Sunday, August 12, 2012

Waraanni mootummaa Islaama masjidatti tumuun isaa maaliif???

Naannoo Amaaraa Magaalaa Daseetti guyyaa 10-08-2012 Salaata jum'aatiif masjida Arab gandaatti 


Muslimoonni walitti dhufan. Masjidni duraanii xiqqaa waan taheef hawaasni Masjiida guddaa ijaarrachaa jiran kan jaarmayni isaa hin dhumiin keeysatti salaata yeroo namni heddumaate ni salaatan. garuu jum'aa guyyaa 10-8-2012 wanni haarawni argame mootummaan waraana isaa hawaasa salaaturratti bobbaasuudhaan masjidatti boombii aaraa darbuun warra salaatanii masjidaa gad bahan dhalaa fi dhiira osoo addaan hin baafatin akka Ilmi nama hin daleeyne irratti dalagee jira.

ummanni Islaamaa kun akka lammii biyyaatti osoo hin laalamin akka adawwiitti tumamuu fii hidhamuun maaliif akka tahe beekuun salphaadha kunis Muslima Tahuu isaanii qofa. kana qofatti osoo hin dhaabbatin Daseetti sheekkootii umriin gurguddoo kan masjidoota keeysatti I'itikaafarra jiran guree mana hidhaatti galchee jira.

gaafii mirgaa gaafatuun Itiyoopiyaa keeysatti asiin nama gaha!!!


No comments:

Post a Comment