Wednesday, August 22, 2012

ODUU NAMA BOOCHISU

ODUU NAMA BOOCHISU!!!

Goodina Harargee lixaa fi Harargee bahaa magaalaa fi aanaa adda addaa keeysatti ajaja kaabineetiin abbaan gooxii fi abbaan araddaa ganda keeysa deemuudhaan mana manarra deemanii nama filanoof yaamaa jiran.
warra mana kabalee keeysa galan yoo filannoo dhaqanii Ahbaash hin fille manni akka irraa fudhamu sodaachisaa jiraachuun isaanii dhagayamee jira.
ummanni Islaamaa garuu filannoo kana akka irratti hin hirmaannee ibsanii jiran. Keessattu hanga koreen teenya hidharraa bahanii filannoo takka akka itti hin hirmaanne ibsanii jiran.
warri fialamanis murtaawanii jiran.

Cirootti: 
1. Sheek Abdalla ganda baashaa kan warra biyyaa biratti Adawwii islaamaa tahuu isaatiin beekkamu. Ahbaash guddaa magaalaa Ciroo.
2. Abdallaa shariif 02 irraa kan Ummata Ciroo biratti hammeenyaan malee waan gaariin hin beekkamne. Ahbaasha Guddaa. Akkasumas  warra Oromiyaa TV irratti Mankaraaristii jechuudhaan koree ummata Islaamaa balaaleefataa turan tahuun isaa beekkamee jira.

Baddeessa: 
1. Heydar Jundi maqaa qoosaatiin hammeenya isaarraa Innawgaa jechuun kan warri hiriyaa isaa isa yaamaa ture fi qabeenya masjidaa fi lafa masjidaa saamuun kan beekkame.
2. Sheek Aliyyi Qunnee (Aliif ni dhaabbata moo ni ciisaa hin beeku) karaa bahee nama zarafaa (saamaa) kan ture.
3. Dawaayyee nama jedhamu kan warri biyyaa mujirimummaa isaatii fii qabeenya namaa saamuun isa beeku. Kan Aliif ni dhaabbata moo ni ciisaa hin beeyne.
Hirna:
1. Sh. Mahammad umaree.  Kan  warri biyyaa museylamaa  (Munaafiqa guddaa) magaalatti je'ee beeku.
2. sh. Bayaan sheeka qarxaasa godhu. Ahbaasha guddaa
3. sh. Mahammad qur'aana lafzii kan hin beekne fi Ahbaasha guddaa Adawwuummuuf Islaama qabatee jiru.
kanumaan wal qabatee filannoo booda namoota imammanii fi sheekootii hedduu akka hidhuuf murteessan oduun keysaa bahe Ibsaa jira.

Haroo maayaatti:
sheekkootiin 9 akka hidhuuf deeman beekkamee jira, san keeysaa :
sheek Abdulaxiif, Sheek Zaakir fi k.k.f.

Baddeesaa:
Sheekootii fi ulamaa’ii naannoo san jiran hedduun ija hamtuu lallamaa akka jiranii fii yeroo filanoon xumaramee filannoo jeequudhaan akka yakkamanii hidhaman qophiin lafa jalaan dhumuun isaa dhagayamee jira.

Hirna:
Dargaggootaa fi sheekkootiin hedduun shororkeesummmaadhaan akka hidhamuuf deeman maddi oduu teenyaa ibsee jira. Keessattuu warren filannoo Ahbaashaa kan xumurame kana balaaleefattan hundi farra mootummaa jechuun akka yakkamaa jiran waajira dhimma nageenya goodinaa keeysaa oduun bahee addeesee jira.
Ciroo:
Sheekkootii gurguuddoo fi maanguddoo biyyaa keeysaa namoota hedduu hidhuuf yaadaa jiran. san keeysaa koree Masjida 03 fi koree masjida 04 akka addaatti itti xiyyeefatanii jiran.
namuu waan dhageenyu wal haa dhageeysisnu!!!
aanoota biroo irraa oduu nu dhaqaban akkuma nu dhaqabanitti isiniif dhaleessina.

yaa Ummata Islaamaa mootummaan kunoo Islaama maqaa Ahlus-sunnaa suufii jedhuun akka lafaa hin kaanetti laamsheesuuf itti deemaa jira.

No comments:

Post a Comment