Tuesday, August 28, 2012

AHBAASHI ENYU?



AHBAASHI EENYU????

Urjii Ahmad

Ahbaashii beekuu yoo feete
Lubnaanirraa nu gad seentee
Abdallahi harariituu isii hundeessee
bara 30 dura isii gad dhaabee
Beeruti keessatti yooniif dubbistee

Yahuudaatu isa gargaaree
Mallis kan isii nu yaamee
Yahudacha tokkootii isii qoratee
Wahbiyyaan balleesa jedhee murate
Mootumaan dubbii isaa fudhatee
Ahbaash dirqamaan nurratti fi'ee
Kadhanee kadhanee dadhabnee
Ifirraa Rabbitti iyyannee

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Wahbiyyaa balleesuuf nu jedhan
garuu Islaama balleesuu fedhan
Maqaa guyyaa keessaa nuuf baasan
Akka waan Bineensaatti nu himan
Mallattoo wahbii hoggaa nuuf himan
Najaashiin Muslimaadha Amanan
Ortodoksiin Mirga wal qixa fedhan
Kolleejii Islaamaa banuudha yaadan
Dhaalaa hijaaba itti uffisan
Dhiirtis Areeda haalaan guddisan
Taaboota baasanii hin galchan
Haraama jedhanii nama dhowwaan
Masjida bakka hundatti jaaran
Madrasaan akka hodummaatu fedhan
kana kana hammeenyaaf himatan
Mee yaa dhiiroo kanaan maal jettan.

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Duuba Islaamni Isaan barbaadan
Taaboota yoo galchee baase fedhan
Najjaashiin Muslimaa yoo didan
Masjida jaaruu gaafa dhaaban
Madrasaan heddummaachuu yoo jibbaan
Qofa warra nagayaa jedhaman
Akkas gochuu yoo baatan
Mankaraaristaa maqaa siif baasan
Hojii kana galamaan akka gahan
Abbaa itti barbaadanii dhaban
Ahbaash tokkicha itti argatan
Kan Adawwwiif Islaama qabatan
Firummaaf yahuudaadha jaalatan
Muslima hunda dhugumaan jibban
Yaadaa isaanii tasa faalleesinaan
Kaafira jechuun maqaa si baasan
Wahbiyyaa wannii sin moggaasan
Mootummaan Isaan argannaan
Gammadee nutti gad fidnaan
kunoo Arra Isaan hojii jalqaban
Biyya guutuun kaafira nuun jedhan
Ulama'aa tokko yoom keessaa hanbisan
Hunda wali qabanii Kafarsiisan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaasha hoggaa gad fidan
Akka namni hin beekne fedhan
Dafanii maqaa irraa jijjiran
Ahlu-sunnaa suufii itti moggaasan
Mallas biratti Islaamaa duraanii jedhaman
Kan faallaa sani hunda Wahbiyyaa jechuudhaan
Arrabsanii raadiyoo fi Tviidhaan
Paarlaama keessattille nu Dubbatan
Mummichi mummee kan arra du'an
Gaafa san Muslima Rifachiisan
Akka Malee garaa balleesan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaash arra Mootummaa taate
Majlisa keenyas nurraa fudhattee
Filachuudhaaf mirga dhorgamnee
Koree Filannees hidhaan isaan dhabnee
Ashabbarii jechuun isaan kan yakkee
Dimookraasii jedhee nuuf yoo himee
Akkam jennee isa haa amannu meee?

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Filannoo Majlisaa tan tvn lallaban
Koree teenya eega hidhaatti galchan
Gaafii isaan gaafannee deebisuu diidan
Kanaa waliin filannoof nu yaaman
Filannoo keessan dinne yoo jennen
Nu dhaadatan warreen biyya bulchan
Wahbiyyaa ABO nuun jedhan
Biyyaa Isin baafna Filachuu diddan
Waa meeqa wanni Isaan nu godhan
Ahbaashuma nu godhuuf muratan
Seera tuman gubbaan Tarkaanfatan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Ahbaasha Balleesi sitti Irkanneeeee
Dhabama godhii Majlisa fi Kaadrellee
Dhawii Kaabinee Abbaa garaallee
Waan dina keenyaa taane Takkallee
Cillee bishaan buute Yaa dandaha wahallee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

No comments:

Post a Comment