Thursday, May 17, 2012

Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad



Ahbaashaa fi sheek Muhammad Rashaad

Qopheeysaa: 
            Abuu Muhammad Al-Baddeeysii 

2012/1433

Ahbaash nuti sufiyyaadha jechuun ija nu qabuu fedhan, garuu Isaan sufiyyaa osoo hin taane, Amantii haarawa Abdullaahi hararii uumeen deeman. Sheek Muhammad Rashaad ulamaa’ii guddaadha tafsiira afaan oromootti yeroo duraatiif namni hiike isa. Akkasumas kitaaboota biroo hedduu ummata Islaamaatiif afaan oromootiin qopheeysee jira. Akkasumaa waliin sheek Muhammad Rashaad Sufiyyaa Xariiqaa Qadariyyaa hordofaa akka turee fii Abdullaahi Hararii irrattis akka barate seenaa Isaa keeysatti bareeysee jira.
Sheek Muhammad Rashaad ummata Islaamaatiif faayidaa malee balaa akka Abdullaahi Hararii san uumaa hin turre, Abdullaahi Hararii irraa jallina Isaa hin dhaalle.
Barruun asii gaditti qophaawe kun Ahbaasha sufiyyaa akka hin seene Isiniif ibsuudhaaf kan qophaawee fii Warri Ahbaashni amantii haarawaa mitii sufiyyaadha je’anii farda Ahbaashaa yaabbatanii gulufaa jiran dhaabbatanii waan sheek Muhammad Rashaad nu barsiisaa ture haa laalanii.
Yoo barnoonni sheek Muhammad Rashaad Barsiisaa ture, kan wahbiyyaati, takkaa ammoo kan kaafiraati nuu n je’an, Ahbaash waan jettu ni eeyna.
Barruu Asii gaditti qophaawe kana waliif dabarsaa, mootummmaa keeysa warra dalaguus garsiisaa akka nuti karaa haqaarra jirruu fii akka sheek Muhammad Rashaad jala deemaa jirru itti himaa.
Rabbiin warra haqaaf tumsu nu haa godhu.

Gaafii
Deebisaa Ahlus-Sunnaa
Deebisaa Ahbaasha
Sheek Muhammad rashaad maal jedha?
Rabbiin eeysa jira?
Samii torbanii ol arshiirratti ol tahe.
Bakka takkallee hin jiru.
Namni Rabbiin ol tahee jedhu, wahbiyyaadha, kaafira.
“Rabbiin Arshii waan uume hundarra guddoorratti ol taye, ol tayiinsa isaan malu”. Al-A’raaf: 54

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufriiXaahaa: 5

Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen.””

“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.” Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36

Rabbiin ija isaan malte ni qabaa
Eee, ni qaba
Rabbiin ija qaba jechuun kufriidha, waahbiyyummaadha, shororkeeysaadha.
Wanni jannu: Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti,”””
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin harka Isaan malu ni qabaa?
Ee, ni qaba
Hin qabu namni akkas jedhu kaafira.
“Wanni jannu: Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti.Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34


Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka isaan malutti ni dhufaa??
Ee ni dhufa akka isaan malutti.
Namni Rabbiin ni dhufa jedhu wahbiyyaadha, kaafira.
Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,”
Al-Fajr: 21-22

Sahaaba Rasuula keeysa tokkollee arrabsuun ykn jibbuun ni tahaa?
Hin tahuu sahaaba hunda ni jaalanna, tokkollee hin arrabsinu.
Sahaaba akka mu’awiyyaa fi warra isa waliin turee arrabsuun ni taha.
Sariihul-bayaan:197

Asaabaa nabi Muhammad, nama isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi isaanii jaalalloota keenya. Nama asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina. Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
Nama Islaamaatiin kaafira jechuun ni tahaa???
Hin tahu, nama Islaamaatiin kaafira hin jennu.
Wahbiyyaan kaafira, warri makkaa fi madiinaa salaachisu kaafira, warri su’udii wahbiyyaadha kaafira.
Nama kafarsiisurraa fagaatuun akkaan barbaadamaadha, ulamaa’iin yoo namni kun kaafira moo kaafiraa mitii keeysatti wal dhaban. 99 kaafira jedhee tokkoo muslima je’e tokkicha inni islaama je’u qabanna.
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :88
Qur’aanni jecha eenyuuti?
Jecha Rabbiiti.
Jecha Jibriili
Qur’aanni Rabbiin nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.
Jibriil Rabbirraa dhagayee, nabi Muhammad jibriilirraa dhagayee, ummanni nabi muhammadirraa dhagaye.
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21

Ahbaasha wanni gaafannu sheek Muhammad Rashaad jala yoo deeemnee Rabbiin ni jira  jenne nuti kaafiraa?
Sheek Muhammad Rashaad kaafira?
Sheek Muhammad Rashaad waan Rabbiin Arshirratti Ol tahuu amanuuf Kaafira jechuudhaa?

No comments:

Post a Comment