Saturday, October 20, 2012

Roorroo fi qabsoo Muslimoota Itiyoophiyaa


Asalaamualeykum warahmatullaahi wabarakaatuhi jaalatamoo obboleyyan Islaamaa, obboleyetti, abbootii, hawwaan hundi keeysan, barruun kun obboleyyan Islaamaa kan Habashaa irratti roorroo sababaa amantii gaggeefamaa jiru fii Islaama Habashaa keeysaa balleesuuf duula godhamaa jiru Muslimoota Adunyaarra jiran hundaaf ibsuuf kan gabaabinaan qophaaweedha.
Ergamaan Allaahaa s.a.w akkana jedhanii jiran: “muslimni Muslimaaf obboleysa, Isa hin miidhu, adawwi dabarsee isa hin kennu, haajaa obboleyaa keeysatti nama tahe Allaahaan haajaa isaa keeysatti tahaaf,…”
Buukhaarii fi Muslim
Ahbaash fi Islaama
Islaamni Nabiyyiin erga yaamuu jalqabe xiqqoo booda osoo madiinaa hin seeniin biyya teenya seene.
Kanaaf Islaamaa fi Habashaan kan wal baran Rasuulli s.a.w lubbuun osoo jiruuti. Makka keeysatti Sahabaan Islaama tahanii jiraachuu dadhabnaan Nabiyyii s.a.w “gara Habashaa deemaa Mootii Isa biratti namni hin miidhamneetu achi jira” jechuun Sahaabaa Isa gama Biyya Najjaashitti akka godaanan godhe.
Sababaa kanaaf Habashaan biyya yeroo duraatiif gama Isii godaanan (Hijiraa godhan) tahuu dandeessee jirti.
Najjaashiinis Sahaabaa haalaan qeebalee keeysummeese, akkasumas Risaalaa Nabiyyii fudhachuun Islaama tahee Islaama Irratti du’e.
Islaamni yeroo sanirraa eegalee biyya teenya keeysatti jiraachaa ture ragaaleen ni akeekqan, yeroo adda addaattis keeysatti rakkoo fi roorroo hedduu keeysa dabree yeroo ammaa ummanni biyyatti harki cinaa ol tahu Muslima akka tahes ragaan ni agarsiisa. Garuu heddumina Isaanii kana hunda waliin zamana dheeraaf cunqurfsaa adda addaa keeysa turan, sababaa saniif aangoo siyaasaa fi polatikaa kan isaan gitu argachuu hin dandeenye, inumaa akka lammii biyyaa osoo hin taane akka lammii alaatti laallamaa bara dheeraa mataa caphsanii jiraachaa turan.
Qabsoo muslimoota Habashaa bara dheeraaf.
Muslimoonni biyya Habshaa biyya Sahaabaa Rasuulaa s.a.w keeysumesite keeysatti jiraatanillee, sababaa mootoonni Kiristaana yeroo dheeraaf isii bulchan Islaamatti roorrisaniif, Muslimoonni akka lammii biyyaatti mirga argatuu qaban hunda dhabanii jiraata turan. Mirga barachuu, mirga abbaa lafaa tahuu, hojii mootummaa argachuu fi waan kana fakkaatan tan lammiin tokko argachuu qabu hunda argachaa hin turre.
San bira dabree akka nama biyya ambaatii dhufetti laallamaa turan, Muslimoota Itiyoopiyaa jechuun hafee Muslimoota Itiyoopiyaa keeysa jirtan jechaa turan.
Atsee Yohaanis mootichi jedhamu gaafa biyya gabroomsaa ture Muslimoonni akka biyya gad lakkisan ykn akka kiristaana tahan labsa baasee ture. Sababaa saniif gariin biyya dhiisan yeroo godaanan, gariin muslimootaa ammo biyya teenyaa fi amantii tenyas hin dhiifnu jechuu Walloo keeysatti waraanni mooticha Atsee Yohaannis jedhamuu Muslimoota 20,000 ol haala sukkanneesaa taheen ajjeefamanii jiran. Gariin ammo sodaatanii amantii Isaanii dhokeysaa jiraachuuf dirqamanii jiran. Haaluma kanaan mootoonni Isa booda dhufan hundi Muslima irratti roorroo hagana hin jedhamne gaggeesaa turan.
Yeroo duraatiif zamana Atsee Hayla sillaasee seerri biyyattiif bahe amantiin biyyatti akka kiristaana tahee Ibsee amantiin biro ammo biyya keeysatti akka babbalachuu hin dandeenye dhorga.
Seerri mootummaa kanaa muslimoonni akka hin baranne, aangoo mootummaa akka hin arganne, abbaa lafa akka hin taane fii “Muslimoota Itiyoopiyaa keeysa jiraatan” jedhamin akka yaamaman kan godhe ture.
Muslimoonnis roorroo hedduu tana ifirraa kaasuuf yaalii adda addaa godhaa turan. Akka lakkofa Itiyoopiyaatti bara 1966tti, gaafii mirgaatiif hiriira nagayaa guddaa godhuudhaan gaafii adda addaa dhaleysanii jiran. Mootummaan yeroo san jiru muslimootaa fi hawaasa biyyatti kan adda addaatiin waan dhiibbaan itti jabaatteef, baruma kana 1966tti mootummaa Dargiitiin bakka bu’uudhaan sirni Atsee roorrisaan achumaan dhabame jira.
Dargiin mootummaa Atseetiin yeroo walitti laalle mirga ummata Islaamaatiif xiqqo kennee jira, Muslimoonni akka lammii biyyaatti barachuu, abbaa lafaa tahuu, hojjii mootummaatti hirmaachuu fi akka “Muslima Itiyoopiyaa” jedhamee yaamamu mirgi kennameefii jira. Akkasumas Guyya Iida Adhaa fi Adal fixrii akka ayyaana biyyoleysaa tahu godhamee jira.
Kana malees dhimma Muslimoota qaamni hordoofu fii dubbii isanii fixu akka dhaabbatu hayyamamee bara 1968 A.L.I “Dhimmi Islaama Itiyoopiyaa” jaarmayni jedhu dhabbate. (jaarmayni kun kan amma mootummaan Islaama bakka bu’e jechuun yaamtu kana).
Mootummaan Dargiin waan sooshaalistii hordofuf biyya keeysaa fi alaa dhibbaan itti waan jabaatteef bara 1983 A.L.I mootummaa amma biyya bulchaa jiru Ehaadiigiin bakka bu’ee jira.
Mootummaan amma jiru kun Muslimootaaf mirga haarawa kennuu baatus, seera amantiin Mootummaa hin seentu, Mootummaanis amantii hin seentu jedhu tumee jira. Sababaa saniif waggoota musraasaaf Mirga haarawa kennuu baatus, seera gaafa Dargii bahe san akka itti fayyadaman godhee ture.
Garuu suuta suuta mootummaa kana keeysatti warri Islaama jibban ammas mootummaan qorannoo yahuudaa Tsiyoonotaan godhame waan fudhateef mootummaan seera ifiif baase caphsee muslimoota gama gabrummaa duraanitti deebisuuf hojiin jalqabame.
Yeroo amma Muslimoota fi Ahbaashoonni haala itti jiran.
Muslimoonni Itiyoopiyyaa roorroo adda addaa akka dabarsan gubbaatti tuqamuuf yaalame jira, haalli kun wal dhaalaa dhufe ammas kunoo addaan hin cinne.
Mootummaan ummata muslimaa akka adawwiitti laaluu eegaluu isaatiif, Muslimoota irratti midhaa fi roorroon hammaachaa jira. Mootumman Islaamaa laamsheesuuf yahudoonni Ahbaash amantii jedhamtuu akka biyya guutuu keeysatti waliin gahu waan itti himameef bara 2003 A.L.I gama dhumaatti Itiyoopiyaa keeysatti firqaa tana waliin gahuu fii akka Muslimoonni Itiyoopiyaa guutuun firqaa Muslimoota aduunyaa biratti jallinaan beekkamte tana fudhatan Imaamman, mu’azinoota, fii ustaazoota akka Ahbaash tahan yookaan akka hojiirraa ari’aman sodaachisuudhaan biyya guutuu keeysatti Ahbaash baballisuuf leenjiin kenneme. Imaamni, mu’azinni, ustaazoonni madrasaa hundi dirqamaan akka leenjii fudhatan godhuudhaan warri Firqaa tana jala hin deemne hundi mankaraaristii jedhamanii tarkaanfin akka irratti fuudhamtu murteyfatan. Sababaa kanaaf jaarmayoonni Islaamaa kan adda addaa, Madrasaaleen, NGOn, Markazoonni Hifzii hayamnii irraa fuudhame akka jeyfaman ajajni itti bahe.
Karaa qabsoo Muslimootaa fii bu’aa Isaan argamsiisan.
Akkumma gubbaatti Ibsineetti karoorri Islaamaan laamsheesuuf bahe jaarmayoota Islaamaa diiguudhaan gama jidu gala Ahbaashitti jijjiruun ture.
Haaluma kanaan Awaliyyaa jidu gala Islaamaa (kan hifzii, olmaa daa’immanii, mana barnootaa, kolleejjii, masjiida if jalaa qaba) kolleejii fi mana barnoota sadarka lammaffaa barsiistoota diina barsiisan 40, imaamaa fi itti aanaa imaamaa guyyaa takkatti dalagarraa ari’uuf murtiin dabre. Baratoonni kana dhagayan murtii tana balaaleefachuun mooraa awaliyyaa keeysatti wal gahanii achuma bulaa barsiistootaa fi imaamni masjiidaa akka deebi’u gaafatan. Gaafii Isaanitis waajira xalayaa barreesee isaan ari’e majlisa ol aanaa itiyoopiyaa gaafatan. Duuba majlisni shufeerri isaa mootummaa kun gaafii deebisuu dhiisee ummata tuffiidhan laaluu isaa itti fufuudhaan deebisaa hin qabu jechuun barattoota ari’e.
Barattoonnis waajira Islaamaaf dalaguuf dhaabbaye kana (majlisa) warri gaggeesaa jiru bakka nurraa hin bu’uu jechuun ummanni akka qabsoo isaanii tanatti hirmaatu yaamicha godhan.
Yaamicha barattootaa kana ummanni Muslimaa qeebaluudhaan Awaliyyaatti jum’aa salatuudhaan marii fi furmaata rakkoo irratti mari’atan. Haala kanaan gaafii sadii filatan, koree gaafii tana qaama mootummaatti isaaniif dhaleysus filatanii karaa seenan.
Gaafiin sadeen akka armaan gadii kana:
1ffaa. Manni marii dhimma Islaama Itiyoopiyaa (majlisni) wakkiila Muslimoota hundaa waan taheef gaggeesitoonni Isaatis kan ummatan filaman tahuu qaban, kanaaf amma warri angoo irra jiran karaa hin beekkamneen dhufanii waan kursii qabataniif kan ummanni filatuun bakka haa bu’u.
2ffaa. Ummata Muslimaa dirqamaan Ahbaash godhuun haa dhaabbatu.
3ffaa. Awaliyyaan jaarmaya ummataa waan taheef ummanni bordii filatee saniin haa bulu.
Koreen ummanni filatees gaafii salphaa seera qabeessa tahe kana qabatanii dadhabne hifanne osoo hin jedhin waajira mootummaa irra naannawanii gaafii ummataa dhiheysuudhaan waan irra gahan jum’aa Awaliyyaatti ummata Isaan eeguuf gabaasa godhaa qabsoo nagayaa itti fufan. Garuu mootummaan gaafii Muslimootaa deebisuu waan hin fedhiniif beellama dheerresuudhaan qabsoo nagayaa boreysuuf bolla adda adda qotuu isaa itti fufe.
Ummanni muslimaa waan san hunda ifirraa eeguudhaan qabsoon akka tan nagayaa taatee itti fuftu godhu danda’anii jiran. Ummanni muslimaa beellama mootummaa obsaan eeganii guyyaan sun gahe, garuu mootummaan gaafii deebisuu dhiisee deeggarsa isaa Majlisaaf qabu agarsiisuudhaan deebisaa addaan hin bahin kennuun ummata islaamaa mufachise.
Ummanni Islaamaa garuu kanaan osoo abdii hin murin deebisaan dhimmi Ministeroota fedeeraalaa kenne kan nuti fudhanu tahuu baatus nu dhagayuu keeysaniif isin galatoomfataa gara sadarkaa itti aanutti iyyata dhiheefanna jechuun gara waajira mummicha mummeetti gaafii ummataa sadeen geysanii akka beellamni isaaniif kennamu gaafatanii deebii eeggataa turan, garuu waajirri mummicha mummee deebisaa kanuu caalaa callisuu filatuu isaatiin dubbiin garagalaa dhufte. Muslimoota irratti roorroon jabaachaa dhufte sababaa kanaaf muslimoonni waan kanaaf marii akka biyyaatti wal mari’achuudhaan balaan tun badii teenyaaf nutti dhufte jechuudhaan sagantaa sadaqaa fi duaaii naannoo adda addaatti godhuun gara Rabbii duaaii godhuun akka rabbiin nasrii fidu kadhaa eegalan. Achuma keeysa hubannoo ummataaf kennuun jalqabame.
Garuu mootummaan waan itti hin toliniif ummata Islaamaa hedduminaan hidhuudhaan, Horii sadaqaaf qophaawee fi qabeenya saamuu eegale. Kanatti osoo hin dhaabbatin midiyaan isaanii fayyadamuun gaafii mirgaa cilee itti dibuudhaan, Muslima ummanni hin tahin akka muslimaan walitti bu’u godhuuf yaalii godhanis ummanni Islaamaa karaa nagaya qofa waan deemeef propaagandaa mootummaatin akka hawaasini Islaama hin tahin hin gawwomne godhuu danda’ee jira. Hawaasni muslima hin tahin qabsoo nagayaa tanaaf deeggarsa isaa hanga ibsu gahee jira.
Muslimoonni propaagaandaa kijibaa kan mootummaatin osoo hin sobamin, qabsoo karaa nagayaa itti fufuun isaanii mootummaa waan mataa dhokkubseef tarkaanfii seeraa alaa fudhachuu eegalan, tarkaanfii sukkanneesaa kanaan Arsii Asaasaatti namoota nagayaa 7 ajjeesanii jiran. Awaliyyaattis halkan dukkanaa keeysatti obboleyyan sagantaa sadaqaatiif qophitti jiran irratti tarkaanfiin sukkaneesaan irratti fudhatamee jira. Hulaa fi fooddaa masjiidaa caphsuudhaan kophee isaaniitiin Masjida seenanii namoota hedduu tumanii jiran, halkan san ijaa fi ilkee nama hedduu caphsanii jiran. Hawaasni magaalatti kan haala Awaliyyaa dhagayes halkan bakka rafanii ka’uudhaan obboleyyan isaanii laaluuf manaa bahan, Isaanis karaa irratti polisaan marfamanii akka malee tumamanii jiran. Irra hedduun isaanii hospitaalatti ciisanii wallansa fudhatanii jiran.
Garuu hawaasni roorroo tana hunda obsaan dabree gaafiin isaa akka deebisaa argatuuf ganama san Masjida Anawaaritti walitti qabamuudhaan akka qabsoo karaa nagayaatiin itti fufu beellama waliif seenee addaan bahe.
Mootummaan human qabus fayyadamee qabsoo muslimoota tan nagayaa dhaabuu waan dadhabeef dallanee koree ummanni muslimaa dhimma kiyya naaf hordofan jedhee filate hidhee gaafii ummataa dhaamsuuf yaalii godhe.
Hawaasni muslimaa gocha mootummaa kanaan dallanan Masjida Anawaaritti walitti qabamanii balaalefachuu eegalan. Mootummaan garuu humnaan roorroo sukkaneesaa ummata walii qabamerratti godhe, boombii aaraa itti darbuudhaan namoota hedduu midhaa hangana hin jedhamne irraan gahan.
Haluma kana Dasee fi Dirree Dawaatti hawaasa Muslimaa irratti rawwatanii jiran. Biyyatti guutuu keeysatti namooni hagana hin jedhamne mana hidhaatti guuruun isaanii hawaasa Muslimaa daran jabeeysaa dhufe.
Kun osoo akkanatti jiruu gaafii Koreen dhaleesitte ni deebisa jedhamee kan eeggamaa ture mummichi mummee Mallas Zeenaawii du’e, sabaaba saniif guyyaan gaddaa biyyatti guututti waan labsameef muslimoonni dhimmi dhimma waliigala biyyaa waan taheef roorroo fi balaa irratti gaggeefamaa ture waliin qabsoo karaa nagayaa yeroo hin murtaawiniif dhaabanii mummichi mummee bakka bu’u deebisaa gaafii akka kennuu eegaa turan.
Garuu mootummaan obsaa fii bilchina hawaasa muslimaa wahitti osoo hin lakkaawin roorroo gabrummaa isaa itti fufuu murteefate sochii jalqabe.
kana wanni agarsiisuu filannoo hawaasa musimaa bakka hin bune tana Masjidni hin beekne, masjidaa alatti godhuudhaan mana marii Muslimaa filachisuuf yaalii godhe, sagalee ummataa akka fedhetti ukkamsee namoota inni fedhu gama aangoo fiduuf haala mijjeefate garuu hawaasni diraamaa maqaa filannootiin qophaawe kana tti hirmaachuu irraa waan oleef bakki filannoof isaan qopheysan ona taatee akka oltu godhanii jiran. Mootummaan ammoo haluma isaa hamaa saniin waan itti fufu filateef mana manarra deemee nama dirqaa ture akka filannoo sobaatti hirmaataniif. Muslimoonni karaan mootummaan deemaa jiru kun karaa isa hin baafne tahuu isaa ibsanii akka irraa dhaabbatu yoo itti fufe garuu rakkoo dhuftuuf akka qophaawu Kardii ofeggannoo (yellow card) agarsiisaa jiran.
Hawaasa Muslimoota Adunyaarraa gargaarsa akkamtu eeggama.
Hawaasni Muslima Itiyoopiyyaa dhiibbaa mirgaa fii roorroo Isaan irratti gaggeefamaa jiruuf karaa nagayaatiin qabsoo waan itti fufuu murteysaniif, Hawaasa muslima Adunyaa haala armaan gadii kanaan akka isaan cinaa dhaabbatu ni gaafatan.
1ffaa. Muslimoonni Itiyopiyaa miidhaa Isaan irra gahaa jirtuuf gargaarsaa fi tumsa Allaah s.w qofarra eeggatan kanaaf nu jidduu kan Rabbiin du’aaii Isaa dhagayu namni saalihni waan argamuu danda’uuf du’aaiidhaan akka nu yaadattanii fii Allaahaan s.w akka Nasrii nuuf kennu du’aaiidhaan akka nu gargaartan yaamicha keenya dabarsina.
2ffaa. Sagalee teenya Midiyaa itti dhageysifnu banachuu irratti akka nu gargaartan Isinirraa barbaanna.
Qabsoo teenya tan nagayaa mootummaan hanga arraatti dhaabsiisuu waan dadhabeef Midiyaa Isaatti fayyadamuun duula proopaagaandaa kijibaa bane jira, hawaasni Muslimaa midiyaa sagalee itti dhageysifachaa turan keeysaa kan akka gaazeexaa fi matseetaa cufee, ifiif qofa duula proopaagandaa guddaa bane jira. Sagaleen ummata Islaamaa ammoo akka hin dhagayamne ukkaamsaa jira.
Hawaasni Muslima sagalee Isaa waan itti dhageysisuu teleeviziin saatalaaytii akka qabaatan yaadaa jiraatanis haala amma jiruun godhuu hin dandeenye. Kanaaf hawaasni Muslima kan Adunyaa akka karaa kanaan isa gargaaran yaamicha dabarsa.
3ffaa. Mootummaa Itiyoopiyaa Irratti dhiibbaan karaa diploomaasii akka jabaatu godhuu.
Karaan biro kan hawaasni Muslima adunyaa itti nu gargaaruu danda’an biyya jiran sanitti sagalee ummata Islaamaa Itiyoopiyaa mootummaa keeysa jiraatan saniif beeksisuudhaan dhiibbaa karaa diploomaasi akka godhan godhuu ni danda’a.
Xumura
Akkuma gubbaatti Ibsamuuf yaalametti Muslimoonni Itiyoopiyaa rakkoo guddoo keeysa jiran. Garuu rakkoo fi gabrummaa tana hundeen buqqaasanii ifirraa darbuuf murannoon ka’anii jiran. Kanaaf hawaasni muslimaa  Adunyaarra jirtan biyya jirtan sanii wan dandeessaniin akka nu cinaa dhaabbatanii fii gargaarsa gootan jabeysanii isin gaafatan.
Qabsoo isaan godhan irratti odeefannoo gahaa fi waan irra jiran hunda beekuuf web site asi gadii fayadamaa.
www.maddaislaamaa.com

No comments:

Post a Comment