen keessa barataa Abdulhakiim  jedhamu baalamaaf mana murtii deddeebi'aa kan ture yoo ta'u guyyaa har'aa ganama keessa sa'a 4:00 irratti hidhaa ji'a 5 itti murteeffamee jira Yaa Allah nuuf dirmadhu.

Thursday, April 18, 2013

SU'UDII MAGAALAA JIDAATTI MUSLIMOONNI IMBAASII DURATTI SALAATAN


ODUU OOWWAA SU'UDII JIDAAH IRRAA

Muslimoonni Magaalaa Jidaah Jiraatan Imbaasii duratti yeroo salaatan. Jaleen Mootummaa Imaasii akka hin seenne dhorginaan akkatti karaa guutanii Salaatan.
Allaahu Akbar!!

DUBARTOONNI ADAAMAA SEENAA DALAGAN


ODUU OOWWAA


Guyyaa har'aa magaalaa Adaamaatti gama dubartootaatiin sagantaa sadaqaa fi tokkummaa Islamaa jedhuu dhihaate dubartoonni yeroo faxaraatti masjiidatti wal gahuudhaan sagantaa du'a'ii bifa oowwa taheen gaggeessaniiru

Allahu Akbar

Muslimoonni Biyya teenyaa kan Jiddaah Jiraatan seenaa dalagaa Jiran.


ODUU OOWWAA

Su'ud Arabiyaa Magaalaa Jiddaatti Muslimoonni Argaman sa'aa ammaa Imbaasii Itiyoopiyaa kan Jiddaah Jiru duratti hiriira godhaa jiran.

Xalayaa dhaadannoo qabdu qabatanii dhaadannoo dhageeysisaa jiran.
dhaadannoo qabatan keeysaa
1. Koreen teenya hidhaa haa baatu.
2. Koreen badii malee hidhaman nu hundarraa bakka bu'an.
3. Laga Abbaay hidhuu dura Mirga keenya nuuf eegaa.
Muslimoonni Biyya teenyaa kan Jiddaah Jiraatan seenaa dalagaa Jiran.
Allaahu Akbar.

Harargee Bahaa Dirree Dawaa fii Haroomaayaatti sagantaan du'aaii fii soomanaa godhame


ODUU OOWWAA

Sagalee Ibsituu Dukkunaa

guyyaa arraantanaa april 18 -04-2013 Masjida Baabu Rahmaa magaalaa Dirree dawaatti hawaasni muslimaa somaanaan oolee waliin fuuruudhaan Muslimoota hidhaa jiruuf, koree teenyaa fii Muslimoota biyya teenyaa fitinaa amma itti dhufte jalaa Rabbi akka najaa baasu kadhatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatun Magaalaa Haroo Maayaatti Hawaasni soomanaan oolee Masjidatti waliin furuudhaan Du'aaii godhanii jiran.

Billina Oduu kanaa Jum'aa galgala sangantaa sagalee Ibsituu dukkunaa irratti eeggadhaa.

Footoon Masjid Baabu Rahmaa Dirree Dawaadha.

Seena Intala Muslimaa mana Isaanii keessatti Poolisa Federaalaatiin gudeedamtee.

Seena Intala Muslimaa mana Isaanii keessatti Poolisa Federaalaatiin gudeedamtee.
Innaa lillah wa innaa ileyhi raajiuun

Dubbii tana Obboleytii Isii tan Riyaad Su'udii Jirtuu fii Haadhaa fii Intala amata 14 tan gudeedamte qofaatu beeka.
Abbaan dhukkuba dhiigaa waan qabuuf dhagayu ni du'a jechaa sodaatan,
obbooleysii Isii dhagayuu Poolisa tokkotti utaalee ajjeefama jechuu sodaatan.
Obboleytii Riyaad jirtuuf tura keessa himaniif. Riyaadirraa akkanatti booyaa seenaa kana himti.

Finfinneedha jireenyi Isaanii, Waraanni mootummaa halkan tokko mana muslimootaa hogguu fattashu Ahbaashoota koofiyyaa Islaamaa kaayatanii wajjiin mana Isaanii hedduminaan seene. Halkan san abbaa fii Ilma dardaraa kan qabsoo muslimootaa kanatti hirmaannaa qabu (jum'aa hiriirri jiraatu ni hirmaata jechuu feeteeti) makiinaan fudhanii gara mana hidhaa dabararsan. Haadhaa fii sarraatanyaa mana tokko itti danqaranii, Intala amata 17 tan erga nikaah godhattee baatii lamaa, mana nu wajjiin fatashtaa je'anii fudhatan. Achuma mana Isaanii keesssatti itti gaafatamtoonni poolisaa 2 itti taphatan.
Akka obboleytiin Riyaad jirtu himtuutti halkan san mana Isaaniitii qarshii kuma 11 fii laptop, moobile smarte moobile je'amu 2 akka poolisoonni fudhatan dubbatti.
Seenaa kana Dimtsaachin yesamaa su'ud arabiyaa warra jiruuf booyaa akka armaan gadii kanatti himtee jirti.
kan dhagayamiin meeqa haa tahu?
Afaan amaaraa beytan Numa dubbisaa, obsaan gad fixaa.
Innaa lillah wa innaa ileyhi raajiuun.


Wednesday, April 17, 2013

WALALOOO QABSOO


WALALOOO QABSOO

by Abuu Saalah Al Muhaajir

irranfachuun hitaanu gocha suukanneysaa.
obboleeyyan keenya magaalaa asaasaa
salaata jumaatiif dhufan yaa obbolleessaa
warranni itti duule mana Rabbii keessa.
hedduudha ajjeessan hedduudha madeysaa
kan walloo magaalaa garbaa fii dagaanii.
muslimtoota dhangala'e dhiigni isaanii
ummata ajjeesan masgiida seenanii
humni abbaa irree warreen farra diinii
ummanni diin keenya islaama jennaanii
amantii haarawa fudhachuu dinnaannii
ahbaash lubnaan galtuu balaaleyfannaanii
badii 1 malee itti dhukaasanii
hedduudha ajjeesan hedduu madeysanii
muslima tahuudha kunoo balleysaanii
amantii jirjiiruu diduu yakki isaanii
waa godhuu dadhabnus nu booya garaanii
Rafuu nu dhoowwite nu hundaa laalaanii


Bid'aa Ahbaashii biratti.


Bid'aa Ahbaashii biratti.
Urjii Ahmad

Bid'aa jechuun waan shari'aa Islaamaa keessatti dabalamu ykn irrifamu jechuudha.
Ibaadaa hunda karaa Rasuulli s.a.w godheen qofa godhuun barbaachiisaadha.

Ahbaashii biratti bid'aa jechuun Quraanaa fii Hadiisatti dalaguudha. Yoo Quraanaa fii Hadiisatti daleyde wahbiyyaa sin je'an. Ani kaniin je'u Quraanaa fii Hadiisatti dalaguun eega wahbiyyaa taate wahbiyyaan duraa Ana. Bagan Wahbiyyaa tahe. Bagan Quraana jala deeme. Bagan Rasuula s,a,w jala deeme. Bagan Islaama tahe. Baga! Baga!

Ahbaashiin waan dubbattu hunda Yahuudaa gammachiisuuf dubbatti.
Ahbaashii irraa waan dhagayame keessaa Bid'aan akka armaan gadii kana:

1. Haqa ifiitiif falmachuu. Fakkeenyaaf qabsoo muslimoota Itiyoopiyaa, Qabsoo muslimoota suuriyaa, Filisxeem, hundi bid'aadha. Yahuudaa jalatti maaf hin bullee jechuu Isaaniiti.
2. Muhaadaraa godhuu. Guyyaa boqonnaa hojjattoota mootummaa fii barattootaa guyyaa saftii fii alhadaa waa'ee diin barsiisuun bid'aadha. Muslimoonni amatatti yoo guyyaa tokko mowlida je'anii caffaran ni gaha jechuu Isaaniiti.
3. Dhalaan Hijaaba uffachuun bid'aadha. Kofoo ykn gurdii ufannaan gahaadha. Hijaabni aadaa wahbiyyaati je'an. Quraanaa fii Hadiisni guututti kan wahbiyyaati Ahbaashii biratti.
4. Dhiirti areeda guddiifachuun bid'aadha. Kanaaf Rasuulaa fii Sahaabaan dongora dalagan jechuudhaaf deeman.
5. Mootummaa Islaamaa Adunyaa tana bakka takkattillee dhaabuun bid'aadha. Fakkeenyaaf biyya shari'aa jabeeysan Su'udii, Qatar, Suudaan, fi k.k.f hundi warra bid'aati.
6. Jihaada qawwee godhuun bid'aadha. Jihaada warri godhan Filisxaam, Suuriyaa, chichiniyaa fi k.k.f hundi Isaanii bid'aadha dalagan.
7.
8.
9.

Isinis waan Ahbaashiirraa dhageeysan itti guutaa.

Wanni nama cinquu qabu osoo jiruu waan naman rakkineen rakkatuurraa nu haa baraaru.


Wanni nama cinquu qabu osoo jiruu waan naman rakkineen rakkatuurraa nu haa baraaru.

Hoggaa garii aji'abuma Rabbi nama agarsiisa. Facebook irraa jaartii fii freendii barbaada kan qaaxiraa bulus numa jira. Facebook irratti akka tasaa jaartii ykn jaarsa argachuun ni mala. Garuu facebook magaalaa dubartoota heerumuu barbaadaniitii miti. Maqaa bareedina, footoon bareedina, Malaaykuma fakkaatti! jechaa osoo gaggabuu kan halkan qaaxiraa buluun maaluma jettaniin?!

Wanni rakko nutti tahe yeroo ammaa jaartii dhabuu fii argachuu miti. Garuu mirga dhabne, Islaamummaa teenyaatu nu jalaa baduuf deema. Kanaaf facebook bakkuma ergaa gaggaarii itti wal dabarsinu goonee Osoo jaartii ganduma keenyaa Intala beeynu barbaaddanne gaarii natti fakkaata.

Facebook qabsoo teenya finiinsuuf, ergaa waliif dabarsuuf bakka gaariidha. Jaartii fii Jaarsaa ammoo bakki asii miti. Facebook irra hattuun, kijibduun, wayyaaneen, Ahbaash, Sheeyxaanni hundi guutuudha. Ati footoo fii maqa jala deemnaan hallayyaa seentee beeki.
Qabsuma Islaamaa tanaahu kan maqaa isaatiin gaggeeysu akka waan hin jirreeti. Kanaafis sababa mataa isaa qaba namni hundi. Gariin mootummaa fii basaasa sodaata, gariin beekkamuu fii faaruu nama isa beekuu jibba, gariin naggadaa fii kijibaaf jijjira. Kana hunda kan hisaabu Rabbi qofa. Anaa fii ati qabsoorratti osoo xiyyeefanne gaariidha. Jara kana beekuu fii dhiisuun dalagaa teenyaa miti.
Footoo bareedduu laaluun goroorus dhaabuu qabna.
Ani boru maqaa bareedaa tokkoo fii footoo bareedduu takkaan dhufuutu mala. Ati footoo yoo laaltee "siif maraadhe" kan jettu tahe, enyuutu dogongore?

Ergaa wallif dabasruu fii qabsoo irratti haa xiyyeefannu.

Qabsoo! Qabsoo! Qabsoo!
Amantii teenyaaf haa tumsinu!

Majlisni Seeraa alaa kan Obbo Kiyaariin hogganamee Su'ud Arabiyaa dhaqe Salphatee jira


Oduu Oowwaa
Su'ud Arabiyyaa irraa
Majlisni Seeraa alaa kan Obbo Kiyaariin hogganamee Su'ud Arabiyaa dhaqe Salphatee jira. Waldayni dorgaggoota Muslima Adunyaa Gargaarsa tokko Isiniif hin goonu jechuun Isaan salphiisuun Isaa dhagayame. Majlisa seeraa alaa irraa bakka bu'anii Riyaad Su'ud Arabiyaa kadhaaf kan dhaqan Hattoonni kunniin akka Riyaad keeysatti Muslimoota sodaaf dhukatanii bakka hin beekkamne jiraatanis beekkamee jira.

Guyyaa Boruu Kadree Isaanii tan Riyaad jirtuu waliin Imbaasii Itiyoopiyaatti akka marii godhuuf deeman dhayamee jira. Muslimoonni Magaalaa Riyaad Hattoonni kun yeroo boru walgahii godhan sanitti Isaan salphisuuf qophaawanii jiran

Allaahu Akbar!

BEEYSISA MADDA ISLAAMAA IRRAA BAHE


BEEYSISA MADDA ISLAAMAA IRRAA BAHE

UMMATA MUSLIMAA FACEBOOK FAYYADAMTAN HUNDAAF!

Obboleyyan facebook irratti peejii hedduutu jira, kheeyrii bakka irra argattan hunda irraa fayyadamaa. Muslimni kheeyrii irraa hin qufu.

Ammoo peejii tokko tokkoo fii namoonni tokko tokko maqaa keeysaniifii biyya jirtan barreeysaa akka jechaa jiran dhageenyee jirra. Obboleyyan facebook gubbaatti abbaan fedhe maqaa fedhe baafachuu dandaha, peejii tahus namni hundi banachuu ni dandaha.

Kanaaf Obboleyyan maqaa keeysanii fii biyya jirtan nuuf barreeysaa jech
uun nama Isin gaafatu tokkoof akka deebii hin kennine Isin beeysifna.

Yeroo Ammaa biyya teenyatti qabsoon Muslimootaa facebookiin waan gaggeefamaa jiruuf mootummaanis faceboook irraa namoota hedduu RAMADEE qaba. Maddi Islaamaa Muslimoota hundaaf wanni beeysisu bilbila keeysan, maqaa keeysan kan sirrii, biyya jiraataa jirtan dirretti barreeysuun lubbuu teysan balaaf akka hin saaxille Isin beeysifna.


Madda Islaamaa kanarraa boru maqaa keeysanii fii biyya keeysan nuuf barreeysaa wanni jedhu yoo post tahe, bilbila keeysan nuuf kennaa wanni jedhu yoo post tahe peejiin kun akka nu harkaa bahee Adawwii harka seene beekuudhaan akka if hin saaxille Isin beeysifna.

Peejii fii namni beekkamaan fedhe facebook irratti maqaa keeysanii fii bakka amma jirtan barreeysaa yoo isiniin je'e akka if eeydan Isiniif dhaamna.

Facebook duuba waan jiru Rabbi qofaatu beeka. Muslimni lubbuu Isaa salphaatti dabarsee kennuu hin qabu. Akkasumas iccitii ifii baasanii adunyaa guutuuf Ibsuun aadaa Islaamaati miti.

Haqa Kan beeku Rabbii tokkicha!

LEENJII AHBAASH HAARAWATTI GAGGEEYSUUF MILIYOONNI 313 MOOTUMMAAN RAMADAMEE JIRA


ODUU OOWWAA

Mootummaan leenjii Ahbaash harawatti jalqabuuf proojaktii qarshii miliyoona 313 majlisaan waliif mallateeysee jira.

Dhimmi Ministeeroota Federaalaa fii Majlisni seeraa alaa Leenjii Ahbaash haarawatti itti fufuuf waliigaltee godhanii jiran.
waliigalteen kan godhame torbee dabre guyyaa saftii biroo majlisa seeraa alaa keeysatti.
waliigalteen kan goadhame Dr. Shifarraaw fii barreeysaa majlisaa Muhammad ali, Bakka Finfinneetii fii Majlisa Tigraay kan ture kan amma itti aanaa preezidaantii tahe Kadiir waliin akka tahe beekkamee jira. Majlisoonni ammaa itti preezidaantii fii itti gaafatamtoonni muraasni ajaja mootummaarraa dhufuun hojii gaggeeysuu hin qabnu hoggaa je'an, Itti Aanaan Preezidaantii fii barreeysaan majlisa seeraa alaa ammoo ajaja mootummaa qofa daleyna jechaa akka jiran maddoonni gabaasanii jiran.
Kadree mootummaa fii miseensa TPLF kan tahan itti aanaan obbo Kadiir muhammad fii barreessan obbo muhammad alii Leenjii kanaaf proopoosaala qarshii miliyoona 313 kan dhaleefatan hoggaa tahu Dr. Shifarraaw mirkaneeysee akka godhamu mallatteeysee jira. leenjii kana akkuma kana durattii maqaa "seera biyyaa" je'uun akka gaggeeysaniis murteeysanii jiran.
Mootummaan ammallee dura caalaa harka Isaa dheereysee amantii Islaamaa keeysa akka naqe kana ol ragaan hin barbaachisu.

Shira wayyaanee Rabbiin galmaan hin gayin.
Allaahu Akbar!