Saturday, October 27, 2012

Iida Arafaa gabaabatti

Guyyaa Iidaa qabsoon godhame akka biyya guututti kan jeynummaa ummata Islaamaa fi tokkummaa isaa agarsiiseedha.
Finfinnee Muslimoonni miliyoonataan lakkaawaman, Dirree Dawaa, Adaamaa, Jimmaa, Baatii, Affaar Millee,  Shaashamannee, Baalee Roobee fi Dodoolaa, Walloo Kamisee, Dasee, Baakkoo, corraa, fi bakka hedduutti sagalee fi kaardii if eggannoo kelloo (yelloow card) Mootummaaf kennanii jiran.
ETVn sagantaa Iidaa kan duraan dabarsaa ture barana Finfinneerraa osoo hin dabarsin oluun isaa Mootummaan hangam takka hanga sagalee ummataa ukkamsaa jiru agarsiisa.
waan Iida arafaa irratti argame keeysaa:
Walisoo Mootummaan Imaama Ahbaash jalatti salaataa jedhee waan hawaasa dirquuf yaalii godheef hawaasni Iida dirree bahuu irraa olee seenaa ajaa'ibaa dalagee jira. Mootummaa fi kaadreen hangi muraasni salaata Iidaa salaatanii galanii jiran.
Adaamaatti Bartoota yunivasiitii irratti gochii sukkanneesaan waraana mootummaatin dalagamee olee. Bartoota gara dirree Iidaa deemaa jiran waraanni federaalaa tumee jira.
Dirree Dawaatti Kantiibaan yeroo haasawa godhu ummanni kaardii itti ol qabee Takbiiraa ol fuudhee godhuudhaan callisisanii jiran.
Finfinnee ETV waajira Isaa biratti hawaasni walitti qabamee ETV kijibaaa, ETV hattuu, ETV shororkeysaa jechuun hanga isaaniif gahutti saffaraniifii jiran.

Godina hararge bahaa aanaa gola odaatti ummanni muslimaa dirree iidaatti masjiidaaf qarshii 34747 akka buusanitti qabduu maallaqaa yokaa si .ajjeefna jechuun maallaqa fudhani jiru policeen oromia harkaa fuudhani jiran.
waan hunda gabaasuun ni ulfaata gabaabumatti Jeynummaa fi tokkummaan Ummata Islaamaa hangam akka cime Ihaadiig agarsiisanii jiran.

Allaahu Akbar!!!! 
Footoo armaan gadii tartiibaan laalaa.




Adaamaa

 ETV KIJIBAA!!!!!

 KAMIISEEE


No comments:

Post a Comment