Friday, July 27, 2012

Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?

Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?


Urjii Ahmad.


Ahbaash warri inni wahbiyyaa je’uun nama waan isaan je’an guututti hin fudhanne osoo kiristaanas tahe wahbiyyaa je’aniin. Mee akka fakkenyatti warra ahbaash wahbii jettuun kan isaan adawwii godhatan eenyu.
1. Tokkummaa Islaamatti namni nama yaamu wahbiidha.
2. Mirga ifii gaafatuun wahbiidha.
3. Hijaaba jabeessun wahbiidha.
4. Walgahii isaanii irratti gaafii guddisuun wahbiidha.
5. Ulamaa’ii gurguddo adunyaa kabajuu fii arrabsuu dhabuun wahbiidha,
6. Najjaashin Islaamawuu isaa amanun wahbiidha.
7. Towhiida baruu fi barsiisuun wahbiidha,
8. Leenjii isaanii yoo hin fudhatin wahbidha.
Waan akkanaa kana hedduu lakkaawan. Jara bazabazaa jettin adareen harar. Ummata afaanii fi dalagaan isaan ajjoytu Ahbaash malee hin agarre.
I. Wahbiyyaan waan balleesite ni beytuu?
1. Bishaan ummanni dhugu birkaa (tankara) magaalaa gurguddoo keessatti summii naquu.
2. Daa’imaa fi dubartii ajjeesuu.
3. Masjidaa fi beta kiristaana (charchii) guubuu.
4. Ulamaa’ii qaluu.
5. Nama du’e qabrii baasanii gubuu.
Yaa nama Islaamaa biyya teenya tana keessatti ani argee hin beeku. Naannoon ani jiru kana kiristaanaa fi Islaamni ni jira masjidaa fi charchii wahbii ummanni jedhamu yeroo gubu argee dhagayee hin beeku isin yoo???
II. Mootummaan yoo wahbii akkamitti ibsa?
1. Masjida hedduu ijaaruu.
2. Madrasaa hedduu ijaaruu.
3. Salaata 5 salaata jechuun misooma bodatti aansuu.
4. Dubartoonni hijaabaa fi niqaaba akka ufatan godhuudhaaan aadaa arabaa biyya keessa facaasuu.
5. Dargaggoota barnoota adunyaa qofa hin baratinaa jechuun gama barnoota amantii yaamuu.
6. Moobayila keessatti manzuumaa ring toonii godhachuu.
7. Jihaada godhuuf nama kakkaasu.
8. Seera mootummaa Islaamaatiin bulchuuf yaaduu.
9. Hojjataan mootummaa masjidatti daddebi’aa oluu fi k.k.f
Yaa ummata Islaamaa wanni badii tahee ibsamaa jiru gariin waanuma shariaan dhufteen hoggaa tahu, seera mootummaa islaamaa deebisuu fi jihaada kana nama itti jiru ani argee hin beeku.
Wanni nama ajaa’ibu mootummaan waan asi olitti lakkaawame kana yakka yoo kan jedhu tahe, Islaama akkam fedhan yaa dhiiroo?
Kan salaata 5 salaatutti nama hin yaamne?
Kan hijaaba ufatutti nama hin yaamne?
Kan barnoota islaamatti nama hin yaamne?
Duuba kuni maali ? Islaamaa?
Mootummaan yaada akkanaa kana galmaan gahuuf dawaan Ahbaasha tahuu amana. Ahbaash malee firqaan Islaamaa takkalleen waan faallaa kanatti nama hin yaamtu.
Ahbaash waan yaamamee dhufeef argitanii???
Ajaa’iba nama godha. Garuu waan zamanni irraa dabre natty fakkata. Ummanni Islaamaa bayyanatee jira. Baratee jira. Ifaa towhiidaa ibsatee jira. Dukkanatti deebi’uuf qophii miti.
Adawwiin islaamaa hangana nuuf yaadaa jiran. Gonkumaahu galma hin gahu inshaallaah.
Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!!


No comments:

Post a Comment