Sunday, October 21, 2012

Bilaash taheen hafuu dhiigni Muslimaatii

Bilaash taheen hafuu dhiigni Muslimaatii
Urjii Ahmad
Adawwiin Islaamaa hojii sii jalqabee
kunoo guyyaa arraa dhiiga gadi neyxee
Warraanni Mootummaa Qawwee saa fudhatee
Masjidatti dhaqee dhiiga gad jiysee
Yaa Ummata keenya amma Maaltu hafe.

karoorri Isaani islaama balleeysuu
Islaama Biyyatti Ahbaashti jijjiruu

Arra Walloo dhaqan dhiiga gad jiysuuf
Seenaa Yohaanisii arra nu deebisuuf
Afaan qawweedhatiin amantii jijjiiruuf
Masjidatti dhaqaan dhiiga bilaash godhuuf
Ilmaan Muslimoota hunda lafaa fixuuf

Isaan ajjeefaman shahiidee jadhaman
humaa takka hin dhabne jannata argatan

madaan Asaasaadha yaadannoo dhihooti
Awaliyyaan teenyas Anawar itti aansii
suutuma suutumaan walgahuuf deemanii
karoora Isaanii galmaan gahuudhaafii
Islaamaa balleesuuf Ahbaash nu godhuufii
Ammoo hin danda'an Amantii Rabbiitii
Nutis qophii taane shahiidaa tahuufiii
daran nu jabeessa roorroon isaaniitii
Nutis kunoo qophii arruma dhumuufii
Islaama qabannee Ahdun jechaatii
Ahdun Ahdun humni tan Rabbiiti
Bilaash taheen hafuu dhigni Muslimaatii!!!!!

ALLAAHU AKBAR!!!

No comments:

Post a Comment