Sunday, July 29, 2012

Diina keenya eeggachuuf gaafii 68 tan deebisaatti haajamatu!!!

Diina keenya eeggachuuf gaafii 68 tan deebisaatti haajamatu!!!

Tarkaanfiin keenya kan itti aanu maal haa tahu?
Mootummaan gaafii hawaasa muslimaa tuffiidhaan dhiisuuf murteesee jira. Koreen ummata Islaamaa awaliyyaa saame, miidhaa geessise, walgahii tokkummaa Afrikaa (African Union) jeequuf sochiin godhan poolisaa fi ummataan fashalee jira” jechuu fi waan kana fakkaatu diraamaan dalagee koree fi warra qabsoo keessaa harka qaban jajjaboo hunda hiidhuuf deemuun isaatis beekkamee jira. Karoorri Isaanii Muslimoonni akka wilii hin sochonetti laamsheesuudha. 
Duuba usnee laaluun hangama takka diliidha? Mee mari’adhaa maal yoo goone duula farra Islaamaa kana dhaabuu dandeenya? Namuu tokko tokkoon keenya akkamitti rakkoo tana dhaabuu dandeenya? Ani akka yaada kiyyaatti qaphxilee tana lafa kaayee jira. Isiniis yaada biro nuuf qopheessaa. Yaada kana namni isin gahe hundi hanga baadiyyaatti copy godhuudhaan haa dhaqabsiisnuu. Irrattis mari’adhaa. Isinis haala kanarra bareeduun fooyyeesaa gaafii teenyaaf deebisaa mala barbaadaa.
Gaafii 53:
Ji’a Ramadaanaa kanatti fayyadamuudhaan qabsoo amantii teenyaa magaalaa fii baaddiyyaatti akkamitti qabsiisuu dandeenya? Hiiree guddoo tana itti fayyadamuuf ammumma itti yaadamuu qaba.
1. Sochii teenya keeysatti koree fi namoonni jajjaboon jam’aa masjidarraa yoo hiidhaman akkamitti bakka san warra biraa bakka buusuu dandeenya?
2. Dureen qabsoo teenyaa yoo hiidhaman enyuutu qabsoo teenya tan waliigalaa hoggana? Yoo rakkoon akka Awaliyyaatti argamee sun argame akkamitti nama miira keessaa baafnee haala sabataadhaan akka deemuu godhuu dandeenya?
3. Karaan ergaa waliif dabarsinuun facebook, massejiin, intarneetiin yoo cufame haala kamiin ergaa waliif dabarsuu dandeenya? Haalli salphaan hunda namaa gahuu dandahu maaltu jira?
5. masjiidoota keenya yoo cufan, Awaliyyaan yoo cufame eysatti wal gahuu dandeenya?
6. prooppaagandaa mootummaa kan kijibaa akkamitti caphsinee ummata qindeessuu dandeenya.
7. gaazeexoota yoo cufan haala kamiin ummataaf odeefannoo geessuu dandeenya?
8. mootummaan akkuma amma itti jiru kanatti qabsoo ummata Islaamaa tuffachiisuufii jibbisiisuuf hiriira dirqamaa yoo ummata baasee “Wahbiyyaa balaaleefatan” jechuun diraamaa isaa itti fufe akkamitti akka dhaabbatuu godhuu dandeenya? Nutis ummata akkamitti hiriira nagayaa kan seera qabeessa tahe baasuuf, Iida gama hiriira nagayaa jijjiruuf, ykn hiriira mootummaan yaamu akkamitti hiriira keenyatti jijjiruu dandeenya?
9. magaalaa guddoo, aanaa fii baadiyyaa jidduutti akkamitti hariiroo cimaa uumuu dandeenya?
10. odeefannoon hundi akkamitti ummata hunda afaanirraa afaanitti gahuu dandaha?
11. naannoo takkatti halkan tahuu guyyaa yoo mootummaan muslimoota irratti miidhaa geeysise akkamitti Azaanaan ykn yaamicha fakkaata sanitiin Itiyoopiyyaa guutuu keessatti ummata hunda waliin gahuu dandeenya? 
12. sababaa mootummaan miidhaa jabeeysuutiif, hiidhaa fii tuminsaaf warra qabsoorraa sodaatanii dheeysan, kan dhukatan, kan sochii isaanirraa boodatti deebi’an (maatiif, haala jiruutiif, ilmaaniif ykn dhiibbaa saahibaatiif) warra boodatti deebi’u akkamitti jajjabeeysuu dandeenya?
13. waan nashaaxaaf tahu, kan nama jajjabeeyu, kan iimaana namaaf dabalu, aayaata Qur’aanaarraa, Hadiisaa Rasuulaa S.A.W irraa, ammas siiraa irraa akkamitti moobaayilaan, mimooriidhaan, bluetoothin, maseejiidhaa fii karaa biro fayyadamnee ummata Islaamaa hunda biraan gahuu dandeenya?
14. nama hidhame, ykn kan madaawuu fi kan balaan adda addaa irra geeysu akkamitti maatii isaa fii isas sabbarsiisuu, jajjabeeysuu fii bira dhaabbachuu dandeenya?
15. namni hundi odeeffannoo fi ragaa akka footoo, vidiyoo, xalayaa, sagalee waraabbame akkamitti hatattamaan midiyaa biyya keeysaa fii biyya alaatiin gahuu dandeenya?
16. akkamitti ol aantummaa midiyaa argannee proppaagaandaa mootummaa tan kijiibaa fashalsina?
17. Ajandaan keenya ajandaa midiyaa kan yeroo takkaa tahee akka hin hafner fii akka itti fufu maal godhuu qabna?
18. sochii goonu hundaaf baasii (wacii) nu barbaachisuu daddafiitti eysaa argachuu dandeenya? Hawaasa yoo akkamitti qindeessuu dandeenya?
19. qabsoon teenya akka fiirii godhattuuf akkamitti yoo jaaramne wayya?
20. sochii fi karoorri keenya akka iccitiin qabamu maal godhuu qabna?
21. Munaafiqoota nu keeysa nutty jiran akkamitti ifirraa deebisuu dabdeenya?
22. odeefannoo Mootummaa, Majlisaa, Ahbaashaa guututti guyyaarraa eysaa argachuu dandeenya? (keeysaa nama qabachuu, dhimoota nageenyaa maallaqaan bituu, basaasa mataa keenyaa qopheefachuu? Akkamitti?)
23. mootummaan yoo boombii aaraa dhukkaase akkamitti miidhaa xiqqeesuu dandeenya? (boombii aaraa miidhaa isii xiqqeesuuf waan barbaachisuu tajaajila fayyaa duraa (1st aid) irratti waan qophaawe intarneeta keeysaa baasuudhaan afaan keenyatti hiikuun xalayaa facaasuu? Fi k.k.f)
24. warren adawwii Islaamaa tahan tokkummaa isaanii akkamitti diiguu dandeenya? (Isaan jidduutti hameenyi akka uumamu, odeefannoo isaan dhamaasu isaan jidduutti uumuudhaan gad lakkisuu? Moo karaa biraatu jira?)
25. mootummaan koree masjidaa, Imaamman, maatii keenya prooppaagandaa isaatiin dhamaasuu fii sodaachisuun yoo if jalatti hiriirse ykn hiriirsuuf yaale mala akkam fayyadamnee karoora isaa jalaa fashalsuu dandeenya?

26. muslimoonni qabsoon teenya akka galma geeysu adeemsa akkam fayyadamuu dandaha? (gaafii teenya ol siisuu fi ballisaa deemuu akka xixxiqqoon jalaa deeffamtu, biyya guututti diddaa hojii godhuu? Moo waan biraa wayya? 
27. hawwii qabsoo ummata keenya keeysatti akkamiin guddisuun danda’ama? (fakkeenyaaf nama nurraa ajjeefame yeroo awwaallu sirna awwaalchaa gara hiriiraatti jijjiruu? Sababoota argaman hundatti fayyadamu?)
28. ummanni hundi akkamitti dhiibbaa mirgaa tan argamtu hunda kalkanii fii guyyaas tahuu dhiheenyaa tahuu fagoorraa tahuu gazeexeessaa waraabuu danda’a? akkamitti kanaaf ummata kaasuun danda’ama?
29. odeefannoo fii ragaalee moobaayilaan warraabbaman akkamitti namni hundi salphaatti ifiif intarneeta irratti upload (fi’uu) dandeenya? Akkamitti nama hunda salphaan barsiisuu dandeenya?
30. onnee ummataa fii qabsoon teenya akka jabeenyaan itti fuftu godhuun ni danda’amaa? (fakkeenyaaf hiriira jum’aa godhamu  hundaaf torbaanirraa maqaa itti kennuudhaan akka nama harkisu godhuu? Moo mala biraatu jira?)
31. diina ifiitiif jecha qabsaawuun bakka inni qabuu fii galata isaa akkamitti ummata Islaamaa barsiisuu fii isa keeysatti sabachiisuun danda’ama?
32. yeroo hunda miidhaa nurra geeysuufii balaa uumamtu qofa jala deemuu dhiifnee Adeemsaa itti fufaa taheen qabsoo godhuu dandeenya?
33. afaan biyyatti keeysatti argamu hundaan akkamitti manzuumaa fi nashiidaa qopheeysuun danda’ama?
34. qaamoota mootummaa kan adda addaa irratti dhunfaan tahuu, gamataan akkamitti dhiibbaa irratti uumuu dandeenya?
35. namoota beekkamoo naannoo keenya jiranii fii naanno biraa jiranis akkamitti amansiisuudhaan gama qabsoo isaan fiduu dandeenya?
36. qabsoof warra murteeysaa tahan (dargaggoota, shamarran, fi k.k.f) ijaarree akka dammaqan goonee isaanis akka nama biro dammeysanii waan irraa eegamu dalagan godhuu ni dandeenyaa?
37. nama akkamitti mala qorannaa poolisaa fii dhimma nageenya akka beekan godhuu dandeenya? (namni mala isaanii dura beekee hin sosobamu waan taheef kun isa hatattamaa fakkaata)
38. hanga arraa roorroo mirga namummaa tan muslimootarratti godhamte akkamitti qaamoota mirga namaatiif falmaniin gahuu dandeenya?
39. tokko tokkoon keenya sa’aa ammaarraa eegallee dirqama yoo duree qabsoo tahuun nu mudatte, waan dandeenyuun qabsoo muslimaa tana gaggeesuuf murannee jirraa? Moo osoo amantiin teenya yahudaan baduuf deemtuu arginee usna? Boru fuula Rabbiitti maal jenna?
40. xalayaa adda addaa, cd, kitaaboota wacii teenyaan haa tahuu walitti qabuudhaan baayyifnee ummata Islaamaa waliin gahuuf murannee jirraa?
41. masjiidoota, araddaa, aanaa fi bakka adda addaatti warren farra Islaamaa tahuudhaan hirmaannaa godhan qulqulleesinee hawaasaaf ibsuudhaan akka gocha isaanirraa dhaabbatan godhuu ni dandeenyaa?
42. baadiyaa fii magaalootatti ulamaa’onni murteeysoon argaman akka proppaagaandaa mootummaatin hin sobamne xiyyeefannaa addaa keennuudhaan akkamitti akka qaama qabsoo tahan godhu dandeenya? (fkn vcd waa’ee ahbaashaa barsiisuu laptopiin ganda baadiyyaa dhaquudhaan sheekkooti  agarsiisuu fi kkf)
43. Ahbaash akka sufiyyaa hin tahinii fii akka kaayyoo yahuudaa galmaan gahuuf deemaa jiru nama Islaamaa hunda baadiyyaa hanga magaalaatti amansiisuu ni dandeessaa? (fkn maatii teenyaa fii aanaan keenya hundi waan kana hubataa?)
44. gubbaa ajaja tokko eeggachuun maleetti bakka jiruutti qindaawuudhaan waan dandeenyu godhuuf qophiidhaa? Yoo hin danda’in akkamitti ammarraa eegallee kana godhuu dandeenya?
45. maqaa sufiyyaatiin <Ahlus-sunna wal-jama’aa> jedhamee kan dhaabbate mootummaa fi yahuudaan Islaama balleesuuf meeshaa itti fayyadamanii fii adawwii Islaamaa tahuu hubattee? Hubachiisuuf yoo qophiidhaa?
46. mootummaan amantii Islaamaa keeysa seenee addaan qooduuf shira inni itti jiru hangama takka hubattee jirta? Beeysisutti jirtaa?
47. mootummaan filannoo majlisaa waajira aradaa fii aanaatti godhuuf murteeysee masjidatti godhuu waan diduuf hubattee? (fkn. Muslima warra hin tahin maallaqa Ahbaasharraa argameen amata shanan dabare biyya keeysaa fi Libaanoositti warra leenjise filannoo waajira araddaa saniin dirmaa dalagee filachiisuu, kaadiree isaa itti guutuu, fii karoora isaa kan islaamaan balleesuu warra isaaf raawwachisuu filuu. Warra amantii fi masjida hin beyne aradaatti akka filachiisuuf deemu hubattee?)
48. mootummaan Ahbaash akka qabeenyaan guddatee jabaatu godhuuf dalagaa jira. (fkn. Sadarkaa finfinee qofatti maqaa waldayya xixiqqaan ijaaramuutiin warra amantii ahbaash fudhatan, warra waldaya ahlus-sunnaa wal-jama’aa Ahbaashiif aradootaa fii aanoota keeysatti warra isaan deeggaruuf baajata bara 2005 A.L.H maallaqa itiyoopiyyaa qarshii miliyoona 350 murteeffamee jira) nuti yoo wal gargaaruufii amantii teenya gargaaruuf hagam takka murannee kaanee jirra? Maal dalagaa jirra?
49. ummanni tokko mohachuu kan dandahu adawwii isaa guddaa sodaa yoo mohachuu danda’e qofa. Galanni Rabbiif haa tahu ummanni sodaa dhiisee jira. Garuu dabalataan hojjiin biro irratti hojjatamuu qaba. Mee maal maal yoo goone warra sodaan ammallee keeysaa hin bahin keeysaa baasuu dandenya? Ati maal godhuu dandeessa?
50. sochii tokko wanni guddaa ajjeesu abdii murachuudha. Ummanni keenya akka osoo abdii hin muranne qabsoo hanga dhumaatti itti fufu mala akkam fayyadamu qabna?
51. mootummaan koree teenyaa fi warroota diina keenyaaf dalaguun beekkaman sababa uumuudhaan hidhuudhaan dorgommii tokko malee warra isaa filachiisuuf muratee ka’ee jira maal godhuu dandeenya? Maal yoo goone sochii kana dhaabsisuu dandenya?
52. Mootummaa aradootaa fi bakkoota walgahii hundatti sodaa tokkoon maleetti akkamitti yaada keenya ibsuuf dandeenya? Ummata keenya jaaruu fi dammaysuudhaan shira mootummaa kana fashalsuu ni dandeenyaa?
53. odeefannoo nuti kooppii godhuun facaasuu feenu manni kooppii yoo kooppii godhuuf qophii hin tahin yoo? Ykn poolisaaf yoo himan yoo? Maallaqa walitti baafnee maashina kooppii bitannee ifiif baayyisachuuf ni dandeenyaa?
Gaafilee dabalataa warra diyaaspooratiif (warra biyya alaa jiraatuuf):
1. Biyya jirru sanitti sochii akkam yoo goone mootummaa Ihaadiig kan amantii teenyarratti roorisaa jiru kana dhiibbaa irratti uumuu dandenya?
2. Ummanni diyaaspooraa (biyya alaa jiran) akkamitti qabsoo tanaaf hiriiruu dandaha?
3. Warri diyaaspooraa (biyya alaa jiran) akkamitti waliin jaarmayoota Itiyoopiyyaa kan birootiifii waldayoota addunyaa kan birootiin akkamitti waliin qabsaawuu dandaha?
4. Ajandaan keenya ummata adunyaa biratti akka dhagayamee xiyyeefannaan itti kennamu godhuuf maal maal godhuu qabna?(warri mirga namaatiif dhaabbatan waliin dalaguu, midiyaa adunyaarratti dalaguu fi k.k.f)
5. Hawaasa Muslimaa kan biyya jiruuf warri biyya alaa jiru maal dalaguu dandaha? Mirga ummata Islaamaa kabajisiisuuf qabsoo akkam godhuu danda’a? (dhiibbaa mootummaarratti uumuu, maallaqa walitti qabuu fi k.k.f)
6. Waldayaa islaamaa kan adunyarratti beekkaman fi dhaabbatoota biro waliin warri biyya alaa maal dalaguu dandahan? (fkn liigii muslima adunyaa, univarsiitii Azhar, waldaya ulamaa adunyaa, fii waldaya ulamaa afirikaa, k.k.f)

7. Warri biyya alaa (diyaaspooraan) yoo tokkummaa uume midiyaa jabaa tokko muslimaaf dhaabuu hin dandayuu? Hanga ammaa maaliif dadhabe? Malli maali?
8. Warri hidhame akka gad dhiifaman, warra miidhaman wallaanurratti gahee maal taphachuu dandaha?
9. Mootummaan muslimoota irratti daangaa dabruudhaan waan dimokraasii falleesuu dalagaa jirachuun isaa beekkamaadha. Kana dhaabsisuuf akka adunyaatti xabqaa (abukaatoo) bituudhaan mana murtii adunyaatti himata (kissii) mootummaarratti bane ummata islaamaa maaliif hin dhaqabne? Akkas godhuun yoo hin danda’amuu? Maaliif hatattamaan dalagaarra hin olchine?
10. Waldayoonni mirga namaatiif falman gabaasa isaanii kan amataa keeysatti akka miidhaa fi roorroo ummata Islaamaa akka gabaasan godhuun hin dandahamuu? Hanga ammaa maal goone? (paltolkirratti haasawuun bira dabruudhaan? Yookaan mana adda adda paltalk irratti banuu malee?)
11. Warri diyaaspooraa (warri bahar gamaa) jaarmayoota akka Badri Intarnaashinaalii fii jaarmayoonni Islaamaa kan biro maaliif walgahii isaanii tan amataa biyyatti godhuuf hin yaalle akka xiyyeefannoo midiyaa argatuuf? (magaalaa haalaan roorroon itti jabaatetti godhuun ni dandahama)
12. Mulimoonni biyya teenyaa kan biyya adda addaa jiraatan maaliif jaarmaya tokko jabaa kan mirga ummata Islaamaatiif falmu hundeeysuu dadhaban?
13. Mulimni biyya teenya kan adunyaarra jiran warri proofeeshinaalaa fi oggummaa adda addaa qaban maaliif muslima biyyattii gargaaruuf hin jaaramne? (fkn: Aalimoonni, warri seeraa, ogeysi fayyaa, ekonoomistoonni, gaazeexisoonni, warri siyaasaa fi k.k.f.) 
14. Galii keenya kan ji’aa irraa parsantii hangam diina keenyaaf murteysinee jirra keeysattu mirga islaamaa kabajsiisuuf?
15. Warri biyya Aalaa jiraatu Muslimni Itiyoopiyya haala kamiin walgahee jaaramuu dandaha? Biyya jiru hundaa fi akka adunyaatti?
Gaafillee gubbaatti ka’an kana hundi keenya dhaabbannee itti haa yaannuu. San booda diina keenya galmaan gahuuf haa qabsooynuu. Rabbiin nu haa gargaaru. Hundaa olitti Rabbiin Amantii teenya nuuf haa tiysuu!!! Rabbiin adunyaa fi akhiirattis nu haa milkeysu. Ramadaan injifannoo fi milkii nuuf haa godhu.
Kooppii goonee hanga dandeenye haa hirruu!!! Haa dubbifinuu warra hin dubbifneef!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Allaahu Akbar!!


No comments:

Post a Comment