Wednesday, June 13, 2012

sheek muhammad Rashaad Ahbaash dura yeroo dhaabbatu



Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad 
Qopheeysaa: 
Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
2012/1433
Ahbaash nuti sufiyyaadha jechuun ija nu qabuu fedhan, garuu Isaan sufiyyaa osoo hin taane, Amantii haarawa Abdullaahi hararii uumeen deeman. Sheek Muhammad Rashaad ulamaa’ii guddaadha tafsiira afaan oromootti yeroo duraatiif namni hiike isa. Akkasumas kitaaboota biroo hedduu ummata Islaamaatiif afaan oromootiin qopheeysee jira. Akkasumaa waliin sheek Muhammad Rashaad Sufiyyaa Xariiqaa Qadariyyaa hordofaa akka turee fii Abdullaahi Hararii irrattis akka barate seenaa Isaa keeysatti bareeysee jira.
Sheek Muhammad Rashaad ummata Islaamaatiif faayidaa malee balaa akka Abdullaahi Hararii san uumaa hin turre, Abdullaahi Hararii irraa jallina Isaa hin dhaalle. 
Barruun asii gaditti qophaawe kun Ahbaasha sufiyyaa akka hin seene Isiniif ibsuudhaaf kan qophaawee fii Warri Ahbaashni amantii haarawaa mitii sufiyyaadha je’anii farda Ahbaashaa yaabbatanii gulufaa jiran dhaabbatanii waan sheek Muhammad Rashaad nu barsiisaa ture haa laalanii. 
Yoo barnoonni sheek Muhammad Rashaad Barsiisaa ture, kan wahbiyyaati, takkaa ammoo kan kaafiraati nuun je’an, Ahbaash waan jettu ni eeyna.
Barruu Asii gaditti qophaawe kana waliif dabarsaa, mootummmaa keeysa warra dalaguus garsiisaa akka nuti karaa haqaarra jirruu fii akka sheek Muhammad Rashaad jala deemaa jirru itti himaa.
Rabbiin warra haqaaf tumsu nu haa godhu.
1. Ahbaash Rabbiin eeysa jira gaafii jedhuuf deebisaan isaan kennan, oli hin jiru, gad hin jiru, bataa hin jiru, mirga hin jiru, fuldura hin jiru, duubas hin jiru, addunyaa keeysa hin jiru, addunyaa tanaa alas hin jiru, kanaaf bakka takkallee hin jiru jechuu nu barsiisuuf Libaanoosirraa dhufanii jiran.
Duuba nutis akki jennuun Libaanoosii mootummaan isin yaamuudhaan dhuftanis nuti ulamaa’ii qabna, san keeysa tokko sheek Muhammad Rashaad Abdulleeti, 
Sheek Muhammad Rashaad akkana jedha: 
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu” Tafsiira afaan oromoo kan sheek Muhammad Rashaad suuraa Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” suuraa Xaahaa: 5
“Ol tayiinsa isaan malu, Arshiin afaan arabaatti sirree mootiiti, asitti wanni itti fedhame waan samii torbanii ol jiru kan waan Rabbiin uume hundaan marsu, kan waan Rabbiin uume keessaa irra guddaati.” Tafsiira Suuraa Al-Furqaan: 59

“ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.”

Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan, nama waan akkanaa gaafatuun: “nama fitnaa deemu, kan waan keessa baruu hin dandeenyetti, ifiin dhiibu” je’an. Rabbiin waan akkasirraa dhoowwee jira.” 
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
Kuni ragaa kitaaboota sheek Muhammad Rashaad irraa gaafii Rabbiin eeysa jira jedhuuf barannee fii kan amanaa turree , garuu Ahbaash fii mootummaan harawatti amantii nu barsiisuuf jedhanii cinqataa jiran.
sheek Muhammad Rashaad wahhabiyyaa fii Kaafiraaaa??????
2. Qaphxiin biraa sifa Rabbii keeysatti waa’ee Rabbiin ija isaan maltu qabaachuu isaa kan Qur’aanaaa fi Hadiisa keeysatti dhufe akkasumas kan Sheekkootiin teenya nu barsiisaa turte, Ahbaash dhuftee akki jettu Rabbiin ija hin qabu, namni akkas jedhu kaafira nuun je’an. Mootummaanis Rabbiin ija qaba yo jettan isin mankaraaristiidha, farra misoomaa fii nagayaati nuun je’aa jira.
Mee sheek Muhammad Rashaad Maal jedha:
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,””” 
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
itti fufa!!
injifannoon tan ummata Islaamaati!!! 
Allaahu AKbar!!!!!



No comments:

Post a Comment