Saturday, August 4, 2012

jaartiin tiyya hidhaa jirti. juneydiin saddoo


maddaislaamaa times oduu owwaa  "haati mana kiyyaa ijolleen addaan baatee na jalaa hidhamtee jirti" Juneydiin saaddoo Ministeera sivil sarviisii kan tahe Juneydiin saaddoo haati mana isaa (jaartiin isaa) guyyaa 16f ragaa tokkoon malee maatiin addaan baafamtee hidhamuu isiitiif maatiin kiyya rakkoo guddoorra jira jedhan. guyyaa arraa august 4-2012 (ramadaan 16) Ethio-chine gaazeexaa jedhamuuf barreesanii akka ibsanitti jaartiin isaa Imbaasii su'udii sentee bahuu isii qofaaf akka hidhaman ibsanii jiran. " Imbaasii isii seentee baatu yeroo hedduu agarre jechu malee eysa deemtii? mallaqa fuutee baate kan jedhamu maalirra olchiti? manaa fi alattis eenyuu waliin qunnamtii qabdi? Aruusii yeroo deemtu maal daleeydii?" jedhanii qorachuu qaban ture jedhe Juneyiin Saaddoo. "wanni biraa hafee silaa poplisaa waliin yeroo hunda waan deemtuuf poolisoota yaamanii gaafachuu qaban, nuuf qoradhaa jechuu qaban garuu kun hundi osoo hin godhamiin guyyaa 16f daa'immaniin gargaar baafamtee hidhamuun isii maatii kiyyaa fi anarrattis rakkoo guddaa fideerraa" jedhan. akka juneydiin amanutti jaartiin isa mankaraaristummaan wan wal qabate ragaan irratti argame hin jiru.


No comments:

Post a Comment