Monday, December 24, 2012

JECHI KEENYA HIN JIJJIRAMU, SHIFTOOTA SEERAAF DHALEESSUUN KEENYA HIN OLU.

JECHI KEENYA HIN JIJJIRAMU, SHIFTOOTA SEERAAF DHALEESSUUN KEENYA HIN OLU.
Biyya teenyatti bakka Azaabni guddaan itti argamu keeysaa tokko Mana Hiidhaa  Ma’akalaawii Finfinnee jiruudha. Manni hidhaa kun kan Dargiin warra hidhaman itti cunqursuudha. Arras bakka kanatti meeshaan ammayyaa kan nama ittin jilchan itti dabalamee daran Azaaba fakkaatee itti fufee jira.
Koree teenya irratti waan hojjatame gabaabsinee ilaalla. Rakkoo Muslimoota akka gaafatan kan ummanni bakka buufate Koree teenya Rakkoo hangana hin jedhamne arganii jiran. Nuti waan kana hin dagannu!! Seenaanis hin dagatu.
Qaamni ani  Mootummaa Ummataati Ifiin je’u tokko kana dalaga je’ee namni yaadu hin jiru, garuu wanni hundi tahee ragaa qabatamaan nu gahee jira.
Qabsoon keenya dura yeroo jalqabu irraa hanga ammaa karaa nagayaatiin deebi argata yaada jedhuun karaa nagayaa fi seera qabeessaan deemuun keenya Adunyaa guutuu kan dinqe tahus, Qaamni Mootummaa yakka adda addaa nuratti ofaa jira. San keeysaa wanni Isaan mana Hidhaatti koree teenyarratti raawwachaa jiran akka waan Isaan harka shiftaa seenanii fakkaata. Ee shiftaa malee kuni Hojii Mootummaati miti.
Akka odeefannoon argannee Ibsutti warreen Kore teenya qoratan mana hidhaa keeysatti waan bineensa irrattillee hin hojjatamne koree teenyarraan gahaa jiran. Koreen teenya Bilisa tahuu isaa hubannaan Mootummaan akka dirqamanii “mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjachaa turre” jedhan godhaa jechuun xalayaa barreesee jiraachuun isaa beekkamerra. Hunda Isaa yeroon Isaa hoggaa gahe ni ibsina, amma akkaata itti cunqurfamaa turan keessa garii isaa dubbanna.


·        Koree teenya bishaan danfaa kooddaatti guutanii Qaama saalaa Isaanii (cidhaan) irratti hidhuudhaan qamnii Isaanii Iitawee hanga ficaanu dadhaban gahanii turan.
·        Tumaa Isaanii irraa kan duydaa fi qaamni biroo akka malee Isa laalatuu turre, Isaanis bakka isa dhukkubu sanirra sibilaan tumaa turan.
·        Koree teenyaa fi sheekkootii teenya tuminsi itti jabaate kan ilkeen sosso’es jira, kan if wallale kufus jira. Yeroo dheeraaf tumanii iyyisisaa waan turaniif koreen teenya Qur’anas qara’uu hanga dadhaban gahanii jiran.
·        Yeroo tuman yoo waan sin jennu tole jechuu baatte maatii kee, Ilmaan kee waliin mana irratti gubna, jechaanii turan.
·        Kan hunda caalaa nama boochisu koree teenya Ija hidhanii waan turaniif yeroo Isaan salaatan Ijaan hin argan jechuudhaan tuffiin bakka Isaan sujuudan irratti mila Isaanii kaayanii akka Irratti sujuudan godhaa turan. Kan yoomiyyuu hin dagannu. Kana ni irraanfanna jedhanii yaaduun tapha.
·        Ija hidhanii waan qara irra akka mila qullaa deeman godhaa turan.
·        Koree teenya keeysaa tokko hanga hidhiin Isaa dhohuu tumanii jiran.

Ji’a Ramadaan keessa “mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojjachaa turre jechuun mallatteesuu yoo diddan salaata hin salaattan” jechuun dhorgaa turan.
Halkan hedduuf mana qabannaawe keeysatti nyaata malee tursiisaa turan.
Maashina qaama namaa walitti hacuucuun qaama Isaanii hacuucuudhaan gubbaa dhaabbatanii Vidiyoo waraabbachaa “Mootummaa Islaamaa dhaabuuf hojachaa ture je’i” jechuun cunqursaa turan. Kanaafii kan biro cunqursaa hedduu argaa turan.
Dhumarratti : Akkuma Mootummaa Dargii keeysatti warri nama cunqursaa turan seeraaf dhalaawanii itti murtaawe sana, nutis warra koree teenya akkanatti itti roorrise kana seeraaf dhaleessuun keenya hafa hin qabu. Kuni waadaa keenya.

No comments:

Post a Comment