Thursday, July 26, 2012

Qabsoon teenya qabsoo yaaliiti moo Qabsoo murtiiti?

Qabsoon teenya qabsoo yaaliiti moo Qabsoo murtiiti? 

Urjii Ahmad

Ummata Islaamaa qabsoo yaaliif godhan jechuun qabsoo akka mootummaan itti jiruu tana. yaalii akka bineensa laaboraatooritti (laboratory) irratti godhamuu, kan yoo tole itti gammadan, baddu ammo irraa oolan. Mootummaanis Islaama balleesuu ni dandaha moo hin danahuu if laalaa jira. Kuni qabsoo warra baaxilaati yoo tolteef dhugaa dhaamsuuf waan dandahan hunda ni godhan. Ammoo yoo dadhabban ifirraa dhiisanii harka kennan. Akkuma mushrikoota makkaa dura hanga uutaalan utaalanii ifaan haqaa roorroo isaanii san hunda waliin guddatuu malee dhaamuu dhiifnaan harka kennan.
Mootummaan itiyopiyyaa Islaama akka inni fedhuu uumuuf jecha, haqa waan tahe hunda dhaamsuu fi balleesuu barbaada. Warra haqaaf dubbatuu fi haqa jaalatu hunda itti roorrisuudhaan abdii isaanii kutuu barbaada. Hidhaa fi ajjechaadhaan warra haqaa barbaadu hunda sodaachisuun akka afaan qabatan godhuu fedha. Warra haalaan qabsaawan adaba ajaa’ibaa isaan adabuudhaan warra biroo barsiisuuf Adeemsa warra makkaa deemaa jira. Yeroo kana deebisaan warra haqaa yoo kan akka gaafa Rasuulaa tahuu baate kufuun isaa ni dhihaata.
Qabsoon murtiif godhaan faallaa qabsoo yaaliif warri baaxilaa godhuun adda. Sababaan isaa eegalaa fi injifannoon malee dhuma waan qabneef.
Maaliif yoo jettan warri haqaaf qabsaawu mohamuu wanni je’amu isaan bira hin jirru. Qabsoo oofuu malee if duuba wanni jedhamu isaan bira hin jirru. Haqa if duratti argu san malee kijiba dirqamaan dhufu kanaaf hin hollatu.
Injifatu haqa mohe argee gammada. Ajjeefamu haqaaf du’uu isaa waan beekuuf sodaa malee du’a. du’a boodas jannata kajeela.
Duuba qabsoo yaalii tan baaxilaa tanaafii qabsoon murtii tan haqaa durirraa eegalee haalaa fi yeroon wal dhabus itti fufa hanga guyyaa aduun dhaabbatutti. Warri haqaa akkuma Rabbiin je’e waa xiqqoo waan tahaniif warra baxilaatiin rakkoo fii qormaanni garagaraa irra gahuun isaa beekkamaadha.
Warri haqaa nama miidhuu jaalchuu baatus, warri baaxilaa haqa waliin jiraachuun waan itti ulfaatuuf dirqama balleesuu qabna jechuun itti duuluun isaanii aadaa durii fi arrallee jiru.
Warra filisxeem kana haa laallu mucaan xiqqaan taankii dura dhaabbachuu hin sodaatu, dhagaa sibiila caphsu harkaa qabbaachuu baatus, onneen warra haqaa sibiila taankii san caalti. Akkana kunoo haqni injifachuuf sibiilaa fii meeshaa ammayyatti hin haajamu, haquma irra jiran san amanuun qofti gahaadha.
Ummanni Islaama niyya keenyaa qabsoon amma eegalan qabsoo yaaliif godhamuu miti, kan hanga yeroo yaalanii irraa dhaabbatanii miti. Qabsoon teenya qabsoo murtiiti, qabsoo warra haqaati, baaxila guddaa tahuu isaa arganii kan jalaa mataa gad qabatanii miti. Hidhaa fi roorroon guddatteef haqa dhiisanee baaxila fudhachuuf hin jalqabne.
Warri haqaa akka hundattu injifataadha, filisxeem haa laalluu waggaa 60 ol taankiin haqa isaanii dhiisuutti isaan hin geessine. Nutis hidhamuun koree teenyaa, ulamaa teenyaa, haadhaa fii abbaa keenyaa, ajjeefamuun fira keenyaa, hedduummaatuun warra du’uu, mohamuu keenya hin agarsiisu. Warri hidhames, kan ajjeefames, kan tumames, hundi isaanii mohachaa jiran malee mohamaa hin jiran.
Bilaal seenaa isaa laalaa gaafa isatti roorrisan san moohuu malee mohamuun akka itti hin dhagahamin nuuf hima. Ahadun!!! Ahadun!!! Ahadun!!! Jechaa ture.
Ahbaash tahuu fi dhiisuu jidduu hin jirru, bakki nuti jirru Ahbaash diduu qofa. Majlisni bu’u bu’e ykn dhiisuudha wanni je’amu qabsoo murtii tan haqaa keessa hin jiru. Haqni mohuu qofa filannoo biraa hin qabu.
Harka kennuu wanni jedhamu qabsoo haqaa keessa hin jiru. Harka kennuu jechuun qabsoo haqaa dhiisanii maal goona dadhabnee jechuun haqa dhiisanii baaxilaaf harka kennuu jedhama.
Kanaaf ikhwaanii qabsoo haqaaf godhan keessatti salphaan baaxila kuffisuun hin jiru. Qabsoo haqaa keessatti baaxila kufe anaa fi ati arguun dirqamaa miti. Anaa fi ati baaxila didaa dhumuun barbaachisu dhumuudha.
Haqaaf dhumuun injifachuudha malee kufuu miti.
Koree hidhan qabsoon hin dhaabbattu.
Injifannoon warra haqaa baaxila dura dhaabbachuutti haajamti.
Rabbiin warra haqaa akka tumsuuf beellama seenee jira. Kanaaf harka kennuun aadaa warra baaxilaati. Nuti qabsoo itti fufuudhaan tumsa Rabbii haa barbaannuu!!!
Dhugaan dhufe baaxilli deeme, baaxilli deemaa waan taheef (dhabamaa waan taheef). Quraana.
Ijnifannoon tan warra haqaati!!!
Allaahu Akbar!!!


No comments:

Post a Comment