Tuesday, September 25, 2012

MALLATTOOLEE NASRII

بسم الله الرحمن الرحيم


MALLATTOOLEE NASRII (tumsa Rabbii) muslimoota biyya keennatiif

AS WR WB kana dura seenaa muslimoota Etyoophiyaa kan bara dheeraa dubbataa turre,garuu amma achi irraa sa deebinee seenaa muslimootaa kan haga Qabsoon nagahaa jalqabamee argamee jiru wolitti qabuun dirqama nutti tahee jira,mee wontoota akka seenaatti qabamuu qabu kan urga ummanni islaamaa sagalee isaanii dhageessisuu jalqaban argame wolumaan haalaalluu:
Wontonni hedduun erga qabsoon islaamaa kan karaa nagahaa kun jalqabee argame mallattoolee rabbiin muslimootaa tumsaa jiraatuuti jedhamee laallama,kanumaaf mata duree barreeffama kanaa akkas jedhee itti kaaye.
Rabbiin akka nasrii isaa nuufidaa jiru mallattoolee hedutu muldhataa jira,mallattoolee kanniin keessaa :

1.TOKKUMMAAN MUSLIMOOTAA CIMUU:
Tokkummaa musilaa argamuun furtuu(bantuu)nasrii Rabbiiti,AHBAASH biyya Lubnaan irraa kan fidamteef akka muslimoonni gargar qoodamanii afaan isaanii woldhabee fitnaan jidduu isaaniitti uumamiifi,rakkoon biyya Lubnaan keessatti argamaa ture Etyophiyaa keessattis akka argamuufi.
haata’u malee dubbiin faallaa sanii tahee muldhate,tokkummaan islaamaa nicime,afan tokko tahanii mirga amantii isaanitiif dubbatuu jalqaban,hiriirri nagahaa kan kanaan dura argamee hin beekne ,hin argama jedhamllee hin yaadamnetu argame.
Seenaa Muslimoot Etyoophiyaa keessatti muslimoonni biyya kana haqa(mirga)amantii isaanii afaan olbaafatanii mootummaa gaafatanii kan beekan yeroo 2 qofa,isaanis:
A.MOOTUMMAA HAYLASILLAAE KEESA:
 Akka prophessar.Makiin kitaaba “African study” (دراسات افريقيا) jedhamu Pg.100 irratti dubbatanitti  “ Bara 1974 ji’a April guyyaa 10 tti ummanni Etyophiyaa hiriira naga kan achi dura takkaa Etyopiyaa keessatti argamee hin beekne bahee.ummanni muslimoota baay’innaan hiriira kana keessatti argamanii jiran,gaafilee isaanii dhiheeffatan.
Gaafilee isaanii keessaa qabxii 10 kaleeffatanii jiran,qabxiilee kana keessaa: 
wolqixxumman amantii islaamaatii fi kiristaanaa akka isaaniif argamu
ministerri islaamaa angoo mootummaa keessatti akka argamu
mirgi amantii isaanii akka isaaniif kabajamu 
guyyoonni ayyaana mulimoota akka guyyaa ayyaana biyyattiitii akka laallamu fi kkf gaafatanii jiran.

Haata’u malee abbootiin amantii kiristaanaa wontoonni muslimoonni barbaadan kun akka hin awwaatamne jedhanii Haylasillaasee dhoorganii jiran. Jecha qeysotaa fudhatee Haylasillaaseen gaafilee muslmootaa deebisuu dhabuun isaa sun kufaatii isaatiif sababa guddaa tahee jira,ammas dubbiin akkasuma fakkattii laata?mootummaan ammaa kunis deebii muslimootaa yoo hin deebisin akkuma Haylasillaasee san tahuuf deemaa? Yoo Rabbiin nujiraachise Ima eegna waan argamu insha allah.

B.MOOTUMMAA  EHDG  KEESSA:
mootummaa ammaa kana keessattis akkuma yeroo Haylasillaasee san muslimoonni mirga isaanii kan dhiibameef hiriira bahanii mormatuu jalqabanii jiran,koree muslimoota bakka bu’anis filatuu danda’anii jiran.
Hiriiri nagaha kun yoom jalqabe? Eesatti?  Gaafilee ummata muslimaa maal fa’a?Koreen muslimootaa yoom filamte?nama meeqa?yoom hidhamte?maaliif?gaafile kanniin deebii itti barbaadadha isinumman.

2.sagaleen keenna muslimoota addunyaa biratati dhagahamuu: 
“yoo abbaan iyyate ollaan namaa birmat(iyya namaa baha” akkuma jedhamu san,kunoo nuti sagalee keenna olfudhannee mirga amantii keennaatiif dubbatuu jalqabnaan muslimoonni addunyaatis Rakkoo keenna kana dhaganii nuuf dubbatuu jalqabanii jiran,haqa obboleessi islaamaa wol irraa qabuuf jecha maddii keenna dhaabatuu jalqabanii jiran,asirratti fakkeenya tokko tokko isiniif kaasuu nidanda’a:
a) Tokkuummaan Ulamaa’ota  islaama addunyaa rakkoo muslimoota Etyopyiyaa ilaalchisee Bayaana (IBSA IJANNOO )baasee jira.
-balaaleffannaa rakkoo muslimoota irra gahaa jiruu ibsee jira
-mootummaan gocha akana irraa akka uf qusattu gaafatee jira
-Mootummaa Ety. Woliin rakkoo kana furmaata barbaaduuf koree filee akka ergus waadaa galee jira.(guyyaa………….) 
b) Woldaan Rabixatu ulama’il muslimiin jedhamu kan Dr.Amiin Alhaajiin hogganamus waahema kana irratti 25/9/1433tti ibsa wolfakkatu baasee jira,akkasuma muslimoonni addunyaa guutuun muslimoota biyya keennaa maddi dhaabatanii qarqaarsa barbaachisu akka taasisanis labsa dabarsee jira.
c) Nadwaan (mariin cimaan) mata duree rakkoo muslimoota Etyophiyaatii fi Boormaa (ندوة بعنوان:مآسي المسلمين في إثيوبيا وبورما) jedhu Saud Arabiyaa magaalaa Riyaadh irratti taasifamee jira.marii kana irratti uala’onni gurguddaan biiya keennaatii fi biyya Su’uudii irratti argamanii jiran.kan akka Dr.muhammad Sa’iid,dr.Ibarhim Habr,dr.sa’ad albirek,dr.Jaabir(Harar) fidr.Abduljaliil(Arsii)irratti argamanii jiran.xumura irratti dr.Jaabir affan Oromootiin dhaamsa qabxii 3 uf keessaa qabu dabarsanii jiran.
Akksuma mariin kun TV kan dabrfame yoo tahu,tamsaasa isaa irratti TV 25 oltu iirratti hirmaate marii kana dabarse,Tv kanneen keessaa Aljazeera mubashir, tv makka,tv Safaa,tv Qur’aan,tv teyba,tv Qasiim,tv mowsil,tv Risaalaa fi kkf yeroo sagantaan dabrusan mubaashira(live)dabarsanii jiran.

3.muslimoonni hedduun Rabbiin nuuf kadhataa jiraachuu:
Ji’a Ramadaanaa 1433H guyyaa 12ffaa irratti imaamni masjida HARAMA(Makka) sh/Abdurrahmaan Al-sudeysiin muslimoota biyya keennaatiif salaata Taraawiihaa irratti du’aa’ii godhanii jiran,masjida makkaa keessatti biyya takkaaf du’aaii kadhatuun waan laafaadhaa miti,rakkoo ummanni sun keessa jiru rakkoo cimaa tahuu dha, akkasuma muslimoonni addunyaa  kan TV taraawiiha san hordofan rakkoo keenna akana akka dhagahan taasisa.
Akkasuma biyyoota addunyaa keessa jiran hundinuu muslimoota akka biyya BOORMAA fi SUURIYAA fa’a woliin muslimoota Etyophiyaatii  du’a’aii kadhataa turan.
Waan baayye na’ajabsiisuu keessaa yeroo mootummaan Etyoophiyaa woraana isii gara biyya sumaalee ergite muslimoonni addunyaa mootummaa Etyoophiyaa irratti du’aa’ii kadhataa turan,yeroo san nutis worruma itti kadhatan san keessa jiraachuun nimala,miidhama obboleewwan keennatiif dubbatuu dhabnee waan caldhifneef,amma immoo nutuu wooraa du’aa’ii kadhataniif tanee nuuf kadhatutti jiran,Rabbiin akkanatti waa hunda olii gad jijjiira.
Haasawa kiyya hardhaaf asumarratti dhaaba,torbee dhufu mallattoolee hafan qabadhee isiniif dhihaa inshaa allah.
Yaa RABBI akkuma mallattoo nasrii nutt agarsiifte tumsa keetis nuu fidii nugammachiisi.

GAAFII:??????????????
 erga mallattoon tumsa Rabbii akkanatti nuuf argamee qabsoo keenna itti fufna moo karatti dhaabna???? Deebii gaafii kana nama muslima tahee barreeffama kana dubbise hunda irraa deebii isaa eega.

No comments:

Post a Comment