Monday, May 14, 2012

BARNOOTA AQIIDAA NAMA ISLAMAA HUNDAAF.


BARNOOTA AQIIDAA NAMA ISLAMAA HUNDAAF.

GAAFII FII DEEBISAADHAAN BARADHUU!!!
Qopheeysaa: Abuu Muhammad Al-Baddeeysii

Gaafii
 Deebisaa
Ragaa Qur’aanaarraa
Ragaa Hadiisarraa
Rabbiin Maaliif nu uume?
Akka isa gabbarruu fi  akka Isatti hin Qindeessineef
{jinni fi ilma namaa waa hin uumne akka na gabbaraniif malee.} suuraa Az-zaariyaat: 56

(haqni Allaahaa gabarran irraa qabu, isaan isa gabbaruudha, waan takkallee isatti qindeeysuu dhabuudha) irratti waliigalamaadha
Akkamitti Rabbi gabbarra
Akka Allaaha fi Ergamaan Isaa nu ajajanitti isa gabbarra.
{yaa warra amantan Allaaha fi Rasuula tole jedhaa, dalagaa teeysan hin balleesinaa}
suuraa Muhammad: 33

(inni dalagaa takka dalage tan ajajni keenya itti hin jirre, dalagaan sun isarratti deeffamtudha (hin qeebalamtu)) muslimtu gabaase.

Rabbi sodaa fi kajeellaadhaan gabbarraa?
Ee, akkasitti gabbarra.
{isa gabbarraaa sodaatoo fii kajeeloo haala taataniin}As-sajadaa: 16

( jannatan Allaaha kadhadha, ammas isaanin ibiddarraa tiyfama.) Abuu daawud

Allaahaan maaliif ergamtoota erge?

Gama isa gabbarutti akka nama yaamaniif  ammallee Allaaharraa akka qindii (shirkii) dhabamsiisaniif erge.
{Dhugumatti erginee jira ergamaa ummata hunda keeysatti. Allaaha gabbarraa , Xaaghuuta (waan Rabbii achitti gabbaramu hunda) dhiisaa [jechuudhaan]} An-Nahl:36

(Anbiyoonni obboleyani… Amantiin Isaanii tokko)
 Bukhaarii fi Muslimtu gabaase

Towhiidni Rububiyyaa(Rabbummaa ykn gooftumaa) maali?
Rabbi tokkichoomsuudha hojii isaatiin. Fkn: Akka waa uumuu, garagagalchuu fi waan kana malee jiru
{Cufti faaruu Allaahaaf sabattuudha, Rabbii Aalamtoota (waan hundaa) kan tahe} Al-faatihaa: 2

(yaa Rabbi ati Rabbii samiwwanii fi dachiiti) bukhaari fi muslimtu gabaase

Towhiidni Uluuhiyyaa (gabbaramaa) maali?
Rabbi tokkichoomsuudha gabbartiidhaan. Fkn: akka kadhaa (du’aaii) gorraasaa (qalmaa), qodhaa, salaata, kajeellaa, sodaa, gargaarsa barbaduu fi k.k.f…
{Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha, haqaan gabbaramaan hin jiru isa malee. Inni Rahmata godhaadha, Rifataadha.} Al-Baqaraa: 163

(dura wanni itti Isaan yaamtu Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiruu raga bahuu haa tahu.) bukhaarii fi muslimtu gabaase

Hiikkaan laa Ilaaha Illallaah maali?
Haqaan gabbaramaan hin jiru Allaaha malee.
{Allaahaan haqaan gabbaramaadha, garuu wanni Allaahaa achitti gabbaran dhara.} luqmaan: 30
(Namni Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, jedhee waan Rabbii achitti gabbaramu hunda kijibsise dhiigaa fi qabeenyi isaa tiyfamaadha) muslimtu gabaase
Towhiidni As’maa wa sifaat (sifaa fi maqaa Rabbii) maali?
Waan Rabbiin ykn Ergamaan Isaa  isaan bifeesse akkuma dhufteetti sabachiiuudha
{fakkaataa isaa hin taane wanni takkalleen. Inni dhagayaadha, argaadha.}
Ash-shuuraa:11

(Rabbiin keenya halkan hunda gama samii adunyaa gad bu’a)
Muslimtu gabaase
Gad bu’insa isaan malu.
Allaahaan eysa jira?
Allaahaan Arshirra jira samii olitti.
{Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe}
suuraa Xaahaa: 5

(Allaahaan uumaa takkallee uumuun duratti kitaaba galmeesse… kitaabni sun isa bira jira Arshii olitti.) bukhaariitu gabaase.




Sa Allaahaan nu waliin jiraa?
Allaahaan beekkumsa isaatiin nu waliin jira, nu dhagaya, nu arga.
{Isin lamaan hin sodaatiinaa, ani isin wajjiin jiraa, nin dhagaya, nin arga} suraa xaahaa: 46

(Isiin kan yaammattan dhagayaadha, dhiyaataadha. Inni isin waliin jira beekkumsa isaatiin)
 muslimtu gabaase

Rabbiin ni dubbataa?
Eee, sagalee isaan malteen dubbata
{Allaahaan Muusaa dubbise, dubbisiinsa dhugaadhaa.}
An-Nisaa: 164

{Eenyu inni Allaaharra dhugaa dubbatu gama haasawaatii?}
An-Nisaa: 87

((“[namni] tokkolleen Isiniirraa hin argamu, Rabbiin isaa isa dubbisu malee [guyyaa qiyaamaa], kan jidduu Rabbii fi jidduu isaa dubbii [namni] hiiku hin jirre.”))
Irra guddaan cubbuu Rabbi biratti maali?
Irra guddaan cubbuu Rabbitti qindeessuudha
{yaa ilma kiyya Allaahatti hin hin qindeessin. Rabbitti Qindeessuun cubbuu guddoodha.} Al-Luqmaan: 13

(Rabbiif shariika (qindii ykn hiriyaa) godhuudha haala inni si uumeen.) bukhaarii fi muslimtu gabaase


No comments:

Post a Comment