Thursday, November 22, 2012

Ashuuraa haa Soomannu

Ashuuraa Soomannee Araarama Rabbi haa kajeellu.
Guyyaa Ashuuraa Guyyaa guddaadha, Rabbiin Muusaa fi Orma Isaa Fir’owna jalaa nagaya baase. Fir’ownaa fi Orma Isaa Baharatti kombolchee fixe.
 Ashuuraa (Ji’a Islaamaa Muharram guyyaa 10ffaa) soomanuun cubbu amata tokko namarraa dhiyxi. 
Ammoo dirqamaa miti Soomanuun Abbaan soomane galata guddaa argata namni hin soomanne badiin irra hin jirtu.
Ammas cubbu xixiqqoo hunda tan waggaa tokko Soomanni Ashuuraa namarraa qulqulleessa garuu cubbuun gurguddoon towbaa sharxii Isii wajjiin godhuu barbaachisa.
Guyyaa sagalaffaa itti Ida’unis jaalatamaadha Rasuulli s.a.w amanta dhufu guyyaa 9ffaa nin soomana je’ee Osoo amanni hin gahin gama Rabbi isaa godaane (Rabbiin lubbu Isaa fuudhe) kanaaf guyyaa 9ffaa itti Ida’anii waliin soomanuun karaa Rasuulaati s.a.w.
Kanaaf Obboleyyan Islaamaa hundi keenya soomana boruu fi saftii soomanuun haa dabarsinu akka Rabbiin cubbuu amata tokkoo nuuf araaramu.
Warra Rabbiin araaramuuf nu haa godhu.


No comments:

Post a Comment