Tuesday, January 8, 2013

MOOTUMMAAN HARARIITTI MUSLIMOOTA 200 OL HIDHE

Oduu Gaddisiisaa.

Magaalaa Hararitti Mootummaan Guyyaa Jum'ataa Namoota Masjidatti Rasaasa Itti banee ajjeesun Isaa ni yaadatama. Sanumaan wal qabatee Namoota hedduu lakkoofsii 200 ol tahu hidhanii jiran.
warra hidhaman keessa:
1. Ulamaa'ii Gurguddoo
2. Manguddoo biyyaa
3. Daldaltoota beekkamoo
4. Dubartootaa fi hawwaan.
5. Dargaggootaa fi Bartoota hedduutu badii malee hidhamee jira.
Namoonni Hidhaman kan guyyaa san Masjida Imaanitti salaatanii sagalee dhageesisan qofa miiti. Namni Muslimoota hidhaman gaafachuuf dhaqus ni hidhama. Ashabbaarii jedhama. Inni footoo Isaa asin gaditti argitan Obboleyyan Muslimaa guyyaa Jum'aa hidhaman gaafachuuf Mana hidhaa Faxara (ciree) qabatee dhaquu Isaa qofaaf hidhame. Maatiin Isaa Isa arguu hin dandahan, yoo mana hidhaa dhaqanii ni gaafanna jedheen waraanni Mootummaa  si ajjeefana je'ee itti dhaaddatan. 
Du'aaiin akka Isaan hin daganne.
Kuni hundi Maaliif laata? 
Mana hidhaatti Azaaba Adunyaa agarsiisaa akka jiranis dhagayamaa jira. Eleektirikaan waadamaa jiran.
Akka Kijibaan ragaa ifirratti bahan godhuuf cunqursaa fi tuminsa Bineensilleen hin mudanne mudataa jiran. Ani Al-shabaabii, Somaaliyaa dhaqee leenji'ee dhufe, Koree Finfinneetti hidhaa jirtuun akka Mootummaa garagalchinu ajajni nutti kenname, Mootummaa Islaamaa dhaabuuf namoota Ijaaraa jirra, Ahbaashiin hin jirtu kijiba keenya, fi waan adda addaa akka jedhanii waraabbaman godhamaa jiran. 
Rabbiin Isaan bira haa jiraatu.
Kana hunda booda Nasriin tanuma Islaamaati. Cunqursaan yeroof humna qabaatus, Nutis Rabbii abbaa humna hundaa qabna.
Injifannoon tan Islaamaati!!!



No comments:

Post a Comment