Wednesday, October 24, 2012

Wallaggaatti salaatni Iidaa dhorgame

Oduu Wallagga:

Mirgi Amantii Wayyanneen lellessitu kana???

Musliimootni goodina wallagga
bahaa Amantaa isaanii ifaa fi bilisaan geggeeffachuu akka hin dandeenye godhamaa jiru .Musliimootni Magaalaa Naqamtee fi naannoo isheetti argaman Salaata Eidaa Dirree irratti bahanii akka hin
salaanne fi nama lamaa fi lama ol ta'uun Takbiiraa guyyaa Eidaa jedhamu jechuu akka hindandeenye dhorkaman. Kaabinoonni wayyaanee Magaalaa kana keessatti argaman heera mootummaa mirga amantaa ofii ifaa fi bilisaan geggeeffachuu dandeeessu jedhu faallaa deemuun Musliimootni amantaa isaanii akka hin geggeeffanne dhorkaa jiru.

Gabaasa oduu nu gahe irraa akka hubannatti
Musliimootni magaalaa kanaa fi nannoo ishee salaata guyyaa Eidaa Masgiidaan alatti akka salaatne ajni cimaan karaa koomiiteewwan masgiidootaatiin itti kenname jira!

Kana duras Musliimootni
magaalaa kanaa fi naannoo ishee guyyaa Eidal Fatrii salaata dirree irratti salaachuu fi takbiiraa jechuu irraa akka dorkamanii turan ni yaadatama.

Musliimootni Magaalaa kanaa keeysa jiran yaada kennaniin

1.Akka qaama amantaa tokkootti nutis amantaa mataa keenyaa ifaaf bilisaan geggeeffachuun mirga keenya osoo ta'ee jiru xiyyeeffannoon addaa maaliif
Musliimootaa fi amantaa musliimaa irratti
taassifama???

2.Mirga seerri biyyatti nu mirkaneessetti
fayyadamuun amantaa keenya ifaa fi bilisaan akka nuti hin geggeeffamne maaliif dhorkamna???

3.Yeroo kana mirgi amantaa keenyaa dhiitama
jiraachuun isaa beekama dha "amma salaata Iidaa dorkanee jirra boor immoo Salaata waktii shananii masgiidatti dhufanii nu dhorkuu dhiisuu isaanii maaliin mirkaneeffana?"yaada jedhuu fi gaaffilee
kana fakkaatan hedduu kaasaa akka jiran
dhagahama jira

Musliimootni Magaalaa kanaa hedduun Filmaata Ahbashiinii fi kaabinootni wayyanee geggeessan irra of qusatanii akka turan ni yaadatama.

Yaa Allah Nasrii kee nuuf fidi


No comments:

Post a Comment