Tuesday, May 29, 2012

IMAAMU AHMAD LEENCA ISLAAMAA



IMAAMU AHMAD JEYNA ISLAAMAA!!!

kitaaba Ahmadiin Jabal keeysaa kan fudhame


hiikkan: Abuu Muhammad Al-Baddeeysii

Mootummaan Islaamaa hundi humnoota weeraraatiin diigamtee jirti. Mirga isaanii kan dubbate hundi midhaa adda addaa keeysummeysuu mudate.
Carraan ddhumaa kan isa gaye Imaam Mahfuuz turan, Muslimoonni weerara aadaa, dinagdee fii yaadatiif saaxilamanii jiran. Rorroon gosa hundaa ummata Islaamaarratti jabaachaa deemaa jira.
Rakkoo fii miidhaa diila tana keeysatti bara 1506tti Ahmad bini Ibraahiim dhalate.
Bakki dhaloota isaa naannoo harar ganda Hubat ykn za’akaa jedhamu ture. Encyclopedia aethiopica vol.1 p.155
Akka brookambar  ibsutti Hubat gandi je’amu harargee dhihaa naannoo Gaara Mullataa tahuu isiiti. Islamic history and culture in southern Ethiopia p.34
Hubat magaala harar irraa kiloo meetra 32 ni fagaatti.
Akkuma gubbaatti ibsuuf yaalame carraa mootummaa (sulxaana) Islaamaa kan dhumaa kan harkatti hafte Imaam Mahfuuz yeroo du’u Ahmad Ibnu Ibraahim daa’ima amata 10 ture. Ijjoollummaa isaa achuma naannoo dhaloota isaatti dabarse.
Ahmad dargagummaa isaa keeysatti human weerartootaatiin tan dadhabde mootummaa Adaal keeysatti Tasgabii buusuu fi warra yakka dalaganiin loluuf Garaad Abuun waliin hiriire. Waraan Garaad Abuun Keeysatti abbaa fardaa tahudhaan lola jalqabe.
Murannoo isaa kanaan kan dinqisiifate Garaad Abuun Ahmad bini Ibraahim akkaan ifitti dhiheeyse. Futuh Al-Habashaa p.9
Mootummaan sulxaan Abubakar aadaa Islaamaa fii shari’aa tohachuu dadhabee jira. Aadaa Islaamaa wanni hin tahin baasni haarawni adda addaa, gabbartiin adda addaa babalachaa dhufe.
Garaad Abuun Amata 3f nagaya buusuudhaan Tasgabbii buusuuf tattaaffi cimaa godhe. Haala hamaa naannoo sanitti aragame dhabamsiisuudhaaf gaariitti ajajuu fii hamturraa dhorguu jalqabe. Qumaara ni dhowwe, shiftoota tahannaa jala olche, meeshaalee muziiqqaa ni dhorge, ulamaa’ootas ifitti maxxanse.
Sulxaan Abubakar magaalaa gudditti Adaal tan turte dakkaarirraa gama harar jijjire. Sulxaan Abubakar Garaad Abuunii fii waraanaa isaa waan hin jaalatiniif dura dhaabbachuu eegale. Garaad Abuun shiftaadhaan ajjesisiise, kan ajjeefamas guyyaa 30, may 1525 (salaasaa 7, sha’baan 931 sa’aa maghriibaa ture). enricocerulli p151-152
Naanno Garaad Abuun bulchaa ture sulxaan Abubakar if jalatti deebise. Shiftaa irra deebi’ee heddumaaatu eegale, farshoo dhuguun daangaa dabre, haqni dhabame, hattuun heddummatte, Sultaan Abubakar namoonni beekkamoo fii Ulamaa’iin gorsi kennamaafi ture.
Jaalalleen isaa Garaad kan jalaa ajjeefame Ahmad bini Ibraahim, mootummaan Sulxaan Abubakar Qur’aanaa fii Hadiisarraa bahuun isa yaachise, shari’aa eeguu dhabuun isaa isa arse.
Gama naanno dhaloota isaa Gaara Mullataatti deebi’ee, waraan kurfeefachuu eegale. Abbaa Fardaa 100 ol walitti qabate.futuh Al-Habashaa P.10
Mirga ummata Islaamaatif loluun beekkamaa kan ture Intala Imaam mahfuuz Baati Dil wanbara fuudhe.  Beekkamu eegale, sultaan Abubakar waliin lola itti fufe. Moggaasa Imaam je’emu akka maqaa sadarkaatti argate.
Osoo kun akkanatti jiru jiduma tanaan Funu’eel kan je’amuun kan hogganamu waraanni Kiristaanaa kara Dawwaarootiin gama Hubat (Gaara Mullataa) duula weeraraa eegale. Waraanni isaa muslimoota ajjeessan, qabeenya saaman “enyuutu muslimootarraa nu dura dhaabbata??” onnee jettuun akka baranitti Muslimootarraa daa’immani fii dubartoota booji’anii fuudhanii deeman.
Naannoo sanitti wanni argame Imaamu Ahmad bira gaye.waraana isaa fudhatee waraana Funu’eel jala qajeele. Laga Hammarreeysaa biratti walqunnaman. Jidduu isaanitti lolli guddaan argame, Imaamu Ahmad waraana Adawii jidduu seenee lole, waraanni gariin ammo gama bitaatiin waraana Funu’eel miidhaa itti argamsiise.
Waraani namticha sibila matatti kaayate Funu’eeliin hogganamu gama mirgaatiin waraana Islaamaaarratti lola bane.
Imaamu Ahmad Jihaada isaa kan duraa mohachuudhaan xumure, waraana adawwiirraa abbaa fardaa 60, waraana milaa hedduu boji’e, hedduun ajjeefaman, meeshaa waraanaallee booji’ee, mslimoota booji’amanis harkaa baase. Jihaada Isaa kan duraa irra aanuudhaan gama magaala Ziifuh dhufan.Futuh Al-Habashaa p.12.
Jeynummaa fii jabeenyi isaa bakka hundatti haasawamuu jalqabe. Sulxaan Abubakar naannoo bulchaa ture lakkisee dheeyse. Imaamu Ahmad Injifannoo fii boojuu argatee kanarraa garaan isa gubatee dallane.
Imaamu Ahmad waa’ee sulxaanichaa dhagaye, jarri lamaanu lola qunaman, sulxaanni mohame dheeyse. Imaamu Ahmad magaalaa harar seene.
Sulxaanni warana hedduu walitti qabatee Imaamu Ahmadin loluuf deebi’e. Imaamu Ahmad magaalaa Harar gad lakkisee gama Hubat (Gaara mullataa) jalaa dheeyse. Waraanni sulxaanaa jala dhufe, Imaamnis Gaara Mullataa gubbaa jalaa ol bahe, garuu waraanni sulxaanaa gaara marsee torbaan 2f deemuu dide. Imaamnis jara eegee waan hifateef halkan gaararraa itti gad bu’ee lola jalqabe, waraana Imaamarraa Amiira kan ture Umardiin Ajjeefame, Imaamaa fii waraani isaa gara ganda Isaani deebi’an.
Imaamu Ahmadii fii sulxaan Abubakar jidduutti Ulamaa’iin araarri akka bu’u godhan, akkaataa araaraarri Imaamaa fi waraanni isaa waraana sulxaanaatti ida’amuu, sulxaanis shari’aadhaan akka bulchuu waliif galan.
Garuu araarri guyyaa waa xiqqoof malee hin turre, sababaan isa sulxaan Abubakar Imaamu Ahmad ajjeesuuf yalii godhuu eegale. Araarri sulxaanaan diigame, warra imaama jaalatu ni ajjeese.
Imaamnis halkaniin Abbootii fardaa 3 waliin gara ganda Isaa deebi’e.
Sulxaanichi Imaamu Ahmad ajjeesuuf bakka inni jiru babaada basaasoota erge, Za’aka (Gaara Mullataa) jiraachuu isaa dhagenyaan waraana itti erge, waraannis mana Imaama gube, qabeenya isaatis saamee ture. Garuu Imaamu Ahmad argachuu hin dandeenye.
Imaamu Ahmad bakkaa bakkatti dheeysaa jiraachuu jalqabe, ammas yeroo lammaffaaf Ulamaa’oonni araara eegalan. Sulxaanni shari’aa eeguudhaan Imaamnis akka sulxaanaaf ajajamu waliigalan. Akkuma yeroo duraa sulxaanni bakka daraaniitti deebi’e, Fasaadni dachii walgahe. Ammas sadaffaaf Ulamaa’oonni araaraaf yaamicha godhan garuu taraa tana sulxaanni araara ni dide. Imaamu Ahmad akka ajjeesu dhaaddate, waraanas itti bobbaase.
Imaamu Ahmadis sulxaanicha sababaa fasaadaa tahe kana dhabamsiisuu malee karaan biroo akka hin jirre hubate. Duuba lola walitti banan, Sulxaan Abubakar ni ajjeefame.Futuh Al-Habashaa P.15-21
Imaamu Ahmad obolleysa sulxaanaa Umardiin Sulxaana godhee muude. Islam in Ethiopia P.86
Sanuma jidduutti Daglahaan kan jedhamu soddaan Libna Dangil October, 18, 1525 Adaal weerare. Imaamu Ahmadis laga Hammarreeysaa biratti waraana Isaa walitti qabee qopheeyse. Daglahaan Diir ykn magaalaa amma Dirree Dawaa je’amtu tana birratti isa qunname. Imaamu Ahmad lola kanas Injifatee, warana hedduu booji’ee kan hafees dhabamsiise. Sanitti aansuudhaan Imaamu Ahmad gara naannoo Somaalee dhaqee nagaya buusuudhaan ummata Islaamaa kan adda faca’e walitti ijaaree, leenjii kenneef. Jihaadaafis Isaan qopheeyse. Islam in Ethiopia P.86
Imaamni umriin isaa amata 21 kun  waraana isaa qabatee bara 1527 (934h) mohachuudhaan harar seene. Al-Aydaruus Al-Anawaar Al Asaafiir An Akhbaaril-Qaranil-Aashir. vol.1 fuula.10
Imaamu Ahmad waraana isaa kutaa kutaadhaan (cibraa cibraadhaan) ijaare, birgeedii Amiir Husseen Al-Taajuriidhan hogganamu Abbaa fardaa 100 fii waraana miilaa 100 waliin alaabaa dimtuu itti kennee hiriirse. Waraana birgeedii abbaa 100 fi waraana milaa 100 1abdu waziir Nurii jalatti alaabaa adii itti kennee hiriirse, ammallee birgeedii abbaa fardaa 200 fii waraana milaa 200 qabu ifiif hogganee alaabaa kelloo qabachiisee qindeeyse. Akkasumas waraana warra milaa kuma 7 qabu waraana keeysa warrota dhihootti Islaamawani keeysaa nama 5 amiira irrati godhee hiriirse. Futuhu Al-Habashaa P.31
Imaamu Ahmad waraana kiristaanaa taa’anii eeguudhaan yeroo inni dhufe iffirraa ittisuun akka faayidaa hin qabne waan hubateef, ittisurra ifiif dhaqee loluuf filate. Akkasumas lolli lafa Kristanaa malee lafa Islaamaa keeysatti tahuu hin qabu je’e murteeyse.
Jihaada Isaa eegale. Dawwaaroo biyya ja’amtutti lola bane gabrummaa Kiristaanaa jalaa bilisa baase. Waraana isaa akka lafa kiristaanaa deemanii Jihaada godhan ajaje.
Jihaada kanas jaartiin isaa baatiin wajjiin duuluuf qophoyte, garuu waranni akka jaartiin isaa jala deemte duultu hin jaalanne ture. Kanaaf komii isaanii akkana jechuun ibsan.
“Jaartiin tee gara biyya Muslimootaatti haa deebitu, yoo isiin hin deebine nuti si wajjiin duula gama biyya kiristaanaa hin goonu.” Ibid P.32
Garuu Jaartiin Isaa Baatii Dil wanbaraa Jaarsa isii wajjiin jihaada godhu malee hin deebi’u jettee diduudhaan, Jihaada yeroo duraatiif hanga Ifaat godhame hunda hirmaattee turte. Boodas Jihaada biraa hedduu hirmaattee jirti.
Imaamu Ahmad biyyoota Islaamaa tan mootummaan Kiristaanaa qabate irra hedduu isii jeeynummaa fii murannoo addaatiin keeysaa ari’ee jira. Keeysaafuu jeeynummaa fii murannoo isa kan haalaan agarsiise duula shumburaa kureeti.
Imaamni duuloota hedduu godhee injifataa turus duulli Shumburaa kuree adda ture, onnee warana Qeeysootaa kan cabsee fii kan baareeyse ture.
Shumburaa kureen Adaamaa fii Bushooftuu jidduutti Laga Moojoo biratti gaggeeyfame. Imaamu Ahmad waraana Isaa Qindeeysee Ziqwaalaarraa gama Laga Moojoo dhufe, ganda shumburaa kuree keeysatti waraan isaa qubsiise.
Waraanni Libna dangil Imaamu Ahmad Ziqwaalaa gad lakkisee deemuu hubannaan gama laga Moojootti jala dhufe. Lolli shumburaa kuree eegaluuf deema Maarch, 11, 1529.
Libna Dangil waraana fardaa kuma 16, waraana miilaa kuma 200 hiriirsee jira. Imaamu Ahmad garuu waraana abbaa fardaa 560, waraana miilaa kuma 12 hiriirsee jira.
Yilmaan Dheereeysaa heddumina waraana kiristaanaa akkanatti ibsa.
“hedduminnaa fi jeeynummaan waraana kiristaanaa onnee waraana Muslimaa  dhaw dhaw godhuu hin olle, garuu Ahmad Ibraahim Onnee isaa keeysatti murannoo waan qabuuf waraana guddaa san soda takkaan malee qunamuuf qophawee jira” yilmaa dheereeysaa ya itiyopiyaa taarik. fuula:65
Muslimoota fixaa kan ture waraanni qeesichaatii fii waraanni Imaamu Ahmad wal seenuuf ija walitti baasaa jiran. Jihaadni eegaluuf deema. Waraana Imaamaa keeysatti kutaa da’awaa kan turan sheek Abubakar binu Nasradiin binu Muhammad Muslimoota lolaaf kakaasaa ture, waa’ee Jihaadaa, guddina Jannataa, Amantii Islaamaatiif murannoon loluun hangam akka faayidaa qabu ibsuudhaan murannoon akka lolan da’awaa itti godhe, waraanis onneen Isaa Jihaadaaf kakaatee owite. Dhumarratti  suuraa 9ffaa aayaata 111 akkana jechuun itti dubbise.
{Allaahaan warra amaneerraa lubbowwan isaaniitii fii qabeenya isaanii bitee jira. Bakka sanii Janata Isaaniif kennuurratti. Karaa Allaahaa keeysatti ni lolan. Ni ajjeesan, ni ajjeefaman. (kanas) baallama sabataa tahee ifirratti godhe, Towraat, Injiilii fii Qur’aana keeysatti. Eenyu inni Allaaharra bellama Isaa guutu? Gammadaa gurgurtaa teeysan tan gurgurattan saniin. Suni milkii guddoodha.}
At-Towbaa:111
Waraanni onneen isaa Jihaadaaf qabsiifamtee jirti, Islaamaaf du’uuf muratee jira, imaamaanis lola eegalluu jechuudhaan qaafatan?
Imaamni garuu bakka teeysan qabadhaa, hanga isaan eegalanii hin eegalinaa je’en. Waraanaa fii eeboo teeysan qopheeyfadhaa qabaa, wayaa waraana ifirraa ittiftaniinis ufadhaa. Haala Rabbi yaadataniin malee tarkaanfii takkallee hin fudhinaa, jechuudhaan ajaja dabarse. Futuh Al-habashaa P.80
“Yaa Allaah! Hunda keenya warra obsuuu fii amantii teetiif warra moohu nu godhi” je’ee Rabbi kadhate. Ibid P. 74
Akkuma barateeti waraannni qeeysichaa lola eegale, yeroo san lolli jalqabe. Waraanni lamaan wal qunname, xiyyi darbamu qilleensa gubbaa guute, seeyfiin seeyfiidhaan walqunnamte, kotteen faradoo dhukkeen isiin kaafte gama samii ol ka’uudhaan duumeeysa tahee aduu hagooge.
Waraanni Libna Dangil lola owwise, gama moohachuutti dhalaawe.
Gama bitaatiin waraaba Somaaleetu ture, birgeedii kana keeysatti gosa Giir, Mareeyhaan, Yiber, Harti, Jaraan, mazaar fii barsuub turan. Gosti hundi damiinoota isii jalatti hiirirte, garuu lolli jabaannaan dheeysu eegalan, ammo damiinoonni gosaa, gurguddaan isaanii warri akka Mataan Bini Usmaan, Ahmad Giirrii fii Alii Garaad (obbolleeyyan Mataan), Obbolleeyyan Bashaaraa, Ali maad jiraa, Husseen Muusaa bin Abdullaahi Maakidaa fii Yuusuf Lathiiyyaa osoo hin soso’in sabatanii akka ajaa’ibaatti lolan. Ibid P.82
Karaa adda addaatin waraanni Mujaahidootaa wareegamuun heddummaataa deeme, of duuba deebi’uu fii dheeysuun takka hin turre. Lolli ni jabaate, dhukkeen samii guutte. Waraannis garee isa hanga addaan baasuu wallaalu gahe. “Allaahu Akbar” “waraan Mhammad sabadhu” “Laa Ilaaha Illallaah” “Injifannoon tan Islaamaati” fii dhaadannoon kana fakkaatu irra daddeebi’ee waraana Mujaahidinootaa jidduu achi asii dhagayamaa ture. Mujaahidinoonni osoo hin soso’in sabatanii lola itti fufan.
Yoo heddummina waraana Atsee libna Dangilii fii Imaamaa walitti qiyaasne, garaagarummaan isaa hedduu ture 216,000 fii 12560 ture, tokko tokkoon waraana Imaamaa Kiristaana 17n wal dura dhaabbata.
Guyyaarraa sa’aa 9tti yeroo dhalaawu waraanni Muslimaa ol Antummaa argataa dhufe, waraana Libna Dingilirrraa gurguddaan abbaan waraanaa ni ajjeefaman, warri hafes milli kiyya na haa baasu je’e dheeysuu eegale, waraanni kuma 10 isaanirraa ajjeefame. Muslimootarraa kumni 5 ajjeefamanii akka turan Arab Fiqhiin Kitaaba Isaa Futul Al-habashaa keeysatti ibsee jira.
Yilmaan dheereeysaa lakkofsii akka sanii ol tahe barreeysee jira.
“guyyaa san shumburaa kureetti, ummanni Itiyoopiyaa Kiristaanarraa waraanaa fii abbootiin waraanaa kumni 12 ajjeefamanii jiran, Muslimarraa kumni 6 ajjeefamee jira. Shumburaa kureen adeemsa seenaa itiyoopiyaa jijjirtee jirti.” ya itiyoopiyaa taarik fuula: 66
Lolli shumburaa kuree onnee waraana Kiristaanaa dhukeeysee jira, waraanni ajjeefame kuma 10 hanga 12 hoggaa tahu, hangi hafee kan kuma 204 hanga kuma 206 tahuu ammo milli na haa baasu ja’ee dheeysuu filatee jira, kunis onneen waraana Imaamaa kan Jihaadaaf murate sodaa fii baaraga itti uumeerraahi ture. Ammo fallaa sanitti Shumburaa Kureen fayyaaleeysa Muslimaa hunda onnee itti gootee jirti, ummanni birootis mslima ija tuffiitiin laaluu akka dhiisan godhee jira.
Yeroofillee tahuu weerara mootummaan kiristaanaa Muslimootarratti godhaa ture dhaabee jira. Lolli akkuma imaamni fedhetti dirreen lolaa lafa kiristaanaa keeysatti qofa akka tahuu godhee jira, gabaabdutti yeroofillee tahuu adeemsa seenaa hanga yeroo sanitti jiru jijjiruu dandahee jira.
Itti fufa



No comments:

Post a Comment