Sunday, June 17, 2012

wahbiyyaan maali???

qopheeysaa: sheek Abuu Raafi'


hii?  wahabii wahaabii  eenyu baanta?
 Jechoota yeroo hedduu humnootiin farra muslimaa kannen akka yahuudotaa fii ahbaash ittiin muslima arrabsan keysaa tokkoodha. Hiikkaan isaa maqaa RABBII WAHHAAB kan jedhamutti irkisanii (nis'baa godhanii) wahaabbii [wahhaabiyyaa] jedhanii muslima moggaasanii arrabsaa turan. Akka garee haarawaa fakkeysanii ummata irraa baqachiisuuf yaalii guddaa godhan. Garuu hin milkooyne. arras  bifa haarawattii jalqabanii olola hafarsaa jiran. kun ammoo jallinaa fii diinummaa  guddoo qabaachuu isaaniiti ibsa.
 Jechi wahaabiyyi jedhu kun maqaa RABBII WAHHAABITTI irkifame waan taheef faaruu malee arraba waa hinqabu. Ammas gareen muslimaa kan maqaa kanaan if moggaasee ittiin na yaamaa jedhe labsate waa hin jiru, yeroo heddu jecha kana humnoota farra islaamaa kanneen akka yahuudotaa fii warreen eegee isaanii tahan kan akka ahbaashiitu muslimtoota haqaa (warreen towhiida qulqulluu qur'aanaa fii hadiisarraa burqe sirritti qabatan) maqaa xureysuuf ittiin fayyadamaniidha. Dhugaan jiru kana. sheykul islaam Muhammad ABDULWAHAAB ammoo akkuma seenaa ulamaaiirratti ibsametti da’iwaa haqaati godhe malee garee jaaree maqaa isaatiin yaamamtu waa hinqabu. osoo garee qaba tahee silaa akka seera afaan arabaatti maquma isaatti irkisamtee Muhammadiyyaa jedhamti turte, kun ammoo argamee hin jiru.
Ammoo dhugaan jiru sheykul islaam Muhammad Abdulwahaab RABBI rahmata isaa haa godhu da'iwaa towhiidaa tan qur'aanaa fii hadiisaan qajeelfamtu godhe. Da’waa akka Nabii s.a.w. fii sahaabonni r.a. godhaniiti godhe. kanaan RABBIIN gargaaree bid'aa fii shirkii dhabamsiisee towhiida dhugaa diriirse. garuu warreen shirkiidhaan ummata ija cufanii qalbii hagooganii maqaa owliyaa jedhuun ummata muslimaa  saamaa, gabroomfataa if gabbarsiisaa turan haalaan sheek Muhammad kana jibban, Itti dallanan, bu'aan isaanii kan saaminaa waan cufamee, angoo ittiin gabbaraman waan dhabaniif jecha. sheeka kana adawwii lakk/1ffaa godhatan, arrabsuu fii maqaa xureeysuu hojii godhatanii itti fufan. Arras  harcaatonni isaanii kanneen akka ahbaash duula ololaa kana hafarsaa jiran. lolli guddaan  wahaabii wahaabii mankaraaristoota, kiraa sassaabdota, jinnii, jaankaa ...jedhu. kun kaayyoon isaa guddaan humna angootii fii siyaasaatiin gargaaramanii ulamaaii fii du'aata fii ummata muslimaa hunda sodachisuudhaan akka dirree diinirraa dheeysanii, garee jalloo ahbaashitti akka harka kennan godhuudha. yookan diin islaamaa bineensa isa nyaatu jalatti kuffisanii jalatti lafatti qabuudha. kun rakko bu'aa qoonqootiin walqabate tahuu isaa namni hundi ifatti beekuu qaba. dhugaan jiru kan seenaan ibsu kana.
Tanaaf ummata keenya kabajamoo! olola owwaa farra islaamaatiin hafarfamu kanaan hin dogoggorinaa.  Humnootiin olola kana hafarsurratti walitti qindaawan hundii bu'aa mataa isaanii keysaa qabu. maqaa leenjii ahbaashiin (islaamaatiin) daldalli dinaggeetii fii siyaasaa oofamaa jira.
Nuti akka ulamaa’ii ummata muslimaatti ammas bid’aa fii shirkii warreen diriirsan ni balaaleyfanna, hanga jallina  dhabamsiisnee diin haqaa gadi diriirsinutti waan dandeenye hundaan itti qabsooyna. karaa ebaluu fii ebaluutti osoo hin tahin karaa Qur'aanaa fii hadiisaa kan sahaabaa nabii, kan salafa qajeelaatti koottaa jenna, kanatti nama hunda yaamna, ni barsiisna, ni gorsina, ni qabsiisna, kana malee karaan jannataa waan hin jirreef carraa keeysan dhaqqabadha jenna.


No comments:

Post a Comment