Sunday, October 28, 2012

Salaata Masjidatti akka hin salaanne dhowwaman

Oduu Nama Boochisu Goodina Wallaggaa Lixaa Aanaa Noolee Magaalaa Kaabarraa dhagayame.
Oduun kunoo akkana jedha:

G/W/L/A/noolee kaabbaa magaalaa bubbee shek Hasan sabbooqaa nama jedhamu fidnee sheki kun ijoollee hedduu ija banachiisee kaan kitaaba qaraasisaa haala gaariin uummata fuudhee deemaa ture. Kana gidduutti dhimmi nageenyaa aanaa sanaa koree masjiidaa waamee "iimaama shek hasan sabbooqaa
jedhaman akka ofirraa raamadaana gaafa 11 geggeessitan jedhe. Iimaami kun waa dubbatee miti waas balleessee miti leenjii ahbashaa kanaan dura Naqamteefi Ghimbii irratti geggeefame hin hirmaannee" jedhaniiti. "namnni leenjii irratti hin hirmaanne iimaama tahuu hindanda'u ulaagaa jedhu dhufe" jedhan.
Akka magaalittiitti nama 4 duwwaatu jeeqa isaanis
1.misikir hayilee kanduraan dura ta'aa gandaa turee qabeenya uummataa fixee haadha iyyeessaa harkaa mana gandaan siifkenna jedhee gubboo nyaachaaturee ari'ame.
2.mahammad idiriis qabeenya qaba ture paarlaamaan taa'a nafilaa jedhee nama mootummaatti quba qabaa turee Rabbiin harkaa gate.
3.geetaachaw nama jedhamu
4.caalii beenyaa hattuu nama ture.
Boodana keessa mootummaan jara kana qabatee eega iimaami deemanii jama'an bittinnaaye. Dhimmi nageenyaa (tasfaa) jedhamu nama haabashii tahe gaafa ramadaana 16 mahammad idiriis namicha jedhamutu iimaama tahuu qaba jedhee bakka buuse. Namichi mahammad idiriis jedhamu kitaaba gaafa leenjii fudhate kitaaba haabashii irraa afaan amaaraan dawaas kuxbaas uummatatti godhaa jira. Boodana keessa gaafa 9/1/2005 nama 48 tti ba'ee akka isaan salaata masjiida dhaqanii salaatuu hin dandeenye.
Namooti kun dhaqanii gaafannaan "masjiidi kan suufiyyaatii Ahbaashoota qofatu itti tajaajilamuu qaba" jedhaniin.
Walgahii gaafa 16/1/2005 filannoo wajjin wa qabate irrattis dubbiin kun ka'ee ture maaliif akka masjiida seenuu hindandeenye. Yeroos kaabineen Indaargaachoo jedhamu akkas jedhe "isin waabiyyaadha mootummaan xiyyitiin rukutaa jedheera kanaaf waabiyyaa xiyyitiin rukutuudha kan nuti xiyyitiin isin hin rukutinuu hintole" jedhe.
Namicha mootummaan iimaama godhee kaa'e mahammad idiris afaan amaaraan akkas jedhe " inante wanjalanyooch naachuu mengist lemagelbex new yetanasachut enam memrexm memmerexm atichilum" jedhe. Uummatis nuun yoom waabiyyaadha ofiin jenne nuti muslimoota jedhan. Jennaan namichi dhimma nageenyaa aanaa sanaa (tasfaa) namnni jedhamu akkas jedhe "mootummaan gubbaamaa nama suufiyyaa hin taane 100 irra suufiyaa tokkollee haataatu ishee tokkoo sana bira dhaabbadhaa " jedhe.
Uummati baayyeen wagahii dhiisee ba'e.
Masjiidarraa dhorkamnneee jiraachaa jirra. Namichi mohammad idiris jedhamu amma iyyuu rakkoo guddaa uumaa jira. Kitaaba haabashii irraa uummata tti afaan amaaraan jallisaa jira. Harra carraa argattee nurra gulufaa jirti. Harki dabaree wal dhiqa! Guyyaan muslimaaf taatu hindhufti.

No comments:

Post a Comment