Friday, January 4, 2013

GUYYAA 365 AMANTII TEENYAAF!!

Oduu Jum'aa
4-1-2013

Guyyaa arraa Moormiin mata duree "Guyyaa 365 Amantii Teenyaaf"  jedhuun godhame nagayaan raawwateera.
Guyyaa arraa akka biyyooleesaatti Naannoo fi Magaaloota hedduutti Hawaasni Muslimaa Amantii teenyaaf waggaa tokko guutuu iyyachaa nama nu dhagayu dhabneerra jechuudhaan hirira nagayaa bahuun moormii cimaa karaa nagayaatiin godhaa olan.
Keeysattuu:
Finfinnee Naannoo Federaalaa (garuu lafa Oromiyaa)
Adaamaa Naannoo Oromiyaa
Shaashamannee Naannoo Oromiyaa
Dodoolaa  naannoo Oromiyaa
Magaalaa Harar (Adaree Biyyoo) Naannoo Hararii fi Harargee Bahaa
Hawaasaa Naannoo Kibbaa
Arbaa Minci Nannoo Kibbaa
Jimmaa Abbaa Jifaar Naannoo Oromiyaa
Dasee Naannoo Amaaraa
Waldiyaa Naannoo Amaaraa fi magaaloota adda addaatti mormiin cimaan godhameera.

Dhaadannooleen adda addaa dhagayamaniiru. sana keeysaa
Sagaleen keenya haa dhayamu!!
Biyya teenyatti mirga dhabnee!!!
ETV kijibaa!!!
Qawween Kamiiseetti boollaa argine jettan kijiba!
Guyyaa 365 amantii teenyaaf!!!
Qabsoo Itti fufna!!!
Ahbaashii hin fudhannuu!!!
Amantii teenyaaf ni dhumna! Sagaleen keenya haa dhagayamu!!!
kan jedhuu dhageesissaa olaniiru.
Haaluma kanaan Moormiin kun bakka heddutti nagayaan kan raawwate tahus Magaalaa Hararitti Waraanni federaalaa Masjidatti ummata akka malee waan tumeef Hawaasni naannoo Masjida Imaan jiran Masjida keeysaa fi alattis miidhamanii jiran. san keeysaa namoonni lama qawwee mootummaatin ajjeefamanii jiran, hedduun madaawee jira. kan du'e keessaa tokko daa'ima amata 7 hoggaa tahuu amantiin isaa Kiristaana tahuun Isaa beekkamera.
Magaalaa Dodoolaattis Hawaasni salaata booda akka jiruun masjidarraa gama alaa bahuudhaan Moormii cimaa godhee jira. Kaabinoonni Salaataaf Masjida keeysa turan Osoo namni Isaan hin tuqin Ifumaaf Masjida keeysaa Kophee malee akka fiigaa galan maddi Oduu naannoo sanii nuun gahe addeeseera.

Magaaloonni duraan Sagalee dhageesisanii hin beeyne kan akka Hawaasaa, Arbaa Minci, fii Waldayaatti Moormiin haalaan akka cimaa tahee beekkameera.
Magaalaa Waldaayaatti waraanni namoota hedduu hidhuun Isaatis beekkameera.

Moormii Kanaan wal qabatee namoota arra Harar keeysatti ajjeefaman Mootummaan Akka Muslimootaan ajjeefaman godhee Oduu Isaa akka facaasuuf qophiirra jiruus garasumaa oduun nu gahe Ibseera.
Naannoo birootti rakkoon argamee hanga ammaatti hin beekkamne. Namoonni Lakkoofsa hedduu qaban moormii cimaa dhageesisuun Mootummaa kanaaf waan himu qaba jenna.
Mootummaan Ummata hin dhageenye booddeen Isaa akkuma warra kana duraatti ummatumaan kararraa maquun isaa ifa galaadha jechuun warri hayyootaa dubbataa jiran.

Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!


No comments:

Post a Comment