Friday, August 31, 2012

SEENAA MALLAS KAN DHUGAA 1955-2012

SEENAA “MALLASII” KAN DHUGAA
(1955 - 2012)
Abdii Borii

Kana dura seenaa mootummoota Etyoophiyaa bulchaa turani kan akka : TEWDROS,YUHANNIS,MINILI FI HAYLASILLAASEE duubataa turuun keenna niyaadatama,Mallasiin immoo hanga angoo isaa xumuratuuf eegaa turre,amma yeroon waahee isaa dubbannu gahee jira waan taheef kunooti.


Mallas maqaan isaa kan dhalootaa “Laggase Zeenaawii” ture , qabsaayaan cimaan ummata Tigree Mallas jedhamu duunaan maqaa kana fudhate.
Mallas bara 1955 ALA Adawaa(Tigraay) keeaassatti dhalate.
bara 1974 tti Barnoota fayyaa(medicin) osoo barataa jiru jidduun kutee worraaqsa ummata Tigree kan mormitoota mootummaa Dargiititti dabalame
bara 1975tti adda bilisummaa Tigraay hundeessuu keessatti qooda fudhatee ture.
Bara 1991tti Mnagistuu Hayla maaram gara Zimbaabuyee baqannaan Mallas gara angoo dhufee presdaantii biyyattii tahe.
MALLAS erga worroota sirna Dargii cabsuuf woliin lolaa turan ganee, kaan ajjeesee,kaan hidhee,kaan biyyaa ari’atee angoo irratti olbahe. Aangoo isaa cimsatee haala mijjeeffatee boonaa fi ofjajuu jalqabe,tiyya haataatuu fi anatu jabaa dha jechuun mallattoo isaa taahe,akkuma aadaa mootummoota abbaa irree innis fayyadamaa ture.jechoonni inni paarlaama keessa taa’ee dubbatu kana irratti ragadha. 
yeroo gaafiin adda addaa isa gaafatame deebiin inni kennu kan tuffii fi xiqqeessati, fkf;
-shukkaarri maaf gatiin isaa dabale jedhamee yoo gaafatamu “qotee bulatu shaayii dhuguu jalqabe”
-Etyoophiyaa keessatti kadhataan maaf baay’ata ?jedhanii gaafannan “sacii sila bazza new /namni kennu waan baay’ateefi”.
-paartii mormitootaa yoo yaamu “ye abbadee hushaa(saree maraatte) jedha.
-yeroo woraana biyya suumaaletti erge gara biyyaatii haa deebi’u jedhee murteesse ,ummata wolfixaa jiru kana akkamitti wolitti dhiifnee woraana keenna keessaa baafna jedhee paarlaamaa keessaatti gaafatamnaan “ye fallagee jib yibila /abbaa barbaade bineensi haa nyaatu” jedhee deebii kenne. Jechoonni kana fakkatan baayyetu jira.

Kana qofa osoo hin taane sammuu namaatitti taphaataa ture,ummata gowwoomsaa ture,mee akkamitti yoo jettan ??? wolumaan haalaalluu.
Beelaa fi hiyyummaa = misoomaa fi guddina jedha
Wolaalaa fi doofummaan =beekkumsa fi qaroomina babaldhisuu jedha 
Diktaatoorummaa(abbaa irrummaa) =dimokraasii dhugaa
Mirga dhala nama dhiibuu = bilisummaa jedha
Dhimma Biyyoota ollaa keessa seenuun rakkoo irraan gahuu = tola itti oolinsaa fi rakkoo keessaa isaan baasinsa jedha , fkf biyya Sumaalee.
Mallas akkanatti wonta hundaa faallaa jijjiiree dubbataa ture,worroonni isa jala deemanis woma inni jedhu san woliin jedhaa jalaa qeebalaa harka tumaafii turan

Kun immoo kan duraa caalaa akka boonee uf wollaalu isa taasise, boonni isaa kun tuffii muslimootaa biraan isa gahe,mirga amantii kan seerri biyyatti akka kabajamu murteesse diiguudhaan muslimoota aqiidaa isaanii qulqulluu irraa gara aqiidaa AHBAASH tan dharaatitti isaan deebisuuf yaalii godhuu jalqabe,muslimmummaa irraa gara amntii biraatitti isaan jijiiruuf haala mijjeessuuf kaayyoo kana jalqaba taasifate.

Haata’uu malee dubbiin faallaa isatti garagalee muldhatee jira,waan inni hin niyyatin/hin yaadintu isa mudate,moormii jagnoonni muslimtootaa argisiisaniin rifachhiifamee jira, ijjannoon cimaa ulamaa’ota islaamaa irraa murtaaheen hamileen isaa dhahamee kaayyoon isaa fashilaayee jira.
Guyyaa 17/4/2012 tti lola muslimoota irratti labse,ulamaa’ooni islaamaa du’aa’i qunuuta(salaata keessaa) akka isarratti kadhatan murteessan,yaa Rabbi qabaatee jabduun nuuf qabi,nuti humna hin qabnuu simalee jedhanii Rabbiin itti kadhatan.
Guyyaa lama qofa oolee 19/4/2012 dhibee baayyee badaa taheen qabamee mana yaalaa biyya alaa magaalaa Buriksil geeffame, garuu fayyuu hin dandeenyee, achumatti booddeen isaa taate,kaayyoo isaa usuu galmaan hin gayin gaddaa fi gubataan du’e.umrii(57) tti du’e.

GOCHA GUDDAA KAN HIN DAGATAMNE:
Seenaa Mallasii keessatti wonti guddaan yeroo kamuu dagatuun hin danda’amne ummata muslimaatii Amantii haarawa biyya alaa irraa fiduu isaati, biyya Lubnaan (Lubaanos) irraa amantii AHBAASHAA kan yahuudaan islaama ittiin cabsuuf oomishte fidee jira. Gocha akkanaa kana mootummoonni Etyoophiyaa kanneen isaan duraa tokkollee dalaganii kan hin jirre argamsiisie,MINILIKI fi HAYLASILLAASEENIS amantii islaamaa balleessuuf yaalii godhaa turan malee biyya alaa irraa amantii biraa fidanii hin beekan.
MALLAS amantii akka meeshaa daldalaa biyya alaatii galche kana ummanni muslimaa fudhatuu dinnaan dirqiin (humnaan) isaan fudhachiisuuf biyyoota Awrophaa fi Amriika keessa naannayee qarqaarsa wolitti qabuuf osoo olii gad deemu qabaan rabbi itti dhufte,kun aadama Rabbii keennaati,zaalimtoot diinii isaa balleessuu barbaadan durumaa rabbiin akkanuma isaan godha, kun waan haarawaa miti.

Haata’u malee Gochoonni MALLAS dalagee fi qabaan Rabbiin isa qabe kun SEENAA kanaan dura dabre nuyaadachiisa:
YUHANNIS kan dhaloonni isaanii bakka tokko ture(Tigraay) kana dura akkana dalage, bakka BOOR- MEEDA jedhamutti bara 1875 ALA titti muslimootaf woggaa 3 qofa beellame,namni woggaa an beellame kanaan booda amantii islaamaa irra jiraate jazaan isaa ajjeefamuu ykn biyya gad dhiisee deemuu malee hin jiru jedhee murteesse,erga yeroon sun dhumee nama kuma 50 fixee kuuwwan biyyaa baqatan. Garuu rabbiin jazaa isaa usumaa hin turin isaaf deebise,harka woraana muslimaa “MAHDISTOOT” jedhamanitti daangaa Etyophiyaa fi Suudaaniitit ajjeefame, mataan isaa irraa muramee gara magaalaa UMDURMAAN geeffame,haga amma galmee meeshaa aadaa fi seenaa biyya suudaan keessatti argama.
HAYLASIILAASEE:Innis yeroon angoo isaa san keessatti wolgahii kongirasii Ameerikaa irratti akkana jedhee dubbate:
“muslimoonni Etyoophiyaa keessa ummata gabaabduu dha,worroota gabaabduu amantii abbaa isaanii gad dhiisan kana yeroo gabaabduu keessatti gara amantii abbaa isaanitti (kiristaanummaa)isaan deebisna” .
garuu rabbiin usuu kaayyoo san inni galmaan hin gayatin isa dhabamsiise bara 1974 halaakame.
muslimoota immoo Rabbiin rahmata isaatiin isaan hanbisee haga ammaa nahan amantii isaanii irra jiran.

Ajja’iba !!!! mootummoonnummaan Habashaa yoomuma gorsa fudhatan? Yoomuma worra dabdre irratti laalanii jiilan?yoomuma gowwumma kana irraa bayfata?yoomuma jallinna isaanii kana dhiisan?

DU’A MALLASIITIIF GADDUU:

Waa hunda caalaa kan nama ajabsiisu worroota amantii islaamaa usuu himatan,nama amantii isaanii balleessuuf karoorfate kan Rabbi isa hanqise kana du’a isaatiif kan gaddaniidha.
Rabbiin nama diina islamaa tahe hundaayyu akka hin gaddinef nu dhoorgee jira,usuu abbaa fi obboleessa keennallee taatee.kanarratti raga heddutu jra:
1.nabi IBRAAHIIMIIN(A S ) abbaa isaa irraa Rabbiin isa dhoorgee jira.
2.Rasuulli keennas (S A W) qabrii haadha isaanii Amiinaa dhaqanii akka Rabbiin kadhataniif heyyama gaafannan heyyama dhabanii booyaa achii deemana. 
3.sahaabtichi ABII UBEYDAA(r a)jedhamu kan Rasuulli (s a w) Amiinu haazihil-ummaah(amanama ummata kana) jedhanii isa moggaasan gaafa lola BADRII abbaa isaa JARRAH kan jedhamu ajjeese,abban isaa nama diin Rabbiitiin lolu waan taheef,akkamitti abbaa kee ajjeefata? jedhanii namoonni gariin isa komatuu barbaannaan, Rabbiin Qur’aana buusee akka inni badii tokko hin dalagin raga isaaf bahe (لا تجد قوما يؤمنون بالله واليوم الأخر يحبون من حاد الله ورسوله ولو كانوا آباءهم) “Ummat Rabbiitii amanan kan jaalatan hin argitu nama Rabbii fi Rasuula isaa morme usuu abbaa isaaniillee taate,yk ilmaan isaaniille taatee,yk obboleessa isaaniillee taatee,yk gosa isaaniillee tate …….” Abii Ubeydaan akkanatti abbaa isaa inni diina Rabbii taheef yoo ajjeesu nuti du’a nama diina islaamaa taheef yoo gaddinu mee dubbiin maalfakkata???amantiin teenna akkam ta’itti?
Kanaafuu namni amantii islaamaa qabdan du’a nama dallansuu Rabbii irratti du’eetiif gadduu irraa akka uf qusattan isiniif dhaama, akka amantiin teessan isin jalaa hin miidhamne,akka guyyaa qiyaamaa isaan woliin Rabbiin isin hin kaafne “namni tokko namuma jaalatu woliin kaafama jedhan Rasuulli (s a w).

YAA RABBIIN NAMA HAQAA FI WOLQIXXUMMAAN UMMATA KEENNA BULCHU BAKKA NUUF BUUSI !!!!!!!!.Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin.

3 comments: