Friday, December 14, 2012

HAWAASNI MUSLIMAA MUMMICHA MUMMEETIIF DEEBII KEENNANIIRRU

Oduu Jum'aa 
Dec, 14, 2012
Muslimoonni akka biyyoolessaatti mormii qaban dhageesisuu itti fufan. Arra guyya jum'aa salaata booda Magaaloota adda adda keessatti Hawaasni Muslimaa Lakkoofsa guddaa qabu mormii Isaa karaa nagayaatiin ibsatee ole.
Keessattu torbe dabre keessa mummichi mummee Hayla maariyaam Al-jaziiraa ingiliffaa irratti waa'ee Moormi Muslimootaa irraa gafatamnaan "Namoota Muraasa malee hawaasni muslimaa mormii hin goone" waan jedhee, Hawaasni Muslimaa dallanee arra Lakkoofsa guddaan bahee jira. Finfinneetti lakkoofsi Muslimaa hanga Miliyoonatti dhalawaa warri jedhanis jiru. 
Hawaasni Muslimaa dhaadannoo adda addaa dhageesisaa oolan keessaa:
Nuti muraasaa miti (xiqqoo miti)
Nuti Miliyeenoota!!!
Majlisni haarawani seeraa alaan filame bakka nurraa hin bu'u!!
Koreen filanne hidhaa haa bahu!!!
Seerri haa kabajamu!!!
fi dhaadannoo adda addaa dhageesisaa oolan.
Jum'aa arraa wanni adda goodhu naannoo biyyatti hunda keessatti mormiin haala cimaan godhamuu Isaati. Magaaloonni hedduun mormii kanatti hirmaatan akka armaan gadii kana:
Finfinnee> Masjida Anawaar. Fedeeraala
Dasee> Masjida Shawaa bar. Naannoo Amaaraa
Jimmaa>Masjida Fati. Naannoo Oromiyaa 
Harar> Masjida Imaan. Naannoo Hararii fi Harargee Bahaa
Mattuu> masjida Najjaashii. Oromiyaa Wallaggaa
Walqixxee> Masjida Rabi'i. Naannoo kibbaa Guraagee. fi magaaloota heddutti bahanii mormii gadhan irratti mummichi mummee nuti akka muraasa hin tahin haa beeku, Haa argu, haa dhagayu, jechuun waan waliif galan fakkaata.
Mummicha mummee waan jedhu ni eyna.
Akkuma baranitti namoota shororkeesitoota muraasa jechuun Ummata kan dhaabsisuun akka hin danda'amne Mootummaan beekuu qaba jechuun beektoonni Siyaasaa dubbachaa jiran. Furmaannis gaafii hawaasaaf deebi kennu qofa jechuun ibsanii jiran.
Oduun arraa kana fakkaata.
Nutis akkana jenna:
Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Isin yoo?


No comments:

Post a Comment