Sunday, June 2, 2013

DAARSII SIIRAA RAASULAA S.A.W 3FFAA

SHARE GODHUU KEETIIN MUSLIMNI TOKKO QAJEELUUTU MALA.
KANAAF SHARE GODHAA!!!
======DAARSII SIIRAA RAASULAA S.A.W 3FFAA======
https://www.facebook.com/pages/Madda-Islaamaa/492709404102348

Sagaleen dhageefatuuf: http://goo.gl/5Alk0
=====DAARSII SIIRAA 3FFAA======
Arra Darsii/Barnoota Siiraa 3ffaa kan peejii Madda Islaamaatiin qophaawu baranna.
Darsii lamaan dabarsine keeysatti dhaloota Isaarraa hanga du’a haadha Isaa laallee jirra.
Darsii arraa keeysatti boqonnaa adda addaa 4 baranna.
Hunda tartiibaan laalla, kan duraa.

1) Guddisa Isaatii fii du’a Akaakoo Isaa
Gaafii1: Erga haati Isaa duute enyuutu isa guddisuun dhaabbate?
Deebii1: Erga haati duute guddisa Isaatin kan dhaabbate Akaakoo Isaa Abdul Maxxalibi, Ijoollee Isaa hunda caalaa Isa jaalata ture.
Gaafii2: Akaakoon Isaa yoom du’e?
Deebii2: Hoggaa Umriin Nabiyyii S.A.W amata 8 gahe Akaakoon isaa ni du’e, erga amata lama Isa Guddise ykn [amata 2 isaaf if qabe].
Gaafii3: Erga Akaakoon Isaa du’e enyuutu Isaaf if qabe?
Deebii3: Erga Akaakoon Isaa du’e Adeera Isaa Abuu Xaalibtu Isaaf If qabee Isa guddiisuu jalqabe, Abuu Xaalib nama Miskiina (hiyyeesa) ture.
Gaafii4: Zamana Adeerri Isaa guddisu haalli Isaa akkam ture?
Deebii4:Rasuulli S.A.W zamana guddisaa Adeera Isaa keeysatti, waan Rabbiin isaa qoodee fii isaaf laaffiseen quufaadha ture.
Cunfaa:
Erga haati Isaa duute Akaakoo Isaa Abdul Muxxalibtu Isa guddise, Akaakoon Isaa kan jalaa du’e Isaa amata 8ti ture, eegas Adeerri Isaa Abuu Xaalib Isa guddise.

2) Re’ee tiysuu Isaatii fii Imaltuu Isaa tan duraa gama Shaam deeme.
Gaafii1: Yeroo Ijoollummaa Isaa maal dalagaa ture?
Deebii1: Gaafa joollummaa Isaa S.A.W mindaa ittin jiraatuun, warra Makkaatiif Re’ee tiysuu ture.
Gaafii2: Yoom gara Shaam Imaltaawe? Enyuu waliin Imala deeme?
Deebii2: Yeroo umrii Isaatirraa amata sagala gahe gama Shaam Adeera Isaa Abuu Xaalib waliin naggadaaf imala deeme.
Gaafii3: Enyuutu Imaltuu Isaa tan duraa irratti Isa arge?
Deebii3: Hoggaa Busraatti dhiyaatan Qeysicha Bahiiraa jedhamuuti Isa arge, Qeeysichi Adeera Isaatiif Inni akka xumura Anbiyoota tahuuf taa’uu itti hime, ammas Adeerri Isaa gama Makkaa akka Isa deebisuu itti hime Adawwii Irraa sodaaf jecha.
Gaafii4: Qeeysichi Nabiyyummaa Isaa maaliin beeke?
Deebii4: Nabiyyummaa Isaa wanni beekeen ragaa ykn Mallattoo Isaa tan Kitaaba warra Kitaabaa (Towraat fii Injil) keeysa jirtuun beeke.
Cunfaa:
Yeroo Joollummaa Isaa S.A.W warra Makkaatiif Re’ee tiysuu ture, Adeera Isaa waliin isaa amata sagalii gama Shaam ni Imaltaawe, Qeysichi Bahiiraa jedhamu Isa argee Isa keeysatti mallattoo Nabiyyummaa beeke.
3) Imala Isaa tan lammaffaa gama Shaam deeme
Gaafii1: Rasuulli S.A.W yoom gama Shaam deeme yeroo lammafaatiif?
Deebii1: Umrii Amata 25tti gama Shaam marraa lammaffaatiif Imala deeme, Khadijaaf Nagaduuf.
Gaafii2: Khadiijaan akkam turte?
Deebii2: Isiin nama kabajaa fi qabeenya qabu turte, Qabeenya Isii Keeysatti dhiira kireyfatte daleeysisti.
Gaafii3: Rasuula maaliif dalagaa tanaaf filatte?
Deebii3: Dalagaa tanaaf sababaan Nabiyyii filatteef akka Inni dhugaa dubbatu, Amaanaa jabeysuu fii Haala gaarii qabu waan dhageyseefi.
Gaafii4: Taraa tana Enyuu isa waliin deeme?
Deebii4: Isa waliin Khaadima Isii Meysaraatu waliin deeme, Isaan lamaan (Nabiyyii fii Meeysaraan) gurguranii, bitanii, tirfii guddoodhaan deebi’an.
Cunfaa:
Gara Shaam marraa lammaffaatiif Isaa amata 25 deemee turte, nagada khadijaatiif deeme, Isiin qabeenyaa fi kabajaa qabaachuu turte, Isa waliin khaadima Isii Meysaraatu ture.
1) Khadijaa fuudhuu Isaa
Gaafii1: Yoom khadiijaa fuudhe?
Deebii1: Erga imaltuu Isaa tan lammaffaa irraa deebi’e ji’a lamatti, Khadiijaa fuudhe. (Isiituu qaadhimate/gaafate).
Gaafii2: Umriin Isii meeqa gaafa Inni fuudheen? Umriin Isaa yoo hagam?
Deebii2: Umriin Isii amata 40 turte, Umriin Isaa ammo amata 25 ture.
Gaafii3: Isa dura khadiijaan enyuu herumte?
Deebii 3: Isa duratti Abuu Haalaa nama jedhamutti heerumtee turte, Abuu Haalaan du’ee jira garuu Isiirraa Ilma Haalaa jedhamu qaba.
Gaafii4: Amata meeqa Rasuula waliin turte?
Deebii4: Rasuula S.A.W waliin amata 25 jiraatte, Isii malee tan biraa hin fuune hanga Isiin duututti.
Cunfaa:
Erga Shaamii deebi’e ji’a lamatti Khadiijaa fuudhe, umriin Isii 40 ture, erga Abuu Haalaa herumte booda Isa heerumte, Isa waliin amata 25 jiraatte.
Darsiin Siiraa 3ffaan kana fakkaata.
Barnoota gama Madda Islaamaatiin Qophaawu kana akka Muslimoonni Afaan Oromoo beekan irraa fayyadaman waliif himaa, wal beeysisaa akkasumas waliif raabsaa.
Rabbiin warra Siiraa Rasuulaa s.a.w baratee itti dalagu nu haa godhu.
As wr wb.

No comments:

Post a Comment