Monday, December 10, 2012

Gocha sukkanneessaa Mootummaa Muslimootarratti

Oduu nama gaddisiisu
Gocha sukkanneessaa Koree Ummata Islaamaa irratti hojjatamaa jiru…
Nageenyaa fii wal dandayanii jiraachuu kan ummata barsiisaa turan koreewwan fii aliimoowan musliimootaa diirqamaan gocha shoorarkeessaa umuudhaaf fii mootummaa islaamaa hunddeesuudhaaf socha'aa turre je’aa jecha kennaa jechuudhaan lammiin biyyaa tokko lammii isaa irraatti gocha ni gaggeessa jadhamee hin yaadamne gochi sukanneessaa tahe irrattii gageefamaa akka turee maddeen amanamaa irraa arkamee ibse.
Qorottoonnii mana hidhaa makalaawii gocha Koree fi Ulamaa’oota hidhamanirratti gageessaa turan mal akka fakaatu akka armaan gadiittii tareefamera.
1.     Mana dukkanaawaa fii qabbanaawaa keessa guyyoota hedduu tursiisuu.
2.     Qama qullaa gochuudhaan tumuu.
3.     Hafuur baafannaa malee sa'aa dheeraa dhaabbiisuu (akka hafuura hin baafanne, hafuura itti kutan sa’aa dheeraaf).
4.     Nyaata isaanif dhufu dhorkuudhaan beelaan adabuu.
5.     Kursii eleektrikaa irra kaayanii lubbuu itti guraaruu.
6.     Faana miila Isaanii fii qamnii isaanii hanga dhiigaan laaqamutti ol gara galchanii tumuu.
7.     Wantoota qara kan lafa irrattii facaafamee gubbaa miila qullaa dukkana keessa akka irra deeman godhuu.
8.     qullaa gochuudhaan qaama saalaa tumuu
hanga lubbuun isaanii du'aa fii jiruu jidduu gessu takka meshaalee ammayaa fayadamuudhaan akka lubbuu ittii guraaraa turan himame.
Kun  hundii kan godhamaa ture mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjacha turree je’aa amanaa akkasumattis mallatteesaa jachuudhaan deebiisaa isaanii viidiyoon waraabaa akka turan himame. Haala kanaani kan mana murtii dhiiheefaman.
Maqaa warroota waan kana hojachaa turanii maddii kun yammu ibsuu
1.     Komaandar Taklaay akka gocha suukanneessaa kan irratti hojjatamuu kan ajajaa turee.
2.     Ittii aanaa komaandar Katamaa koreewwan torch godhuudhan kan jecha irraa fudhaa ture.
3.     Saajin Riisoom fula isaanii hagoogee fudhuudhaan kursii eleektirikaa irrattii guraaraasaa kan ture.
4.     Yusuuf kan tumaa turee fii arrabsaa ture.
5.     Alamaayaw
6.     Tsagaayee
7.     Zamadkuun
8.     Abiyoot…. kan jadhaman gochoota kana irratti kan hirmaatan akka tahe maddi dhoysaan hulluuqee bahee kun ni ibsa.
Namuu waan facaafate Muratuu hin olu… Akka dhiitettis hin haftu..


No comments:

Post a Comment