Friday, December 14, 2012

ROORROO MOOTUMMAAN MUSLIMOOTA IRRATTI RAAWWACHAA JIRU KEEYSAA..1

Dhagahaa waan Wayyaaneen Muslima Godhaa jirtu!!!

NAMNI HUNDUU DHAGAHUU QABA!!!
Yakka mootummaan ummata muslimaa irratti raawwataa jiru kana hunduu haa dhagahu! 
Hunduu haa beekuu! 

Husseen Abagaaz jedhama. Jiraataa Wolloo magaalaa harbuu yommuu tahu abbaa ijoollee saddeetiiti. Hidhaa fii dararaa dhiheenya kana harbuu keessatti raawwatamaa tureef dheessee gara finfinnee dhufus, finfinnetti sadaasa 21, 2005 adamfamee qabamuudhaan ma'akalaawitti hidhamee dararaa sukkanneessa argaa ture. hamma of wollaaluttu tumamee miidhaan guddaan irra gahee jira. yeroo ammaa kana hospitaala xoor hayiloochitti fooqii 10ffaa laakkofasa 10 ciisee wal'aansa fudhataa jira. lubbuun isaa qaccee du'aa irra jirti. dararaa irra gaheen fincaani isaatiyyu qabachuu akka hin dandeenye himamaa jira. yeroo amma obboleessi isaa tokko qofti cinaa kan jiru yoo tahu firoonnii fii hiriyyoonni obboleessa keenya kanaa dubbii kana dhageettanii hin jirre akka deemtanii gargaarsa gootaniif isiniin jenna. 
obboleewwan IBRAHIM ABDU, MUSA AHMED ALI jedhamanis haala kanaan ma'akalaawitti dararaa argaa jiru. 
Du'aa'iidhaan cinaa haa dhaabbannu!

No comments:

Post a Comment