Saturday, August 25, 2012

DUULA AHBAASHAA HAARAWA.

Oduu Owwaa
DUULA AHBAASHAA HAARAWA.
Goodina Harargee lixaa Aanoota jiran keeysatti muslimoota hidhuun itti fufee jira.

Baddeessaatti guyya arraa namoonni hedduun hidhamanii jiran. 
warra hidhaman keeysaa Hasan Hasoyye (Abbaa Khaalid) abbaa qabeenyaa fii manguddoo biyyaa hoggaa tahu dargaggoo keeysaa kan maqaan isaa nu gahe Caalaa Sheekaa nama jedhamu hidhanii jiran. Namoonni hidhamuuf barbaadaman hedduu akka tahan dhagayamee jira. sababaan hidhamaniif Ahbaasha akka hin filatamne nama kakkaastan jechuun tahuun isaatis beekkamee jira.

Galamsoottis hidhaan itti fufee jira.

Qunne (aanaa gammachiis) keeysatti namoon 60 ol guyyaa arraa hidhamanii jiran. haaluma wal fakkaatuun guyyaa arraa Laga hoomachoo bakka jedhamutti sheekkootii fii darasaa Makinaan fi'anii gara mana hidhaa Qunnee fidaa olan. Sheek Hasan Bayaan Darasaa isaa waliin hidhamee jira.
Aanuma Gammachiis wal Argii aradaa jedhamurraa Sheek Ibraahim Imaamaa fii Daa'ii, akkasumas Abbaa qabeenyaa Obboo Muhammad Siraaj namoota hedduuu waliin hidhamanii jiran.
maqaa warra hidhamee kan hafan akka nu gahetti isiniif ibsina.
Dimookraasin, Mirgi amanti, walqixxummaan, Misoomni, jeynummaan Mallas kana tahuu hin olu.

No comments:

Post a Comment