Thursday, May 10, 2012

Rabbiin Arshiirratti ol tahe!!!



Rabbiin Arshiirratti ol tahe!!!


qopheeysaan: Abuu Muhammad Al-Baddeeysii

 [Ragaan] keenya jecha Allaahaati :
(Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.) jechuun Bakka torba keessatti dubbate jira Qur’aana kessatti:
[bakka turban Sanirraa] Suraa Al-A’raaf keessatti ni ja’e Allaahaan:
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga (qixa) guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Al-A’raaf: 54
Sheek Muhammad Rashaad aayaata tana biratti akkana je’e:
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu”. Al-A’raaf: 54
Ammas suraa yuunus keessatti nagenyi isarratti haa jiraatuu Allaahaan ni ja’a:
{Rabbiin keessan isa samiiwwanii fi dachii uume, hanga guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Yuunus: 3
Ammas suraa Ar-Ra’ad keessatti
{Allaahaan isa samiiwwan ol fuudhe utubaan maleetti, isin kan isii argitan (akka utubaa hin qabne), eegas Arshiirratti ol tahe.}
Ar-Ra’ad: 2
Ammas suraa xahaa keessatti ni ja’a:
{Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.}
Xaahaa: 5
Sheek Muhammad rashaad akki ja’e hikkaa aayaata tana jalatti:
“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” Xaahaa: 5
Ammas suraa Al-Furqaan keessatti ni ja’a Allaahaan:
{Eegasii [Rabbiin] Arshiirratti ol tahe.}
Al-Furqaan: 59
Sheek Muhammad Rashaad akki jedhe:
“Ol tayiinsa isaan malu, Arshiin afaan arabaatti sirree mootiiti, asitti wanni itti fedhame waan samii torbanii ol jiru kan waan Rabbiin uume hundaan marsu, kan waan Rabbiin uume keessaa irra guddaati.” Tafsiira Suuraa Al-Furqaan: 59
Ammas ni ja’e suraa Aliif laam Miim sajidaa keessatti:
{Allaahaan isa uume samiiwwanii fi dachii, ammas waan isaan lamaan jidduu jiru, qixa guyyaa jahaa keessatti, eegasii Arshiirratti ol tahe.}
As-Sajidaa: 4
Ammas ni ja’e suraa Al-Hadiid keessatti
{Inni isa uume samiiwwanii fi dachii qixa guyyaa jahaa keessatti, eeganaa Arshiirratti ol tahe.}
Al-Hadiid: 4
IBSA:
Aayaattan dabarsine keessatti Rabbiin akka Arshiirratti ol tahinsa Isaan malu ol tahe hubanna.
Ahlus-Sunnaan akkuma Rabbiin ofiin ja’etti Isaaf sabachiisan kan waan Rabbiin ja’e bira hin dabare. Ammoo Jaahmiyyaan, Mu’tazilaa fi warri Ahbaashaa, nama Rabbiin Arshirratti ol tahe ja’uun kaafira ja’an. Aayaattan dabarsine hunda Ol hin taane ni mooye ja’anii hiikan. Garuu hiikkaan Isaanii kun faallaa sahaabaa fi warra salafaati.
 Ahlus-Sunnaan hundi Ol tahu Rabbii irratti wali galanii jiran. Sanirraa:
Imaamu Maalik akki ja’e “ Rabbiin samii gubbaa jira, beekkumsi Isaa bakka hunda jira, wanni tokkolleen Isarraa hin dhukatu.” Mukhtasarul-Ulluw, fuula: 140 
Imaamu Abuu Haaniifaan
nama Rabbiin kiyya Samii moo lafa jiraa hin beeku ja’urraa gaafatamanii akki ja’an “ suni dhugaan kafree jira, Allaahaan Arshiirratti ol tahe waan ja’eef jecha, Arshiin ammo samii torban olitti jirti.” Akkasumas nama Arshiin samii moo dachii keessa jirtii hin beeku ja’urraa gaafatamanii, akki ja’an “ suni Rabbiin samirra jiraachu isaa waan dideef, kaafira.” Mukhtasarul-Ulluw, fuula: 136
Imaamul-Qurxubiin akki ja’e “namni tokkolleen Salafarraa Rabbiin dhugaan Arshirratti ol tahuu hin dinne, garuu akka inni itti ol tahe wallaalan, suni ammo hin beekkamu.” 
Tafsiira Isaa Suraa xahaa, aayaata 5ffaa jallatti laaladhu.
Akkuma warra salafaa kan dabarsinee kana sheek Muhammad Rashaad Tafsiira Isaa keessatti Rabbiin Arshirratti Ol tahuu ibsee jira, akkuma gubbaatti argitan.
Sheek Muhammad Rashaad akkuma tafsiira keessatti ol tahuu Rabbii sabachiise kitaaba isaa Aaqiidaa xahaawiyyaa keessattillee irra deebi’ee Ibsa bareedaa wajjiin sabachiise jira.
Akka asii gadii kanatti
Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen. Haa tayuu ol tahiinsi Rabbii waa hunda uumee, ol tayiinsa akka waan uumameetii miti. Akkuma Rabbiin nama hin fakkaanne, sifti Inni ol tahuutis ol tahiinsa namaa hin fakkaanne. Tanaaf Rabbiin ol tahe ol tahiinsa isaan male janna.
Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru. Tanaaf du’aa’ii Isaanii keessatti: “yaa waaqa ol tahe” je’an. Haa tahuu ol tahiinsa akkamii hin gaafatan, nama waan akkanaa gaafatuun: “nama fitnaa deemu, kan waan keessa baruu hin dandeenyetti, ifiin dhiibu” je’an. Rabbiin waan akkasirraa dhoowwee jira.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
Jechii Sheek Muhammad Rashaad dubbii dhugaati nutilleen tanaaf Ahbaashaan tuuta fitnaa jennan, waan baruu hin dandeenye ifiin dhibanii namallee dhiban. Sheekni Isaaniitis sheeka fitna akka tahe  ummanni isa beekan isaaf baasani jiran Alhamdulillaah Rabbiin haqa warra dubbatu nuu haa tursiisu, Ahbaasha haa balleesu!
 Garuu sheek Muhammad Rashaad Suufiyyaadha ammallee barataa Abdallahi Hararii ture, akkuma seenaa Isaa keessatti Ibseetti.
 Duuba akka amantii Abdullahi Harariitti barataan Isaa sheek Muhammad Rashaad waan Rabbiin Arshirratti Ol tahuu amanuuf Kaafira jechuudhaa?  Sheek Muhammmad Rashaad Wahbiyyaadhaa? Amantiin Haarawni Ahbaasha moo Islaama? Deebisaa isiniif dhisee jira. Seena sh.M. Rashaad.http://www.rashaad.org/seenaa_rashaad.htm




No comments:

Post a Comment