Wednesday, May 30, 2012

oduu haragee

HAROO MAAYAA
26-5 hanga 28-5-12
Magaalaa  Haroo Maayaatti leenjiin ahbaash itti fuftee jirti. Leenjii kanarratti kan hirmaatan irra guddaan ahbaashota naannoo adda addaarraa fidani. Sheekkootii  gurguddoo akka Sh. Aadam Tuulaa osoo hin yaamin, shekkootuma arma gadi tana humnaan geessan. Sheekkotii humnaan qabanii geessan keessaa tokko Sh. Jamaal Haajii faadha . Shek Jamaal Haajii kana leenjii sanirratti ummata keessaa taraa 3 alatti gad baasanii, yooniif nu dura dhaabbatuu dhiisuu baatte si ajjeefnaa ykn ammoo akka hin duune hin jiraanne si goonaa, je’aniiti dinniina jabaa itti kennanii jiran. Ammaas kaleessa Ammaddiin dhufeeti wahaabii, khawaarijaa, salafiyyaan mankaraarsitaa ni dhabamsiifna. Wanni isaan barsiisanis, Wahaabii ni dhabamsiifna, Majlisuma duraaniitu isin bulcha, kaaseeta Raayyaa Abbaa Mancaa, Radio bilaal, africaa tv, hin hordofinaa. Akkasumas Aqiidaa Ahbaash bocolaa san barsiisan.

GALAMSO
26-5 hanga 28-5-2012

oduu gammachiiftuu guyyaa'arraa magaalaa galamso galma guddaa keessatti leenjiin ahbaashaa ahmaddiiniin gaggeeffamaa oole.
Ahmaddiinis akka isaa sanitti waan heedduu laaqutti osoo jiruu jidduun carraa Shek AHMAD NUUR barreessaa majlisaa kantureef carraa kenne innis carraa argatetti fayyadmuuf olka'ee, waan ahmaddiin amma dura walgahii adamaa fi harar irratti isaaniin ja'ee mataa isaan dhukkubsaa ture takka takkaan gadguureef, ummata duratti mataa gad isa qabachise akka inni amma dura lenjii adamaa fi hararitti mataa isaan dhukkubsaa turetti arra mataan isa dhukkubaa oole.
Haaluma kanaan shek Abbaasis carraa argatee olka'ee nuti ummata islaamaati nuti tokko " mankaraaristi " alqaa'ida " kawaariyya " akraari " wanni ja'amu nu keeysa hinjiru nuti islaama qofa ja'e haalaan ahmaddiin saaxilaa oolan.
Wanni heddu isa aarse
(obbo)
(atoo)
(pirizdanti majlisa ethiopia)
(sheka)
isaan ja'uu dhabuu isaaniiti.
Isaan hoggaa dubbatan ahmaddin qofa isaan jachuu isaaniiti. 
allaahu akbar allaahu akbar allaahu akbar
abshir injifannon tan ummata islaamaati.!!!!!!!
GALAMSO
29-5-12
lenjiin ahbaashi tan magaala gelemso akkuma ittifuftetti jirtí. dhiyontana ahmaddin sa'aa 2-6 tti gaafilee adda addaa gaafatame saaxilamaa oole gaafilee gaafatamef sa'aa 8 irratti deebisaa kenna ja'ee walgahirraa bahanii ahmaddiin achumaan debisaa osoo hinkennin dhiseedemuun isaa niyaadatama.
Guyyaa sabti fi alhada seera mootumma barsiisaa turan.
Guyyaa Isniina ammoa waa'ee amantii eegaluu isaaniitiin dura arra waluma barra ja'anii waa'uma nagayaa haasawaa turan.
Guyyaa salaasa (kaleessa) waa'ee amantii eegalani usaatii dhaggeefadha gaafis hin gaafatina yaroo nuti carraa isiiniif kennine gaafattan ja'anii waan isaanii san barsiisaa oolani sa'aa 10:30 -11:00 jechuun daqiiqaa 30 kennaniif sanbooda sheekkootiin gaafii adda addaa gaafatani osoo deebisaa hin kanniin gaafilee barreefatani boru debisaa itti kennina ja'anii walgahii kaleessaatis tanaan addaan galan.
BADDEEYSAA
24-5 hanga 29-5-2012
Ahbashin  guyyaa kudhanif Baddeeysaa dhufanii leenjii Galma haarawa sanitti keennutti jiran arra guya jahaffaadha. guyyaa lamaaf seera mootummaait barachu turan garu san boda ahbashtu kara isaanirratti nama yaamutti jira. Akkana  faa sheekkooti teenyaan ja'an namni Rabbiin Arshirratti ol tahe ja’u kafaree jira ja'an. Ammoo ulamaa’iin teenya gaafii yeroo gaaffattu sirritti hin deebisaniif, walgahii teessan hin dhagefannu ja'anii yeroo takbirtaa ja'anii addaan faca’uf deeman poolisin humnaan nama ol debisteef yaa obboleyyan kiyya walgahii humnaa jachuu ni dandeessan abbootiin amantii tan hararghee lixaa guutuun asuma jirti irra guddaa baadiyaarraa dirqiin fidan (amadin itti gaafataman dhimma islaamaa ykn majlisaa sunis guyyaa tokkoof dhufee ture wahbiyyaa ni balleeysina, isin mankaraaristiidha Ulamaa’ii teenyaan je’ee kute. walgahiin hanga guyyaa 10nii itti fufti.
CIRO
26-5 hanga 30-5-2012
Walgahin Ahbaashaa magaalaa Ciroo keessattis akkuma itti fuftetti jirti. Akasumatis dura dhaabbannaan sheekkoota keenyatis akkuma itti fufetti jira walgahiin kaleeysaa fii arraa tun sodaachisaa, arrabaa fi reebicha tan qabduudha. Guyya  arraa ganama gaafii gaafachuuf jecha reebichi sheeka keenyarratti taasifamee jira. sheekni kunis walgahii dirqii tana dhiisee hoggaa bahu foolisaan reebichaa fi daddarbaan wal fakkaatu irrati raawwatamee jira. Reebicha kanarratti hundaahe sammuu muslimtoota Ciroo keessatti mallattoo Tahee jira, warra amanta ifii dura du’u Rabbiin nu haagodhu.
Injifa1nnoon tan Islaamaati!!!!

No comments:

Post a Comment