Thursday, May 10, 2012

AHBAASHA FI NAMA DU’EE GABBARUU.


AHBAASHA FI NAMA DU’EE GABBARUU.


qopheeysaan: Abuu Muhammad Al-Baddeeysii

Abbaan tuuta Ahbaashaa nama du’erra dirmaachuu barbaadun ni danda’amaa, yaa jeeylanii, yaa badawii nuuf dirmadhuu jechuun ni tahaa jedhamee gaafatamee. Akka armaan gadii kanatti deebiee jira.
“eyyee ni danda’ama yaa badawii ykn yaa Abdulqaadir jeeylaanii jedhanii dirachuu irra barbaaduun ni taha.” Jedhee jira.
Yaa badawaii!! Ya Abiyyoo!!! Yaa Abdulqaadir jeeylaanii!!! Jechuun eega tahe maaliif yaa Muhammad!! Jechuun hin taane jedhanii gaafannaan”Yaa Muhammad jedhanii yaammachunis ni taha.”
Namni du’e maal namaaf godhaa diramchuu irra barbaadan jedhamee gaafatamnaan akkana jechuun deebise “Rabbiin warra du’ee yeroo namni naaf dirmadhaa jedheen Isaan kabajee lubbu itti deebisa, kanaaf yeroo garii qabrii keessa bahanii haajaa nama isaan yammatee fixanii deebi’an” jechuudhaan yeroo inni deebisu ummanni isa dhageefatu deebisaa isaatin heddu rifachuu isaani arginaan, “garuu dhiisuu wayya”  jedhee jira.
Mee laalaa ajaa’iba namni du’ee qabrii bahee hajaa namaaf fixa jechuu kana, Rabbiin na qofa kadhadhaa osoo jedhuu nama du’ee naaf dirmadhu jechuun maali faayidaan.
Towhiidni Ahbaashaa kana jechuudha.
Rabbiin nu haa baraaru balaa Ahbaashaa jalaa.
Vedio as gadi kanarratis namni tokko akka qabrii ka’ee bararee dubbata aja’iba garuu inni gaafa du’ee maaf bararu ole silaa isaatu bararuu qaba. Jala deemtuun isaa akka anbiyaatti isaa laalan erga anbiyaan isaani hin barariin akkamitti namni biraa baraaru danda’e???
http://www.youtube.com/watch?v=-uRPILO5wcs&feature=related

No comments:

Post a Comment