Monday, May 20, 2013

Haqaaf Tumsuutu dirqama moo jam'aa oofitiif tumsuudha? Ilma namaa keenya jennee dogongora Isaa tumsinaaf moo haqaaf tumsina?


Haqaaf Tumsuutu dirqama moo jam'aa oofitiif tumsuudha? Ilma namaa keenya jennee dogongora Isaa tumsinaaf moo haqaaf tumsina?

Abuu Muhaammadiin

Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkana nuun jedha:-
"Isin caalaa ummataa dachii tana irratti argameeti, waan gaariitti wal ajajjan, badii irraa wal seertan, Rabbittis ni amantan." Suuraa Imraan 3:110
Sababa kana ta’eef qabsoo dheertuu wareegama guddoo barbaaddu tana bikkaan gahachuu yoo barbaanne, dogondora keenya wal sirreessaa deemuun dhimma dursa argatuu qabuudha. Kana waan ta’eef dogongoroota dhiheenya kana mudataa jiran irratti hundaawee yaada gabaabduu takka dhiheessu barbaada. Isinis yaada kiyya kana hubachuun anis yoon balleessa karaa irraa akka na deebifattan isin gaafadha. Jazakumullaahi kheeyran.

Abuu Daawud Usmaan dhiheenya kana footoo koree teenyaa tan mana hidhaa qaalitti keessatti ka’an nuu facaasee ture. Namoonni barnoota footoo kanaan ogummaa qaban akka himanitti footoon sun daangaa malee edit godhamee bareedinaa fii gabbina jarri hin qabne akka dabalate dubbatanii jiran. Footoo san dura kan facaase nama qabsoo muslimootaa tana keeysatti ciminaa fii amanamummaan beekkamu dha. Inni Abu Dawd Usmaan jechuun peejii odeeyfannoo dhokataa baasuun beekkameedha. Rabbiin dalagaa Isaa irraa haa jaalatu. Garuu footoon dhihoo kana gama Isaatin faca'e waan koreen yoo ijaan argan hin qabne qabatee jira. Footoo san dhugaa tahuu isii warri falman koreen mana hidhaa qaalittii keeysatti rakkoon ykn roorroon takka irra hin geenye nuun jedhuu kajeelan. Akkuma nama biraa hidhamanii jiran. san bira dabree balaan Qaalittiitti isaan dhaqabe tokko akka hin jirre dubbatamee jira. Raadiyoon BBN Radio Afaan Oromo May 15 2013 waan footoo sanitti rarra'u kan warra footoo shakkeef Abu Dawd deebii akka tahu maxxanse afaan oromootiin hiikee dhiheeysee jira. Footoo warri dhugaadha jedhan footoon mootummaan hayyamamtee kan kaafamte akka tahe nuu ibsanii jiran. Mootummaan (Bulchinsi mana sirreeysaa qaalittii) hidhamtoota kubbaa daawwatan akka footoo kaase, koreenis akka achumaan ka'e himanii jiran. Akka hundattu footoon Mootummaan kaafamtee, mootummaan facaafamte jechuudha. Gaafiin deebi'ii argachuu qabu hedduutu jira. Dura koreen qaalittii keeysatti miidhaa takka hin argine kan jedhuuf If duuba deebi'uu qabna.
1. Yaasin Nuuruu erga mana hidhaa qaalittii dhaqe kophaa baafamee mana qabanaatti akka hidhame gabaafamaa ture.
2. Ustaz Abu Bakar Jihaadawii harakaat mana murtiitti waan balaaleefateef akka roorrifamaa ture dubbatamaa ture.
3. Gaazeexeessaan Koree wajjiin hidhaa jiru Yuusuf geetachoo akka roorrifamaa ture gabaafamee jira.
Gabaasaaleen kun warra qabsoo kanaaf amanamoo tahaniin gabaafamaa ture. Arra garuu humaa badiin takka qaalittiitti hidhamtoota biraatin addatti isaan hin dhaqqabne jedhamee dubbatama. Kamtu dhugaadha?
Kan biraa dhihoo kana BBN afaan amaaraa "Idirisaawii harakaat" je'ee gabaasa tokko qopheeysee jira. Gabaasa san keeysatti Dr. Idriis namni jedhamu "Koreen humaa takka hin taane, qaama Isaanii irraa uffata baasee laalee jira" jedheera jechuun akka doktarri sun kijiba dubbate Ibsuuf yaalamee jira. Hoggaa Dr. Idriis dogongore hundi namaa dogongora isaa dubbatee balaaleefata. Arra irra dhaabbannee footoon kun dhugaa jennee yoo ka fudhannu tahe Dr. Idriis hin kijibne jechuu irratti walii galuu qabna, yoo kana hin taanee garuu footoo amma facaafamte tana ija shakkiitiin laaluun dirqama taati. Kanaafuu arra Abu Dawd hin dogongoru jechuf wanni duraan dubbatamaa ture hundi kijibatti jijjiramee jira. Hoggaa dubbiin akkana taate, Tuuta tiyyaaf haraamni halaala, akka jechuu fakkaata.
Dogongorri abbaa fedhan dogongoramu dogongora malee waan biraa tahuu hin dandahu. Haqa jala deemuutu dirqama malee nama jala deemun dirqamaa miti. BBN fii Abu dawd islaamaaf waan hedduu dalagan Rabbiin galata Isaanii jannata haa godhu, garuu Isaan dogongora Irraa qulqulluu miti, akkuma nama hundaa ni dogongoran. Kanaaf dogongorri isaanii sirriidha jennee harka dhahuu Islaamni nu hin qaraasisine. Islaamni dogongora irraa wal deebisuu qofa nu qaraasise.
Fudeeyl binu Iyaad Rabbi Rahmata haa godhuuf akkana jechu turan "Karaa haqaa qabadhuu jala deemu, xiqqaachuun nama Isa hordofuu siin miidhu, heddumina nama halaakamuutiin hin dagamin".

Muziiqaan haraama hoggaa jenne Muslima hundarratti haraama. malee nama qabsaaweef, Raadiyoof halaala jechuu miti.
Footoo dubartoonni Facebook gubbaa kaayuun haraama yoo jenne footoon jaartii koreetii fii tana nama biraa hundi haraama jechuudha. Kijibni haraama yoo jenne muslima hundarratti haraama jechudha. Hanga ammaa Muslimootaaf qaamni amanamaan "Dimtsachin Yisamaa" tahuun Isaa shakkii hin qabu.
Jarri dubbanne kunis qabsaawoota tahuun Isaanii shakkii hin qabu. Garuu Nasrii Rabbirraa argachuuf haqa qofaatu barbaachisa.
Islaamni Nama jibbitan irra kijiba akka hin keenye nu barsiisa.
Nama jaalatan Irraahis kijiba dhugaa fakkeeysanii fudhachuun dhorgaadha.

Rabbiin warra Haqaaf Tumsu nu haa godhu!

No comments:

Post a Comment