Friday, December 7, 2012

Duula 27..27..27 keeyyata 27

Oduu Jum'aa 07-12-2012
Mirga Amantii seeraan mirkanaawe akka kabajamuuf Muslimoonni gaafatan.
Muslimoonni Itiyoopiyyaa seerri haa kabajamu jechuun salaata jum'aa booda magaaloota adda addaa keeysatti iyyeensa Isaanii dhageesisanii jiran.
Jum'aa arraa wanni kaaniin adda godhu Muslimoonni lakkoofsi Isaanii kumaataamaan lakkaawaman keessatuu magaalaa Finfinnee fi Jimmaatti xalayaa irratti lakkoofsa 27 barreesuun ol qabanii iyya Isaanii daran itti cimsanii jiran.
Keeyyanni 27ffaa nuuf haa kabajamu, Mootummaan amantii Islaamaa Muslimootaaf haa dhiisu erga jedhu dabarsuuf xalayaan lakkofsa 27 qabu Muslimoota salaatan hundaan ol qabamee jira.
Ummanni Islaamaa Itiyoopiyaa yeroo maraahu gaafiin keenya gaafii nagayaa tahuu mootummaa fi adunyaaf agarsiisaa jiraachuun waan nama gammachisuudha.
Qindoomina bareedaa fi nagayaan balaaleefannaan cimaan erga godhame Hawaasni Muslimaa gara mana Isaa fi hojii Isaatti deebi'ee jira.
Jimmaa Masjida fath keeysattis haaluma kanaan xalayaan lakkoofsa 27 irratti barreefame ol qabuudhaan seerri akka kabajamu hawaasni Muslimaa gaafaterra.
Silaa kan seera kabaju mootummaa tahee Osoo jiru mootummaan Itiyoopiyyaa seera Ifiif baase caphsee hawaasni akka seerri kabajamu qabsoo godhaa jira.
hojiin mootummaa Itiyoopiyaa Adunyaan balaaleefamaa jiraatus mootummaan jijjiraa godhaa hin jiru, Hawaasni Muslimaatis qabsoo nagayaa itti fufee jira. Mootummaan yoo dogongora Isaa kanarraa hin deebine, Hawaasaa fi Seerri Mohachuun Isaa hafa waan hin qabne jechuun xinxaltoonni hedduun Ibsaa jiran.


No comments:

Post a Comment