Friday, August 17, 2012

oduu Ajaa'ibaa

Oduu Ajaa'ibaa!!!

Goodina Harargee lixaa magaalaa Cirootti mootummaan guyyaa arra sheekkootii, Manguddoo biyyaa, Imaamman Masjidaa Waajira dhaabaatti yaamani sodaachisaa fi ajajni adda addaa itti kennamaa oluu isaa dhagayamee jira. kaabinoonni Ummata Islaamaa guyyaa guutuu akka arrabsaa olan beekkamee jira.
Masjida mankaraaristii guute, ABO sadaqaa jettanii nyaachisaa jirtan, Maallaqa abbaan qabeenyaa sadaqaa nyaachisaa jedhee kennuu irraa hin fudhiinaa ykn ammoo karaa keenyaan maallaqa isinif haa kennan, Salaatarratti boochanii nama boochiftan, Wanni isin boochaniif Mankaaraaristummaa waan qabdaaniif jechuudhaan Ulamaa'ii fi manguddoo biyyaa arrabsaa olanun isaanii beekkamee jira.

 Majlisni Ahbaashaa carraa waltajjii irratti isaaniif kennameen Jaddaal jedhanii nu arrabsan jedhee himatuun isaatis dhagayamee jira. salaata Iidaa masjidatti salaatuu qabdan jechuun kaabineen waajira dhaabaa ajaja ifa bahaa tahe waltajii irratti keennee jira.

Dhummaratti sheekootiin carraa argataniin akka Ahbaash balaaleefachuu isaanii hin dhaabnee ibsanii mootummaanis harka isaa amantii keeysaa akka baasuu gaafatanii jiran. Iidas walitti qabamnee salaatuu mirga qabna jechuudhaan sodaa takka malee Kaabinee fi majlisa Ahbaashaa afaan qabachiisanii jiran.
kanaan wal qabatee mootummaan Goodinoota Oromiyaa keeysaa jiran hundatti kaabineen akka filannoof bobbahee ummata kakaasu ajajni itti keennamuun isaatis beekkamee jira. Akka keeysa beektoonni jedhanitti kaabineen Ummataan "wahbiyyaa hin filatinaa sufiyyaa filadhaa jechuudhaan akka ummata kakkaasan ajajni Waajira dhaabaa irraa kennameefii jira.

Kana hundaa wajjiin mootummaan amantii keeysa hin seennee jedha mee maal jettan????

No comments:

Post a Comment