Thursday, December 20, 2012

ODUU ARSII SHAASHAMANNEE

Oduu Arsii shaashamannee

Guyyaa harraa(10-04-05)(19-12-12) magaalaa shashamanneetti obboleewwanii fii obboleettiwwan islaamaa baatii sagal dura badii tokko malee godina Arsii aanaa Asaasaa irraa ukkaamfamanii mana hidhatti dararaa argaa turan , “gochaa shoorerkeessaa raawwatanii jirtu” jechuudhaan himannaa mootummaan isaan irratti baneef mana murtiitti dhihaatanii ragaa ittisaa manni murtii dhiheeffadhaa isaaniin jedhe dhiheeffachaa ooluun isaanii dhagahamee jira. Ragaa ittisaa dhiheeffatan kanas garee saditti qoodanii, garee A , garee B, garee C jechuudhaan akka to’annaaf isaaf toluttii fii ummata keessatti “kan hanga amma hidhamaniif eenyutu gaafatamama?” gaaffiin jedhu akka hin kaaneef akkaataa obboleewwan islaamaa badii tokko malee hanga guyyaa harraatitti hidhaman kanneen itti gadi lakkisan malachutti akka jiran beekkamee jira. Haala kanaanis mootummaan namoota diini irratti jajjaboodha jedhee yaade keessaa filuudhaan itti murteessuuf ykn immoo daran qabee hiraarsuuf, namoota lakkofsaan jaha tahan, garee A jalatti ramaduun isaa dhagahameera. Kan hedduu ragaa irratti hin qabne himatamtoota baayyinni isaanii 30 oli tahan immoo garee B fii C jalatti ramadanii jiru. Obboleewwan islaama kunniinis gariin isaanii guyyaa harraa qulqullummaa isaaniitii fii himannaa isaani irratti banameef raga ittisaa kan dhiheeffatan yommuu tahu kan hafan immoo guyyaa boruu fii guyyaa itti aanu akka dhiheeffatan odeeffannoowwan naannoo sana irraa dhufan ni agarsiisu. Murtiin himatamtoota kanneen irratti kennamus eega hundumtuu raga ittisaa dhiheeffatanii booda akka tahu ni eeggama. Baatii dabre keessa obboleewwan islaamaa haala walfakkaatuun Arsii Asaasaa irraa qabamanii mana hidhaatitti dararaa argaa turan, laakkofsaan 40 tahan, ragaan tokkollee waan isaan irratti hin argamneef hidhaa baatii 8 booda bilisaan gadi lakkifamuun isaanii ni yaadatama. Obboleewwan islaamaa hafan kanneeniifis nuti hunduu du’aa’iin akka hin dagatne. Obboleewwan odeeffanno kana nuun geettaniif maqaa rabbiitiin galata argadhaa jenna.
Injifannoon ummata muslimaa itiyoophiyaa haqa dheebboteef!
Allahu akbar!
Allahu akbar!
Allahu akbar!


No comments:

Post a Comment