Thursday, May 10, 2012

NAWAAQIDUL-ISLAAM


NAWAAQIDUL-ISLAAM
نواقض الاءسلام
Sheek Muhammad Abdulwahhaab
Hiikaan: Jaafar Bayaan.
Kitaabni kun kan Sheek. Muhammad Abdulwahhaab Rabbiin Rahmata haa godhuuf
Kan isiiniif afaan Oromootti hiikee Jaafar Bayaan
Beeki wanni Islaamummaa namarraa balleessaa waa kudhan.
IBSA.
Wanni Islaamummaa namarraa balleesu: waan namni tokko eega Islaama seene waan san dalaguudhaan ykn jechuudhaan ykn yaaduudhaan Islaamummaa keessa bahu. Kan sabaaaba isii Islaama jedhamurraa Kaafira tahu jechuudha.
Namni Islaamaa hundi waan Islaamummaa namarraa balleesu kana barachuun dirqama isaati, akka isii beeke if eeguuf jecha.
Rabbiin akkana je’a:
Ÿwur (#rs?ös? #n?tã ö/ä.Í$t/÷Šr& (#qç7Î=s)ZtFsù tûïÎŽÅ£»yz ÇËÊÈ 
{If duuba hin deebi’inaa (Kaafirummaatti) duyda duuba keessanitti warra hongowe taatanii.} Al-Maa’iidaa: 21
{Isinirraa namni Amantii isaatirraa if duuba deebi’u, inni Kaafira. Orma san dalagaan isaanii baddee jirti Adunyaa fi Akhiraatti ammallee isaan warra Ibiddaati, Isaan isii keessatti turoodha.} Al-Baqaraa: 217
Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhan: “ nama amantii Isaa jijjiiru ajjeesaa!”
Bukhaarii: 3175
Ulamaa’iin akki ja’an: namni tokko eega Islaama tahee if duuba deebi’ee kan kaafira tahu dalagaadhaan, jechaan, amanuudhaan ykn yaada san dhugoomsuudhaani fi shakkiidhani.
wanni Islaamummaa namarraa balleessaa waa kudhanan
1ffaa. Ibaadaa (gabbarttii) Rabbii keessatti waan biroo Allaahatti qindeesuudha.
Ragaan jecha Rabbitti:
¨bÎ) ©!$# Ÿw ãÏÿøótƒ br& x8uŽô³ç ¾ÏmÎ/ ãÏÿøótƒur $tB tbrߊ y7Ï9ºsŒ
{Allaahaan Isaatti Qindeessu (sharrakku) hin araaramu, waan sanii gad jiru namaaf irra dabra} An-Nisaa:  48
`tB õ8ÎŽô³ç «!$$Î/ ôs)sù tP§ym ª!$# Ïmøn=tã sp¨Yyfø9$# çm1urù'tBur â$¨Y9$# ( $tBur šúüÏJÎ=»©à=Ï9 ô`ÏB 9$|ÁRr& ÇÐËÈ  
{isa Allaahatti qindeesu dhugumatti  Allaahaan Jannata haraam (dhowwaa)   isaratti godhee jira, bakki inni qubatu Ibidda, warra rabbitti waan biro qindeesuuf inni tumsuuf hin jiru.} Al-Maa’idaa:82
Rabbitti qindeesuun: Allaahaaf malee qaluu (gorra’uu) akka nama jinniif qaluu ykn qabriif qaluu.
2FFAA. Isa Allaaha fi Isa jidduutti jiddu deemaa (dubbii fixaa) godhatu, kan isaan yaammattu, kan isaan kadhatu, kan isaanitti irkatu.
Inni Kaafira waliigala warra Islaamaa biratti (ijmaa’aan)
3FFAA. Inni Mushrikoota hin kafarsiisne ykn Kaafira tahuu isaanii shaakke ykn karaan isaanii sirriidha jedhu.
Inni kaafira (mataan isaatuu)
4FFAA. Inni karaa qajeelaa nabiyyiin (s.a.w) dhufeenirra karaa birootu caala jedhee amanu ykn murtii Isaatirra Murti birootu caala je’ee yaadu.
Fakkeenyaaf: inni seera warri nama jallisu baase seera nabiyyiirra caalchiise, inni kaafira.
5FFAA.
Inni waan Rasuulli (s.a.w) dhufeenirraa waan takka jibbe, osoo waan jibbe san itti dalagellee Kaafira.
6FFAA.
Namni waan Amantii rasuularraa tahe takkatti hanjamaa (qishnaa) godhe ykn galata (sawaaba) Allaahaan dubbatetti ykn Adaba Isaatti kan hanjamaa godhe, kaafira.
Ragaan jecha Rabbiiti:
ûÈõs9ur óOßgtFø9r'y  Æä9qà)us9 $yJ¯RÎ) $¨Zà2 ÞÚqèƒwU Ü=yèù=tRur 4 ö@è% «!$$Î/r& ¾ÏmÏG»tƒ#uäur ¾Ï&Î!qßuur óOçFYä. šcrâäÌöktJó¡n@ ÇÏÎÈ   Ÿw (#râÉtG÷ès? ôs% Länöxÿx. y÷èt/ óOä3ÏY»yJƒÎ) 4 bÎ) ß#÷è¯R `tã 7pxÿͬ!$sÛ öNä3ZÏiB ó>ÉjyèçR Opxÿͬ!$sÛ öNåk¨Xr'Î/ (#qçR$Ÿ2 šúüÏB̍øgèC ÇÏÏÈ  
{Yoo isaan gaafatte “ nuti ni hanjamne (qishnaa goone) ammas ni taphanne” ja’an. “sa Allaahatti, Aayaata Isaatti, ergamaa Isaatti hanjamaa gootanii?” jedhiin. Rakkoo hin himatinaa dhugumatti eega amantanii kafartanii jirtan. Yoo tuuta isinirraa taate gariif irra dabarre tuuta garii ni adabna,  sababaa isaan cubbaawoo  tahaniif.}
At-towbaa: 65-66
7FFAA.
Raaguu fi falfala dalaguu, namni dalage ykn dalagaa isaanii jaalate, kaafira.
Ragaan jecha Allaahatti:
$tBur Èb$yJÏk=yèムô`ÏB >tnr& 4Ó®Lym Iwqà)tƒ $yJ¯RÎ) ß`øtwU ×poY÷GÏù Ÿxsù öàÿõ3s?
{Isaan lamaan (falfala) nama tokkollee hin barsiisan hanga nuti mokkoraa hin kafarinaa (namaan) ja’anitti.} Al-Baqaraah:10 2
8FFAA.
Nama muslima Irratti Mushrikaaf  (warra Rabbitti waa qindeesuuf, kaafira fi waaqeeffataaf) gargaaru. (Sunis Kaafira)
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
`tBur Nçl°;uqtGtƒ öNä3ZÏiB ¼çm¯RÎ*sù öNåk÷]ÏB 3
{namni isinirraa Isaaniif (Mushirikootaaf) tumse, inni isaanumarrahi.}
Al-Maa’iidaa:51
9FFAA.
Inni gariin namaa shari’aa nabi Muhammad s.a.w keeysaa bahuun Isaaniif ni taha jedhee amanu akka Khadiir shari’aa nabi Muusaarraa bahetti. Inni sun kaafira
10FFAA.
Inni Amantii Allaaharraa garagalu kan hin baranne, kan itti hin hojjane. Sunis kaafira.
Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:
ô`tBur ãNn=øßr& `£JÏB tÏj.èŒ ÏM»tƒ$t«Î/ ¾ÏmÎn/u ¢OèO uÚ{ôãr& !$yg÷Ytã 4 $¯RÎ) z`ÏB šúüÏB̍ôfßJø9$# tbqßJÉ)tFZãB ÇËËÈ  
{inni lubbuu Isaa miidhe hin jiru Isa aayata  (keewata ykn malattoo) Rabbii isaatiin yaadachiifamee isirraa garagalerra. Nuti orma cubbaaworraa haluu ni bahanna.}
As-Saajida:22
Waan Islaamummaa namarraa balleesu kan dubbanne hunda keeysatti, garaagarummaan hin jiru beekaan tahuu, sodaan tahuu nama dirqame malee.
Hundi isii irra guddaa wan balaa namatti tahurraahi, ammallee irra guddaa waan namni keeysatti argamuu danda’urraahi.
Nama muslimaarraa wanni barbaadamu isiirraa baqachuu ykn if tiysuu qaba, lubbuu Isaatiif sodaachuu qaba isii keeysa bu’urraa.
Rabbiin tiyfamna waan dallansuu isaa nutty sabachisurraa ammallee azaaba isaa laaleessaarraa.
Nagayaa fi Rahmanni irra caalaa uumaa nabi Muhammad irratti, maatii isaarratti, sahaabaa isaarratti haa jiraatu.

No comments:

Post a Comment