Sunday, November 4, 2012

Dhaamsa Shahiidootaa Muslimoota hundaaf


Dhaamsa Shahiidootaa Muslimoota hundaaf
Urjii Ahmad
Yaa ummata Islaamaa nuuf hin yaaddawinaa
Nuti bar gammanne argannee jannata
Shahiidee tahuun bar hedduu kabajamaa
Shimbirroon jannata lubbuun teenyaan cahaa
Masnoo jannatarra ganamaa galgalaa
Maaliif nuuf Rakkattan nuti milkooynerraa
Silaa nu argitan haala keenya kanaa
Tokkoon namaan obsuu Shahiiidee tahurraa
Nutuu ni hawwina ammas shahidummaa
Silaa Ni hawwiina lubbuun jiraachuudhaa
Marraa hedduu duunee ammas shahiidummaa
Galata arganneen hedduu gammadnerraa
Nuti nuuf gammadaa ifumaaf Rakkadhaa

Dilli teenya hunda Rabbiin bar nuuf dhiisee
Dhaphii dhiiga keenyaa kan dura dhaph jedheen
Azaaba qabriitis Rabbiin nu baraaree
Jannata keessatti bakka teenya garree
Laalaa qawweedhaatis Rabbiin nuf laaffisee
Akkuma qoreeti bar human laallannee
Silaa osoo gartan galata argannee
Isiiniin bari’u namuu shahiidoomee

Yaa haadhatoo atis gammadi yaa harmee
Ani Ilmi kankee Jannata siif seenee
Humaa hin rakkatiin anaaf jattee boochee
Silaa akka Rabbiin fedhee lubbuu na deebise
Lammaffaan shahiidaa yaa harmee naat argee
Kan takka shahiiduuf akkatti milkaawe
Osoon ammas ka’ee ammas ajjeefame
Karaa Rabbii keessatti ni jaaladha Harmee.

Yaa dargaggoo islaamaa Nu dhaqabaa dafaa
Amantii Rabbiitiif du’uun sodaatinaa
Shahiidummaaf dafaa namuu wal dorgomaa
Nuti arganneerraa dafaa nu dhaqabaa
Ganaa Osoon duune Jannata agaree
Bakka itti galluu tan shakkii hin qabnee


No comments:

Post a Comment