Thursday, May 10, 2012

Ahbaashaa fi Amantii isaanii Fokkottuu!!!


Ahbaashaa fi Amantii isaanii Fokkottuu!!!

Jama’aan “Ahbaash” jechuudhan of yaamu kan amma biyya teenya keessa figuu jalqabe kun eega nubira gahee bara 15 tahee jira. Garuu baroota dheeara kana keessa nama kuma shan wallitti qabachuu hin dandeenye. Kunis Aqiidaan inni barsiisu Aqiida Islaama dhugaa (Ahul-Sunnaa wal-Jama’aa) waan hintahiniif. Kana sirriti isin agarsiisuf kitaaba Ahbash kan“Mukhtasar Sheekh Abdullah Al-Hararii” fi , Sarihul Bayaan jechuudhan beekkaman keessati waan barreeffamee, fi kaasseta audio (CD) irrati waan waraabame keessaa qabxiilee tokko tokkon isiniif barreessa. (Wantootan ani barreesse kun kijibaa fi dhugaa ta’uu isaa adda baafachuuf Kitaabota Ahbash, takka marsaa intarneetii isaani ilaalaa).

1. Warrii Ahbaash “Maaqaa Rabbiitiin kakachuun nama Kafarsiisa” jedhan.

Moslimoonni dhugaa amoo “Raabbii malee waan biraatin kakachuun shirkiidha” jedhanii nama barsiisan.

2. Jama’aan Ahbaash “Allaahuma Ajirnaa Minal Naar” (Yaa Rabbi ibidda Jahannam jalaa nubaasi) jedhanii Islaama hundaaf du’aa’ii guchuun nama Kafarsiisa. Rabbi akka Muslima hundaaf araaramu gaafachunis nama Kafarsiisa. Du’aa’i akkanaa jama’aan gochuun dhorkaadha. Namuu kadhaa akkanaa mataa isaa qofaaf kadhachuu qaba” jedhan

Nuti Muslimoonni garuu “Du’aa’in jama’aan godhamtu Rabbi birrati du’aa’i biroo  caalaa fudhatama qabdi “ jeennee amanna . Keessafuu Guyyaa Jum’aa Immamni masgiidaa hogga khuxbaa gudhu Muslimoota hundaaf araarama kadhachuu qaba.

3. “Siraax” guyyaa qiyaamaa (Aakhiraa) qormaata cimaa nama eeggatan keessaa isa tokko. “Siraax” jechuun karaa akka riqichatti (dildilaa) ibidda jahannam gubbati diriirfamuuf jiru. Nabiin keenya (s.a.w) akka nubarsiisanitti karaan kun qal’inni isaa rifeensa mataa darani. Qaroomina isaatiinis ablee(billawa) darani. Waarri Raabbin fedheef qormaata “Siraax” jalaa laftumatti baha. Warri Rabbiti Kafare ammoo “Siraax” gubbaa dabruu dadhabee ibidda Jahannam keessati kufa. (Rabbi Siraax jalaa nuhaabaasu).

Jarreen Ahbaash ammoo “Siraax karaa bal’aa namni irra deemuu dandayu. Hadiisa kessati “akka rifeensatti qallaa, akka ableetti qara” wanni jedhameef cinqii isaa irraa akka of eegganno goonuuf jecha” jedhanii barsiisan. Ahbaash Hadiisni Nabii keenyaa (s.a.w) soba jechuu isaaniti fakkata.

4. Jama’aan Ahbaash “Sahaabaa Nabii (s.a.w) keessaa warra Alii ibn Abu Xaalib (r.a) wajjin wal-lolle abaaru fi arrabsuun ni hayyamama” jedhan. Haaluma kanaan sahaaboota gurguddaa akka haadha teenya Ai’shaa bint Abu Bakr, Mu’aawiyaa ibn Abu Sufiyaan, Zubeyr ibnul Awwaam, Amr Ibn Al-Aas (hunda isaanii Rabbin irraa haajalatu) arrabsuun nidandayama jechuudha.

Nuti garuu “Namni Sahaabaa Nabii maqaa hamaan kaase jahannam seena” jennee amanna.

5. Jama’aan Ahbaash “Maallaqa socho’u (paper money) irraa Zakaan hinbahu. Zakaan meetaa (qarshii) fi warqii (dahaba) takkaa beeladaa manaa (horii, re’ee kkf), oomisha midhaanifaa malee maallaqa haala qarshii, doolara ykn pawndii fakkaatun biyya kessa socho’u, maallaqa baankii kessa ta’u (saving account), maallaqa check fi bondiin qabame kkf irratti Zakaan waajibaa miti” jedhan.

Nuti garuu “Waan maallaqa tahe hundinuu, yoo gatii ka’umsa Zakaan irraa bahu guute fi yoo harka abbaa qabeenyaa bira amata tokko ture, Zakaan irraa bahuu qaba” jechuudhaan amanna.

6. Jam’aan Ahbaash “Dhala bankii (interest) warra Kiristaanaa irraa nyaachuun nigahaa. Dhalli maallaqaa kan haraam tahe nama Islaamaa jiddutti malee Kafiraa fi Islaama jiddutii miti” jedhan.

Muslimootni dhugaa garuu “Dhala waan tahe hunda Rabbiin Haraam godhee jira” jedhanii barsiisan.

7. Ahbaash “Namni Hajjii dhaqe imaamota Makkaa fi Madiinaa wajjiin yoo Salaata hidhate Kaafira taha. Sababni isaa imaamotni kun Wahaabi waan tahaniif jecha” jedhan.

Nuti garuu “Salaatni masgiidota Makkaa fi Madiinatti Salaatame kan bakka biraa hunda nicaala” jenna.

8. Ahbaashoonni “Intalti dubartii kofoo uffatte yoo deemte haraam hinqabu. Namni haalli kun haraam jedhe kafira taha. Haa ta’u malee intalti dubraa hijaaba uffachutu irra isiif caala” jedhan.

warri dhugaa garuu “intalti dubraa akka dhiiratti yoo uffate malaayikaa fi naminlleen ni abaara” jedhani nama barsiisan.

Kanin asii olitti barreesse kun isa xiqqaadha. Warreen Ahbaash ana daran beekan kan kanaa olii barreesaa turan. Hata’u malee Ahbassh wantoota kana dafee ifa hinbaasu. Yoo beektota isaani gaaffatanis “olola sobaati, kijiba” jechuu malee deebi qubsaa isiniif hinkennan. Jarreen “Hadraan keenya maalif tuqame?” jechudhaan yeroodhaaf Ahbaash waliin gulufaa jiranille wantoota kana hinbeekan. Wantoota kana kan irra gahuu dandeessan yoo kitaabota Ahbaash argattanii dubbistan qofa.

Muslimootni biyya teenyaa hundinuu saba, gosa, naannoo fi haala jireenyaatin osoo hinqoodamin kan Ahbaash balaaleeffachuuf qabaasawa jiraniif “jama’aa jallataa adunyaa guutun beektu kana maaliif nurrati fe’u barbaaddan?” yaada jedhuunii malee akka Ahbaash odeessaa jirutti aangoo koree dhiima Islaamaa Itoophiyaa waan barbaadaniifi miti (Namni miliyoona 40 caalu hundinuu angoo nibarbaadaa?).

Adawwiin Isalaamaa “Wahaabii ballessina” jedhanii jama’aa jallataa beekkamaa kana jala nugalchuuf hidhatanii jiru. Nutis mirgi keenya haga nuuf kabajamuu of duuba hinjennu.

Ahbaash fi fatwaa “Takfiiraa”
Miseensoonni Jama’aa Ahbaash Muslimoota isaan hin hordofnee fi kan yaada isaani hindeeggarre hundaanu “Kaafira” jedhan. Ulmaa (hayyoota) Islaama bebbekkamoo ta’an keessaahis nama hedduu iratti fatwaa “Takfiiraa” (nama Kafarsiisuu) dabarsanii jiran. Adeemsi kun kan waggaa 20 guutuu irra turan malee kan kaleessa jalqabanii miti.
“Fatwaa Takfiiraa” kan “Sheikhul Islaam Ibn Teymiyyaah” irraa jalqabe kun bara kana Hayyoota Islaama ciccimoo tahan kan ummata adunyaa karaa Rabbittii yaamaa jiran Dr Zakir Naik fi Dr. Abu Aminah Bilaal Philps bira gehee jira. Kan nama ajaa’ibu jam’aan Ahbaash “ribaa” (dhala bankii) Kiristaana harkaa nyachuun halaal” jedhu, jama’aan Ahbaash “biyya Kiristaana kessatti masqala fannifatanii deemuun nidandayama” jedhu, jam’aan Ahbaash“Allahumma Ajirnaa minal naar” (Yaa Allah! Ibidda Jahannam jalaa nubaasi) jedhanii Islaama hundaaf kadhachuun Kaafira nama godha” jedhu kun mataa isaa mizaanuu (madaaluu) dhiisee Ulamaa Islaamaa Kafarsiisuu isaati.
Ulamaa Islaamaa kan Ahbaash Fatwaa “Takfiiraa” irratii dabarse kessaa kan asii gaditti tuqaman kun keessati argaman.
I. Ulamaa Gurgudda Durattii

1. Sheikhul Islaam Ibn Teymiyyah :- Hayyu beekka “Mujaddida” (haroomsaa) jedhaman keessa tokko
2. Imaam Ibnul Qayyiim :- barataa Ibn Teymiyyah kitaaba hedduu barreese.
3. Imaam Zahabii:- Abbaa Hadiisaa, Abbaa tafsiira, Abbaa Seenaa, adunyaa guutuun beeytu.
4. Sheikh Muhammad Ibn Abdul-Wahhaab :- Mujaddida beekkamaa kan “Shirkii” fi bi’daa irrati qabsaawe

II. Ulaamaa Tokkumaa fi Bilisummaa Muslimootaatif Warraaqan

1. Sayyid Jamaaluddin Al-Afghanii :- Lammii Afghanistaan kan tokkomaa Islaama adunyaatif bayyee qabsaawe.
2. Sayyid Abul- Ai’laa Mawduudii: Abbaa Hadiisaa, Abbaa tafsiira bekkamaa kan lammii biyya Pakistaan. Kitaaba isaa keessaa isa tokko Sheek Muhammad Rashaad mata duree “Gadaa Islaama” jedhuun Afaan Oromotti hiikaani jiru.
3. Sayyid Quxbi :-Dhalataa Misraa (Egypt) kan Ikhwaanul Muslimiin dhaaban keessa isa tokko. Kitaabaa “Ma’allim fi Xariiq” jedhamu waan barreessef jecha bara 1965tti motiin Misraa Jamaal Abdunaasir seera amalee ajeese.
4. Sheek Rashiid Ridaa :- Barsiisaa Yunivarsitii Al-Azhar fi barreessa beekkama kan ture (Lammii Suriyaa)

III. Ulamaa Salafootaa Bekkaamoo

1. Sheikh Abdul-Aziz ibn Baaz :- Muftii Su’udii Arabiyaa kan turan
2. Sheikh Salih Al-Uthaymiin :- Hayyuu biyya Su’udii Fatwaa radiyoo fi televiziyoon kannudhaan beekkame
3. Sheikh Nasruddin Al-Albaani:- Haafiza Hadiisaa kan lammii biyya Albaaniyaa

IV. Ulamaa fi Da’ii Yaroo Ammaa Lubbuun Jiran

1. Imaam Professor Yusuf Qardaawii :- Hayyuu duree mana marii Ulamaa Adunyaa 
2. Dr. Zaakir Naik :- Da’ii beekkamaa biyya Hindii kan “Peace TV” hundeesse.
3. Dr. Abu Aamina Bilaal Philips:- Lammii Kanaadaa kan Su’udii fi Sudaan keessati barsiisu (Warreen “Peace TV” irratti da’iwaa godhan keessa isa tokko
4. Dr. Amr Khaalid :-Da’ii Beekka biyya Misraa kan Televiziyoona Iqraa fi Al-Risaala irrati dhiyaatu.
5. Dr. Fu’aad Jibrill Haddaad:- barrressa fi da’ii beekkamaa biyya Ameerikaa. Wareen Dhabbata Sunnaa Ameerikaa hogganan keessa isa tokko.
Hangi asitti tuqame kun isa Xiqqaadha. Ulamaa hedduutu oso hinbarrefamin hafe.
Jam’aan Ahbaash kan ofiifu hayyuu tokko hinqabne ulamaa Islaamaatin “Kaafira” jechaa jira. Sababni isaatis yaada Ahbaash “baaxil” (haqa malee) tahe waan irraa hinfudhatinif jecha. Jam’aan kun ar’a koree dhimma Islaamaa Itoophiyaa (Majlisa Ol’aanaa) to’atee olola afuufaa jira. Kanaafuu oboleeyyan kiyya warra jallataa kanaraa of eega. Kan dhagahin hundatti dhaamsa dabrsaa!!
Ahbaash Maal Barbaada?
Warri miseensa jama’aa Ahbaash ta’an “Nuti Aqiidaa Tawhiidaa kan Wahaabiin balleessite sirreessuuf jecha qabsoofna” yaada jedhu irra dadeebi’anii dubbatan. Hordoftoota Mazhaba Imaamu-Shaafi’ii akka ta’anis nihimatan. Garuu Muslimootni kanaan sobamuu hinqaban.
Jam’aan Ahbaash “Aqiidaa” balleessuu malee “Aqiidaa” tolchuuf hindeeman. Fedhiin isaanii yadaa “Shirkii” fi “Rabbii Dhablumma” (pagan) hawaasa Islaamaa keessatti babal’isuudha. Fakeenyaaf Ahbaashoonni yaadota dadhabaa biyya teenya keessa turan kan asii gaditti tuqaman kana ifatti deeggaran.
• Awliyaa afurtamii afur yoo yaamtan isiniif dirmatan. 
• Yeroo beelaa fi dhukkubni hamaan ganda keessan seene Qubbii Awliyaa dhaqxanii itti maganfachuu qabdan. 
• Namni “Hajjii” dhaquu dadhabe yoo dirree Sheek Husseen Balee Ziyaaree Hajjiin isaa irraa guumtamti
• Awliyoota guyyaa itti dhalatan keessati yaammadha. Fakeenyaf Kibxataa (Tuesday) Sheekanaa Husseen Baalee, guyyaa Harbaa (Wednesday)Sheek Abdulqaadir Jeylaani, guyyaa Kamisaa Sheek Abaadir yaamadaha.
Namootni dadhabaan bayyeen yaada amantii addaa addaaraa burqan kana odeessaa akka turan nibeekkama. Garuu jama’aan Ahbaash yaadoota hamaa kana adeemsiisaa jira. “Namni yaada kana morme hundinuu Kaafira” jedha. Fedhiin isaanii guddaanis yaadootni baaxil (haqa-malee) ta’an kun Islaamummaa keessatti fudhatama akka argatan qabsaawuudha. Kan isaan “Wahaabii” jedhanii halkanii fi guyyaa abaaranis namootuma yaada fokkotaa kana isaanirraa fudhachuu dide. 
Nuti awliyaa Rabbii nijaalanna. Isaan jaalachuun dirqama keenya. Keessaafuu qabsoo isaan amantaa Islaamaa barsiisuuf godhan hin iraanfannu. Rabbii Isaaniraa haajalatu. Nutillee akka isaantii karaa sirrii ta’e nu haaqajeelchu jennee isa kadhanna. Garuu awliyaa jaalanna jechuudaan “Shirkii” keessa hinseennu. Rabii nama “shirkii” hojjatuuf dhiifama hingodhu. 
Yaa ummata Islaamaa! Imaamu Shafi’iin “shirkii” ni balaaleffata malee hindeeggaru. itti fufa
Mazhabni Shaafi’ii qabrii Rabbi malee waan biraa akka hin yaamne nama barsiisa. “Ahbaash” garuu maqaa Imam Shafi’ii sobaan himata. Immamootni “Fiqihii” barsiisan kn Akka Imaam Abu Haniifaa, Imaam Maalik, Imaam Shaafi’ii, Imaam Ahmad kkf gabroota Rabbii kan “Sunnaa” nabi Muhammad (s.a.w) sirritti hordofan ta’uu isaanii hayyotni bayyeen raga bahanii jiru. Nuti Imaamota “Fiqihii” wajiin lola hinqabnu. garuu miseensootni Ahbaash sobaan maqaa Imaam Shafi’ii himachaai “Shirkii” fi “bi’daa” babal’isuu isaani irraa hinqeeballu. 
Obboleewwan koo!! “Wahaabii” amantiin jedhamu hinjiru. Islaamumma kessati mazhabni “Wahaabii” jedhamus hinjiru. Amantii Islaama tokkicha malee lama hinjiru. Maqaa kana waarii irra dadeebi’anii dhawan warra amantii Isaalmaa balleessuu barbaadu. Kanaafu yeroo amma jama’aan Ahbaash “Wahaabii ni dhabamsiifna” jedhee olola biyya teenya keessati oofaa jiruu kanaan akka hinsobamne dhaamsa kiyya isinitti himadha.
Galatni Rabbiif Haata’u. Nagayaafi Rahmatni Rabbii ergamaa isaa Nabi Muhaammad (s.a.w) irrati haa bu’u..
Ahbaashaa Fi Deeggartoota Isaa
Jama’aan Ahbaash jedhamu kun dhaabilee Islaamaa tokko wajjiin waltahii hinqabu. Bakka deeme hundatti dalagaan isaa Muslimotaaf “Kaafira” ykn “Wahaabii” maqaa jedhu moggaasuudha. Miseensootni isaa akkaataa “Salaataa” fi “Soomanaa” nama barsiisuu daran qissaa (legend) Sheeka isaaniii namaaf odeessuu ykn hameenya “Wahaabii” namaaf ibsiiutu isaaniif caala. Adawwii Islaamaa ammoo maqaa hinkaasu. Kuni maaliif tahe?
Dubbii tana keessa seenanii haga dhumatti namaaf ibsuun ni ulfaata. Haatahu malee waan lamarrati wali-galuun nidandayama.
1. Jama’aan wanti inni barbbaduu amantii isaa fokkottu akka namuu duraa hintuuqne gocuudha. Amantii kana kan irraa balaaleffatu Muslimoota malee jara biraatii miti. Kanaafuu Muslimootni akka isa hintuqneef tumsa barbbaduuduf jecha jarren birootti irkachuun isaa ifa.
2. Muslimootni inni halkanii fi guyyaa abaaru hundi kan amantii isaa duraa tuqanii miti. Fkn Sayyid Jamaaluddiin Al-Afghani fi Sayyid Quxub (Lamii biyya Masrii) barreeffama isaanii keessati kan itti xiyyeeffataa turan “Koloneeffatootni (Colonialists) biyyoota Islaamaa qabatanii qabeenya isanii xuuxuudhaaf sagantaa bara dheeraa baafatani jiran. Shira isaani kana kuffisuudhaaf Muslimootni adunyaa hundinuu waltaanee socho’uu qabna.” Kan jedhu ture.
Kuni barnoota Aqiidaa ykn Tawhiidaatii miti. Shirkii jarri Ahbaash keessaati cuuphaman waliinis suduudaan (directly) walitti hinbu’u. Jam’aan Ahbash garuu hayyoota Islaamaa kana galgalaa fi ganama abaara. Kun maalif tahe?
Gaafiin kun waan guddaa of keessa qaba. Maallumaa Ahbaash baruufis gaafii kana jala qotanii ilaaluu barbaachisa.
Deeggartoota Ahbaash
Akkuman asii olitti dubbadhee jiru, Ahbaash Muslimoota daran jara ”Kaafiraa” waliin utaaluu irra filata. Sochii biyya Muslimaa keessati godhu daran sochii isaa kan biyyoota “Kaafiraa” kessatti gochaa jiruutu iraa guddaadha. Jarreen “Kuffaaraa” jajjabaa wajjinis waldaya uummachuu irra hindeebi’u. Walumaa-galatti warri Ahbaash deeggaru hundinuu “Kuffaara” jajjabaa kan Muslimoota diina godhatanii cinqii garagara Ummata Islaama gubbatti buusaa jraaniidha. Jaalalleen (Deggartootni) Ahbaash kun eenyu?
1. Wareen Lixaa/Dhihaa (Westerns):- Ahbaash motummoota fi jarmoolee Lixaa wajjiin hariiro hagana hinjedhamne qaba. Jarri kun fedha Ahbaash waan sirritti beekanif jecha sochii isaa hunda deeggaruu malee dura hindhaabbatan. Keessafuu Eega Fulbana 11/ 2001 (September 11/2001) balaan shoorarkessitoota Ameeriikaa dhawee booda jarreen Lixaa hundi “Islamummaan gaariin kan Ahbaash adeemsisaa jiru kana “ jedhanii raga bahaaniifi” jiru. Jara kana keessa adda dureen Ameerikaa, Ingiliiz (Britan), France, Canada, Denmark kkf.
2. Tsiyoonota (Zionists):- Tsiyoonotni hedduun maqaa “Sabaa Yahuudaa gaagama’a irraa tiksina” jedhuun adunaaratti ol’aantummaa Yahuudaa ofaa akka jiran beekkamaadha. “Motummaa Israa’iil (Israel) hamtuun akka hintuuqne eeguun dirqama kenya “ jechuudhan cunqursaa fi ajeechaan mootummaan Israa’iil ummata Falasxiin (Palestine) irrati gadgeessaa jiru akka cimee itti fufuuf kan onnee itti godhanis jara Tsiyoonotaa kana.
Jarri Tsiyoonotaa kun yakka akkanaa hojjachaa Muslimoota biratti fudhatma akka hinqabne nibeekan. Jama’aan jallataan Ahbaash jedhaniin kun jara akkanaa wajjiin hiriiree jira yoonin isiin jedhe ana ni amantanii?
Wallaahi! Ahbaash Yahuudi wajjiin hiriiree jira.
3. Biyyota Islaamaa “Gadi-Galoo”:- Ahbaash biyyoota maqaan Islaamaa tokko tokko wajjiinis hariiroo cimaa qaba. Kana keessa adda duree ta’anii kan argaman biyaa “Urdun” (Jordan) fi “Turkii” dha. Jarri kun Ahbaash wanni ofitti dhiheessanif sababa adda addaatini. Fakenyaaf mootumman Urdun “ motumman warra “Su’udii” kan Wahaabiin hogganamu Harama lameen (Makkaa fi Madinaa) humnaan anarraa fudhatee jira” jedhee haga ammaa anaannata. Jarri Turkii ammo “Wahaabiin motumma biyya teenyaa fonqolchitee mootummaa Islaamaa dhaabuu barbaaddi” sababa jedhuun jara “Wahaabi” jedhee moggaase irrati duula baneef warra tumsa ta’uuf kan akka Ahbaash hedduu jaalata. Kaanaafu biyyotni kun Ahbaashiif deeggarsa hunda godhan.
4. Suuriya (Syria) Yeroo dheeraadhaaf biyti Ahbaash ifatti gargaara turte biyya Suuriya “Syria” jedhanin tana. Biyti tun kan hogganamtu jarreen amantii “Alawii” jedhamu hordofan kan akka Hafiz Al-Asaad fi Bashaar Al-Asad faadha. Jarri “Alawii” kun Muslimootaa waan hintahiniif jecha “Muslimootni mootumma nuraa fudhatan” jedhanii baayyee sodaatan. Kanaaf sochii dhaaba Muslimaa hunda dura dhaabattan. Keessaafuu hummna “Wahaabi” jedhanii shakkan hunda caccabsuu barbaadan. Bara 1990 (A.L.H. bara 1982) keessa Ja’amaa Ahbaash, kan “Wahaabii” abbaruun hojii isaa taate kana argannaan gaafii malee simatan. Kunoo haga guyyaa ar’a wajji utaalaa jiran.
Ahbassh jara farra-Islaama tahan kan wajiin wa’ada (irbuu) jaalalaa seenee jira. Muslimootni adunyaa sabani guddaan “Ahbaash ofirraa eegaa! “jedahnii lallabanif kessaa inni guddaan tokko hariiroo Ahbaash Adawii Muslimotaa bebbekkamoo ta’an kana wajjin hidhate jiru kana waan beekanifi. Ahbaash sabani hayyota akka Jamaaluddin Al-Afghaani fi Sayyid Quxb fakkatan wanti abbaaruuf jaallawwan isaa kana gammachiisuudhaaf jecha. (Jarri akka Ameriikaa fi Yahuudi kun barrulle Al-Afgahnii fi Sayyid Quxb arguu hinfedhan.) Wani nama ajaa’ibu tokko Ameerikaa fi jarren Tsiyoonota (Zionists) mootummaa Suuriyaa argaa isaa hinfedhan jedhamee himama. Garuu Isaan sadeenu “Ahbaash” waliin “bishaani fi anaan” tahani wal-jaalatan. Ahbash akkanatti nama hunda wajjiin qumaara taphachuu  beeka. Itti fufa
Rabbiin guddaan nu haa sattaru! Hijaab! Hijaab!
Yaa Muslimoota!!
Guddiin Ahbaash himamee hindhumu. Jam’aa dooseen (file) isaa huubaan guutamte kanaatu ar’a “Aqiidaa Wahaabiin balleessiten halaa sirri ta’een isin barsiisa” jedhee lafa ka’e. Nuti hundinuu waltaanee “Deemaati nama isin hibeekne sobaa” jechuu qabna.

No comments:

Post a Comment