Saturday, September 15, 2012

ODUU DIRREE DAWAA

ODUU DIRREE!!!

guyyaa arraan tanaa 5-1-2005 A.L.H magaalaa DIRE DAWA keessatti galma ogaas hassan keessatti mariin jidduu dargaggoota magaalaa dire dawaafiii jidduuu qaama mootummaatii gaggeefamtee turte. kana irratti hawaasni muslimaa murannoo isaa sodaa takka malee ibsee jira. 
gaafiwwan ummanni mootummaa gaafatan keessa 
1. ulamaa mikir beet( mana marii ulamaaoota ) kan ja'amu san eenyuutu file.
2. osoo hayyoonni islaamaa mana hidhaa keessa jiruuu filannoo hin gaggeessinu.
3. ammas kan akkanatti nu jeeqaa jiru mootummaa tahuu isaa ummanni ifaafii walabatti himee jiraaaf .
kanumaan wal qabateee ummanni sagalee isaanii ol fuudhanii galma keessatti takbiiraa dhageesisaa turan. ammas haasawa isaanii ummanni kararratti muree dhiisee deemee jira allaaahu akbar! allaahu akbar! allaahu akbar! yaa rabbi nuuf tumsi!!!!

Friday, September 14, 2012

oduu Kamisee

Guyyaa arra juma'aa 14-9-12booda Muslimoonni Kamisee sagalee isaanii dhageesiisanii jiran.
filannoon keenya masjidatti
koreen teenya hidhaa haa baatuu fi dhaadannoo biroo dhagesisanii jiran.



Fidaa sif haa tahuu yaa Rasuulallaahii

Fidaa sif haa tahuu yaa Rasuulallaahii

Urjii Ahmad


Nagayaa fi rahmata kee buusii yaa Allaah
Nabiyyi keetirratti Rasuulaa Alamaa

Fidaa sif haa tahuu yaa Rasuulallaahii
Caala ilmaan Aadam Rabbii si godheetii
Adawwiin si jibbu mee maal si godhaatii
Muslimoonni hundi si jaalanaa ati
Fidaa taana namuu kabajaa teetiifii
Warri si arrabsu yahudaaf Ahbaashii
Muslimoonni hundi si faarsinaa ati
Sirratti haa turu faaruu fii nageenyii
Sin jaaladha ammas duraanii olittii
Fidaa siif haa taatu lubbuun too ammatti

Nagayaa fi rahmata kee buusii yaa Allaah
Nabiyyi keetirratti Rasuulaa Alamaa

FAARUU


FAARUU RASUULAA S.A.W
Urjii Ahmad
saluu wasalimu alaa Rasuulinaa
Yaa Rasuula Rabbi ati bar faarfamaa

Barsiisaa nagayaa haqa agarsiisaa
kan Rabbiin filate Ilmaan namaa keessaa 
Aduunyaa guutuudhaaf tahee bar Rahmata
Shirkii dhabamsiisee Towhiida barsiisaa
Ilmaan nama hundaa wallaalarraa baasaa
Mirga xiqqaa guddaa haqaan wal qixxeesaa
Haqa Rabbiif malee kan saa yoom dubbataa
Takkaa hin Zallamnee uumaa Rabbi Isaa
Sahaabaa isaatiin hedduu jaalatamaa
Lubbuu isaa baasan jaalala saa keessaa
Abbaa fi haadhalle hunda isaa caalaa
Ergamaa Rabbiiti qulqulluu badirraaa
Kaafira hedduutu Ragaa isaaf bahaaa
Seenaa Isaa laalee hedduuu jala deemaa

garuu amma kunoo Adawwiin zabanaa
Afaan saa guutatte Rasuula arrabsaa
yaa Ummata Islaamaa badiin hundi teenyaa
Nutu jala deemee Adawwii Rasuulaa
Karaa Isaaniitis hedduutu hordoofaaa
Jara badaa kana hundi jibbuu qabaa
Isaan dhaamsuu fedhan ifaa Islaamummaa
Afaanin Arrabsuun qalmaan barreesaa
Ammoo hin dandahan Diin saa ni dagaagaa
Faca'ee wal gahaa Adunyaa tanarraa

Nuti kan laaffate kan si arrabsiisee 
yaa Ergamaa Rabbii Ati qulqulloyte
Rabbiin si faarseerraa hunda si caalchisee
Maal sirraa irrisa Adawwiin si jibbee???

yaa Ergamaa Rabbi nuti si jaalanna
Si wal arguu yaadna halkanii fi guyyaa
Yaa Rabbi itti buusi faaruu fii nagayaa
Nibiyyii keenyarrati hanga qiyaamaadhaa
Jaalallee Islaamaa yaa Rasuula Allah.

Thursday, September 6, 2012

ODUU OWWAA

Oduu Owwaa !!!
FINFINNEE
sheekni guddaan Masjida shoogolee salaachisan Imaamni Umriidhaan maanguddoo Sheek Abdusalaam Guyyaa arraa Polisaan mana isaatii fudhamee gara mana hidhaa geeffamee jira. Sheek Abdusalaam akka hidhamu xalayaan ajaju Iida dura irratti bahuun isaa ni yaadatama, warreen xalayaan hidhaa itti baherraa, Sheek Hamid Muusaa, ustaz Muhammad Faraj, Ustaz Abdulmannaan Galaanii fi sheek haajii tahuun isaatis dhagayamee jira. Sheek Haajiis Polisaan hidhamee jira. 

GOODINA HARARGE LIXAA
Magaalaa fii aanaa adda addaa keeysatti hidhaa fii sodaachisaan itti fufee jira. sheekootii hidhuuf ummataan dirqamaan hiriira irratti bahaa jechaa jiran. Hawaasaa keeysa nama sheekootiif dubbatu qorannoo sa'aa dheertuu godhuudhaan sodaachisaa jiran. 
Oduu facebook irratti baafatan jechuudhaan dargaggoota akka malee sodaachisaa jiraachuun isaanii dhagayamee jira. 

Monday, September 3, 2012

TOKKUMMAA


TOKKUMMAA
Urjii Ahmad

Ummanni Islaamaa harka walqabadhaa
Tokko tahaa ka’aa amantiif falmadhaa
Sabummaan wal qooduun gahee nurraa dhiisaa
Yeroo sa dabartee amma amantiidhaa
Adawwiin balleesuuf nurratti wal yaamaa
Nuti yoo maal eynaa yaa ummata islaamaa?
Ahbaasha nuuf fidan maqaa jijjiraadhaa
Ahlus-sunnaa sufii kanaan bekkameerraa
Dirqamaan leenjisa wallaalaa fi beekaa
Seera fi nageenya maqaan walgahiidhaa
Kan isaan barsiisan Aqiidaa Ahbaashaa
Roorroo hedduu tanaan dimookraasii je’aa
Yaa Rabbii iyyadhe ani sitti gooytaa.
Bakaafiroochu lay nasr amxaalinaa
Fansurnaa mowlaanaa alal kaafiriinaa
Akka sii gabbarruuf towiida qarrarraa

Ahbaash human fidduu isiin waa xiqqoodhaa
Kan nutti jeynoomsu qaama mootummaadhaaa
Qawwee fanifatee isaan mooggaa cayaa
Arrabsaa jechuudhaan isaan nu bobbaasaa
Lobnaanirraa dhufee mirga keenya dhiibaa
Nuti abbaan biyyaa mirga keenya dhabaa
Hanga shakkinutti abbaa biyyummaadhaa
Yaa ummata Islaamaa dubbi too hubadhaa
Ahbaash Adawwiidhaa namu firraa baraa
Yaa Rabbii iyyadhe ani sitti gooytaa.
Bakaafiroochu lay nasr amxaalinaa
Fansurnaa mowlaanaa alal kaafiriinaa
Akka sii gabbarruuf towiida qarrarraa

Tokkommaan bar humnaa akkuma bekkamuu
Tokko taane qabsoof amumma haa kaanuu
Gargar  faffacaanu humaa hin asarruu
Adawwiin teenyalleen tuffii isaan dhiisu
Hanga tokko taanee harka wal qabannuu
Diiniif wareegamuuf gootummaa garsiisnuu
Kadhaa fi sosobaan mirgi waan argamuu
Qabsootti murannoodhaa kan galmaan nu gahuu
Yoo akkas tahuu baate kaafirri waa laafuu
Karoora isarraa xiqolleen dhaabatuu
Hanga dhabamsiisuu Islaamummaa guutuu
Namuu waliif dhaamaa bakkuma argamnuu
Tokkummaa tokkummaa falli nuti qabnuu
Tokkumma qofa kan galmaan nu gahuu
Ahbaash axfalinii  nad’uuka yaa mowlaa
Takkallen hanbisin adawwii Islaamaa
Cillee bishaan buutu arglin yaa geetaa
Dhukkee bubbeen foote argaachaw hadaraa
Anta chay nahennaa nuti suma qabnaa
Ba Arsh lay honak Rakkoo teenya gartaa

Qabsoon itti haa fufu hamma firii garruu
Gaafii teenya sadeen deebisaa argannuu
Majlisa filachuuf mirgi nuuf kennamuu
Ahbaash nu fi’uun hanga ugguramuu
Koreen teenya qaaliin hidhaa gad-dhiifamuu
Kana tahuu baanaan Tigluun hin dhaabnuu
Mootummaaf kan dhaamnu akka nuuf awaatuu
Deebii ummata Islaamaa akka deefee kennuu
Ahbaash deegarurraa akka if qusatuu
Mirgi amantiidhaa namuuf kabajamuu
Hidhaaf sodaachisuun nurraa haa dhaabbatuu
Yoo san tahuu baate rakkoof haa qophaawu.


Walaloo tana keessatti Rakkoo teenyaa fi waan Ahbaashaa fi mootummaan nurraan gahaa jiran dubbadhee jira, furmaatas qaamaa mootummaaf dabarsee jira. 
yoo faayida hin qabdi jettan facaasaa, namni sagaleen tochuu danda'us tolchee haa jedhu akka ummanni keenna irraa faayideefatan.




WALII GALTEEN MAAF BARBAACHISE


بسم الله الرحمن الرحيم
WOLALOO : wolii galteen maaliif barbaachise???
By Abdii Borii
yeroon amma keessa jirru kun bay’isee wolii galtee cimaa barbaachisa wantaheef, mee waahe bu’aa wolii galtee irratti wolaloo tana cimsaa dubbisaatii ergaa isii naaf hubadhaa yaa obboleewwan islaamaa.

Bismilahi jennee akka Aadaa teennaa
Maqaa Rabbi dhoofnee dubbii itti sienna
Faaruu Rabbii kiyyaa egas itti aansee
kan ni'imaa hundumaa nurra dhangalaase
Caalaa anmantiidhaa kan nuu kenne diinaa
Faqaala ta’aalaa woradiitu lakumul-islaama diinaa
فقال تعالى" ورضيت لكم الإسلام دينا")ا)
Salaataaf salaama nabirratti buusee
Xaahaa kabajamaa kan diinii nuuf ibse

Aailiif sahaabaallee worra tumsan diinaa
akkuma san immoo kulla attabi'iina(كل التابعينا)

Yaa obboleewan koo hunduu naaf dhagahaa
Bu'aa woliigaltee gurran isin gaha
Wolii galtee malee sila maaltu tahaa?

Wonta guddaa tahuu isaa naa hubadhaa
Seenaa islaamummaa keessatti qoradha
Taariika sahaabaa fa'a mee gaafadhaa
Jalqabni islaamaa akkamii yaadadhaa
quwwaa muslimoota yoo sanii qaabadhaa

jarri wolii gallaan addunyaa dhunfate
ifaa Qur'aanaatiin dukkana mooyate
kaafirran gugurdaa ufjalatti deeffate
FAARISII fi RUUMIIN hundaa hinjifate
Beektuu woliigallaan akka san hojjate

Ardhammoo Awropha f i Amriikaa hin garree?
Dharatti wolii gallaann islaaman dararree?
Biyya jara didde tumti akka harree
Kan fedhan cacabsaa kan filuun agarree?
Zaalimaa tumsaatiin mazluuman qabbarree
Dubbiin faallaa tahuu nuhundinuu garree
Bu'aa wolii galtee kanarraan agarree?

Koottaa yaa dargaggoo afaan tokko taanaa
Seenaa keenna gariif quwwaa deebifannaa
Diinii islaamuummaa mataasaa olkaafna
Kufrii jalaa baanee diiniin murteeffannaa
Sila haga yoomii kaafira sujuudnaa?
Jiraannu gammachuun asirra jiraanna
Yoo duune shahiidee taaneetiin asirraa godaanna
CARRAA akka kanaa nuu keenni mowlaanaa
Xiqqeennaan jiraachuu nuu didi Rabbanaa.

Namni wolii gallaan waan baayyee dalaga
Haalli yeroo ammaas kanarratti raga
Sowraa(fincila) Arabaalee nuhundatu arga

Mee SOWRAA kanarraa fakkeenya fudhanna
Tajribaaf xinxallaa, beekkums argannaa
Mee narraa caqasaa wolumaan hubannaa

Ummata TUUNUSIA hundinuun arginee?
Zeynal-aabidiinan biyaa hin ariinee?
SU'UD ARABIYAA galchanii hin teessifnee?
jallaataa falfalaa Rabbi hin salphifnee?

kan ummata miidhee islaamas darare
islaama awwaalee kufrii kan ijaaree
mooticha jallataa kan Rabbi abaare

salaata kan dhoorge bixaaqaadhaan malee
masjiida hinseetu isii fiddu malee
akkana dalagnan salphinadhaan gale
(Bixaaqaa = woraqaa heyyamaa/ID carde)

mee fakkii biraallee isinii dabala
tolchaa naa hubadhaa gadi qabaa laalaa

Ummata MISRAAllee hunduu hin hordofnee?
HUSNII MUBAARAKII waan godhan hin arginee?
Sirerra ciifsanii murtiin kaleessinee?
Gocha bar 30 isa hin himsiifnee?
Gaabbiif nadaamaadhaan onnee isaan kunnee
Aja'ibaa Rabbi waa heddu argine

Ammoo kan QAZZAAFII haacaalukaa dubbiin
Abbaa "ZANGA ZANGAA" kuffistekaa anbi
Yaa raajii akkanaa ajab dubbii Rabbii

Woggaa 40 ummata cunqursee
Soshaalizimiidhaan hawaasa rakkisee
Mootii-mootowwanii jedhee uf moggaasee
Anatu jaba jedhee ifatti olbaasee

Ummata LIIBIYAA akka ilmoo lukkuu uf jalatti dachaasee
Booddee isaa kunoo Rabbi is salphise
ummaanni Liibiyaa qaabeetiin ajjeesse
Dachee dunya irraa isa dhabamsiise
Ilmaan isaatillee gar gara faffacaase
kaan biyyaa baqatee gariin hidhaa ciise
kan angoo dhaalchisuuf Qzzaafiin qopheesee.

Akkanakaa haalli jiruu dunyaa tanaaa
Ammatuu ulfinaa ammatuu salphinaa
Mootummaa gugurdaa hidhatti argina
gariin akka maleen du’eera dhageenna
Kun dubbii Rabbiitii ajabnee maal goona?

Yaa barumsa gaarii nama waa baratuu
Woy gorsa bareedaa nama waa hubatuu
Kan itti cufamtetti homaa hin fakkaatu
Hanga bira geettee mataa irran baatu

Guyyaan oleen bulu ammaa deemee dhufaa
Balbala hundaatii eessaa irraa hafa
Teenneetumaan eegna inninuu waa hafaa?

Kunoo amma dhufee mataan gad jalqabee
Diina muslimootaa sammuu isaa qabe
Kan hafes itti eda’aa Rabbiin yoom dadhabe

Ya obboleewwan koo koottaa wolii gallaa
"Namni wolii gale yoomuu alaa gala"
Rakkoo argamefis ni'argata fala
Yaa ilmaan islaamaa koottaa haadammaqnuu
Afaan tokko taanee gamtaan haa sochoonuu
Mirga diinii keennaaf kottaa haa mormannuu
Addaan wal-qoqqooduun badaadhaa haa dhiifnu
Qorsoo bishaan keessaa lakkisaa hin taanuu
Yoo addaan facaane homaa garuun geennuu
Bu'aa biyyaa dhiisaa ufiifuu waan goonuu
Amaanaa amaanaa nam tokko haa taanuu


Haasawa kiyyallee kanumaan xumura
Dogongora kiyyas irruma naa taraa
Baayyee galateessa kan dubbise maraa
Kan kana barreese ABDII tahuu baraa
Assalaamu alykum nagahaan naaf turaa


Sunday, September 2, 2012

Oduu Madda Islaamaa

ODUU OWWAA!!!!

Goodina Harargee Lixaatti Ulamaa'ii teenya tan Aanaa Qunnee (Gammachiis) keeysatti hidhamanii dararamaa jiran.
1. shek huseen bayaan 
2. shek ibraahiim ahmed
3. shek muummee muhammad   
4. shek mahdii muhammadnuur
5. shek ahmad gurraachaa    
6. shek taajuu ahmad   
7. shek muhammad umar   
8. shek mullee zakariyyaa

Namoota biroo 10 kan sheekkan hintahin qotee bularraa akka yeroo hin murtaayiniif ukkaamamanii polisa Aamaa gammachiisitti gidiramaa jiran. ulamaaiilee tana dirqamaan areeda haaddadhaa jedhanii haalaan dararaa jiran. kanneen Diin islaamaa nidhabamsifna jedhanii nama dararaa jiran qaama Mootummaarraa.

1. polis guutaa   
2. polis Taganuu   
3. Abdallaa Aliyyii    
4. Muhammad Jamaal    
5. kaamil   
6. Abdii Muhammad    
7. Aliyyii Usmaan /bulchaa/ jarreen kana. 
Badii takka malee amantii isaa ahbaashitti jirjiiru diduu qofaaf muslimni mirgi isaa dhiitamaa jira. Mallas Mootummaa akkanatti mirga namaa kabaju dhaabee. karoora baasee biraa deeme jechuudha. ajiib

Saturday, September 1, 2012

ODUU OROMIYAA

ODUU SODAACHISAA!!!!
MADDA ISLAAMAARRAA

Naannoo oromiyaa bakka adda addaatti hidhaa fi sodaachisaa sheekootii fii ulamaa irratti godhamaa jiru itti fufee jira. Warri hidhaman hundi kan mirga isaanii falmatanii fii Ahbaasha fudhachuu didan akka tahanis beekkamee jira. 

Magaalaa Duukamitti badii tokkoon malee Sheek Muusaa hidhuun isaanii ni yaadatama, haaluma kanaan guyyaa kaleessaa namoota kudhan badii takkaan malee hidhuun isaanii beekkamee jira. Badii fi maaliin akka yakkaman wanni beekkamu hin jiru. 

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Ciroo keeysattis hidhaa fii sodaachisaan kaabineen sheekootii irratti raawwatamaa jiru itti fufee jira. Barsiisaa Haramaayaa Yunivarsiitii kan tahe Obboo Musxafaan basii tokko malee guyyaa arraa hidhamee jira. Obbo Musxafaan daaii beekkamaa turan, Masjidatti Darsii fi da'waa adda addaaa waan godhaniif manni isaanii sakkataa'amee, meeshaan isaa saamamee gara mana hidhaa geyfamee jira.

Baddeesaatti Obboo Mammayyeen Sheekootii fi Namoota Ahbaasha fudhachu didan akka hidhaman Kaabineef ajaja dabarsuun isaa keeysa beektootarraa dhagayamee jira. Sheekootii keeysaa nama tokko maqaa isaa dhahuudhaan mankaraaristiidha jedhaa ummata hiriira baasaa Miseensi hundi Sheekootii Ahbaash dura dhaabbatan mankaararistii jechuun akka hirira bahuu qaban waajira dhaabaatiif ajaja dabarsanii jiran

Friday, August 31, 2012

ODUU DIRREER!!!

ODUU AJAA'IBAA

Diree Dawaatti Jum'aa hunda khuxbaa qopheysan imaamoonni guyya kamisaa akka mootummaa bira geysanii agarsiisan ajajnii dabree jira jechuun dhagayamee jira. Imaamni khuxbaa osoo hin agarsiisne godhu hundi akka adabamus himamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Imaamni Jallina Ahbaashaa ummataaf Ibsu tokko ji'a lamaaf hidhamee hidhaarraa Mallateysuudhaan bahee jira. Mallattoon Inni Mallateysa akka Masjida duraan itti imaama sanitti umrii isaa guutuu hin salaannee tahuun isaa beekkamee jira. Mee Dimookraasii tana dhagayaa waan taate.


SEENAA MALLAS KAN DHUGAA 1955-2012

SEENAA “MALLASII” KAN DHUGAA
(1955 - 2012)
Abdii Borii

Kana dura seenaa mootummoota Etyoophiyaa bulchaa turani kan akka : TEWDROS,YUHANNIS,MINILI FI HAYLASILLAASEE duubataa turuun keenna niyaadatama,Mallasiin immoo hanga angoo isaa xumuratuuf eegaa turre,amma yeroon waahee isaa dubbannu gahee jira waan taheef kunooti.


Mallas maqaan isaa kan dhalootaa “Laggase Zeenaawii” ture , qabsaayaan cimaan ummata Tigree Mallas jedhamu duunaan maqaa kana fudhate.
Mallas bara 1955 ALA Adawaa(Tigraay) keeaassatti dhalate.
bara 1974 tti Barnoota fayyaa(medicin) osoo barataa jiru jidduun kutee worraaqsa ummata Tigree kan mormitoota mootummaa Dargiititti dabalame
bara 1975tti adda bilisummaa Tigraay hundeessuu keessatti qooda fudhatee ture.
Bara 1991tti Mnagistuu Hayla maaram gara Zimbaabuyee baqannaan Mallas gara angoo dhufee presdaantii biyyattii tahe.
MALLAS erga worroota sirna Dargii cabsuuf woliin lolaa turan ganee, kaan ajjeesee,kaan hidhee,kaan biyyaa ari’atee angoo irratti olbahe. Aangoo isaa cimsatee haala mijjeeffatee boonaa fi ofjajuu jalqabe,tiyya haataatuu fi anatu jabaa dha jechuun mallattoo isaa taahe,akkuma aadaa mootummoota abbaa irree innis fayyadamaa ture.jechoonni inni paarlaama keessa taa’ee dubbatu kana irratti ragadha. 
yeroo gaafiin adda addaa isa gaafatame deebiin inni kennu kan tuffii fi xiqqeessati, fkf;
-shukkaarri maaf gatiin isaa dabale jedhamee yoo gaafatamu “qotee bulatu shaayii dhuguu jalqabe”
-Etyoophiyaa keessatti kadhataan maaf baay’ata ?jedhanii gaafannan “sacii sila bazza new /namni kennu waan baay’ateefi”.
-paartii mormitootaa yoo yaamu “ye abbadee hushaa(saree maraatte) jedha.
-yeroo woraana biyya suumaaletti erge gara biyyaatii haa deebi’u jedhee murteesse ,ummata wolfixaa jiru kana akkamitti wolitti dhiifnee woraana keenna keessaa baafna jedhee paarlaamaa keessaatti gaafatamnaan “ye fallagee jib yibila /abbaa barbaade bineensi haa nyaatu” jedhee deebii kenne. Jechoonni kana fakkatan baayyetu jira.

Kana qofa osoo hin taane sammuu namaatitti taphaataa ture,ummata gowwoomsaa ture,mee akkamitti yoo jettan ??? wolumaan haalaalluu.
Beelaa fi hiyyummaa = misoomaa fi guddina jedha
Wolaalaa fi doofummaan =beekkumsa fi qaroomina babaldhisuu jedha 
Diktaatoorummaa(abbaa irrummaa) =dimokraasii dhugaa
Mirga dhala nama dhiibuu = bilisummaa jedha
Dhimma Biyyoota ollaa keessa seenuun rakkoo irraan gahuu = tola itti oolinsaa fi rakkoo keessaa isaan baasinsa jedha , fkf biyya Sumaalee.
Mallas akkanatti wonta hundaa faallaa jijjiiree dubbataa ture,worroonni isa jala deemanis woma inni jedhu san woliin jedhaa jalaa qeebalaa harka tumaafii turan

Kun immoo kan duraa caalaa akka boonee uf wollaalu isa taasise, boonni isaa kun tuffii muslimootaa biraan isa gahe,mirga amantii kan seerri biyyatti akka kabajamu murteesse diiguudhaan muslimoota aqiidaa isaanii qulqulluu irraa gara aqiidaa AHBAASH tan dharaatitti isaan deebisuuf yaalii godhuu jalqabe,muslimmummaa irraa gara amntii biraatitti isaan jijiiruuf haala mijjeessuuf kaayyoo kana jalqaba taasifate.

Haata’uu malee dubbiin faallaa isatti garagalee muldhatee jira,waan inni hin niyyatin/hin yaadintu isa mudate,moormii jagnoonni muslimtootaa argisiisaniin rifachhiifamee jira, ijjannoon cimaa ulamaa’ota islaamaa irraa murtaaheen hamileen isaa dhahamee kaayyoon isaa fashilaayee jira.
Guyyaa 17/4/2012 tti lola muslimoota irratti labse,ulamaa’ooni islaamaa du’aa’i qunuuta(salaata keessaa) akka isarratti kadhatan murteessan,yaa Rabbi qabaatee jabduun nuuf qabi,nuti humna hin qabnuu simalee jedhanii Rabbiin itti kadhatan.
Guyyaa lama qofa oolee 19/4/2012 dhibee baayyee badaa taheen qabamee mana yaalaa biyya alaa magaalaa Buriksil geeffame, garuu fayyuu hin dandeenyee, achumatti booddeen isaa taate,kaayyoo isaa usuu galmaan hin gayin gaddaa fi gubataan du’e.umrii(57) tti du’e.

GOCHA GUDDAA KAN HIN DAGATAMNE:
Seenaa Mallasii keessatti wonti guddaan yeroo kamuu dagatuun hin danda’amne ummata muslimaatii Amantii haarawa biyya alaa irraa fiduu isaati, biyya Lubnaan (Lubaanos) irraa amantii AHBAASHAA kan yahuudaan islaama ittiin cabsuuf oomishte fidee jira. Gocha akkanaa kana mootummoonni Etyoophiyaa kanneen isaan duraa tokkollee dalaganii kan hin jirre argamsiisie,MINILIKI fi HAYLASILLAASEENIS amantii islaamaa balleessuuf yaalii godhaa turan malee biyya alaa irraa amantii biraa fidanii hin beekan.
MALLAS amantii akka meeshaa daldalaa biyya alaatii galche kana ummanni muslimaa fudhatuu dinnaan dirqiin (humnaan) isaan fudhachiisuuf biyyoota Awrophaa fi Amriika keessa naannayee qarqaarsa wolitti qabuuf osoo olii gad deemu qabaan rabbi itti dhufte,kun aadama Rabbii keennaati,zaalimtoot diinii isaa balleessuu barbaadan durumaa rabbiin akkanuma isaan godha, kun waan haarawaa miti.

Haata’u malee Gochoonni MALLAS dalagee fi qabaan Rabbiin isa qabe kun SEENAA kanaan dura dabre nuyaadachiisa:
YUHANNIS kan dhaloonni isaanii bakka tokko ture(Tigraay) kana dura akkana dalage, bakka BOOR- MEEDA jedhamutti bara 1875 ALA titti muslimootaf woggaa 3 qofa beellame,namni woggaa an beellame kanaan booda amantii islaamaa irra jiraate jazaan isaa ajjeefamuu ykn biyya gad dhiisee deemuu malee hin jiru jedhee murteesse,erga yeroon sun dhumee nama kuma 50 fixee kuuwwan biyyaa baqatan. Garuu rabbiin jazaa isaa usumaa hin turin isaaf deebise,harka woraana muslimaa “MAHDISTOOT” jedhamanitti daangaa Etyophiyaa fi Suudaaniitit ajjeefame, mataan isaa irraa muramee gara magaalaa UMDURMAAN geeffame,haga amma galmee meeshaa aadaa fi seenaa biyya suudaan keessatti argama.
HAYLASIILAASEE:Innis yeroon angoo isaa san keessatti wolgahii kongirasii Ameerikaa irratti akkana jedhee dubbate:
“muslimoonni Etyoophiyaa keessa ummata gabaabduu dha,worroota gabaabduu amantii abbaa isaanii gad dhiisan kana yeroo gabaabduu keessatti gara amantii abbaa isaanitti (kiristaanummaa)isaan deebisna” .
garuu rabbiin usuu kaayyoo san inni galmaan hin gayatin isa dhabamsiise bara 1974 halaakame.
muslimoota immoo Rabbiin rahmata isaatiin isaan hanbisee haga ammaa nahan amantii isaanii irra jiran.

Ajja’iba !!!! mootummoonnummaan Habashaa yoomuma gorsa fudhatan? Yoomuma worra dabdre irratti laalanii jiilan?yoomuma gowwumma kana irraa bayfata?yoomuma jallinna isaanii kana dhiisan?

DU’A MALLASIITIIF GADDUU:

Waa hunda caalaa kan nama ajabsiisu worroota amantii islaamaa usuu himatan,nama amantii isaanii balleessuuf karoorfate kan Rabbi isa hanqise kana du’a isaatiif kan gaddaniidha.
Rabbiin nama diina islamaa tahe hundaayyu akka hin gaddinef nu dhoorgee jira,usuu abbaa fi obboleessa keennallee taatee.kanarratti raga heddutu jra:
1.nabi IBRAAHIIMIIN(A S ) abbaa isaa irraa Rabbiin isa dhoorgee jira.
2.Rasuulli keennas (S A W) qabrii haadha isaanii Amiinaa dhaqanii akka Rabbiin kadhataniif heyyama gaafannan heyyama dhabanii booyaa achii deemana. 
3.sahaabtichi ABII UBEYDAA(r a)jedhamu kan Rasuulli (s a w) Amiinu haazihil-ummaah(amanama ummata kana) jedhanii isa moggaasan gaafa lola BADRII abbaa isaa JARRAH kan jedhamu ajjeese,abban isaa nama diin Rabbiitiin lolu waan taheef,akkamitti abbaa kee ajjeefata? jedhanii namoonni gariin isa komatuu barbaannaan, Rabbiin Qur’aana buusee akka inni badii tokko hin dalagin raga isaaf bahe (لا تجد قوما يؤمنون بالله واليوم الأخر يحبون من حاد الله ورسوله ولو كانوا آباءهم) “Ummat Rabbiitii amanan kan jaalatan hin argitu nama Rabbii fi Rasuula isaa morme usuu abbaa isaaniillee taate,yk ilmaan isaaniille taatee,yk obboleessa isaaniillee taatee,yk gosa isaaniillee tate …….” Abii Ubeydaan akkanatti abbaa isaa inni diina Rabbii taheef yoo ajjeesu nuti du’a nama diina islaamaa taheef yoo gaddinu mee dubbiin maalfakkata???amantiin teenna akkam ta’itti?
Kanaafuu namni amantii islaamaa qabdan du’a nama dallansuu Rabbii irratti du’eetiif gadduu irraa akka uf qusattan isiniif dhaama, akka amantiin teessan isin jalaa hin miidhamne,akka guyyaa qiyaamaa isaan woliin Rabbiin isin hin kaafne “namni tokko namuma jaalatu woliin kaafama jedhan Rasuulli (s a w).

YAA RABBIIN NAMA HAQAA FI WOLQIXXUMMAAN UMMATA KEENNA BULCHU BAKKA NUUF BUUSI !!!!!!!!.Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin.

ODUU DIRREEE

ODUU AJAA'IBAA

Diree Dawaatti Jum'aa hunda khuxbaa qopheysan imaamoonni guyya kamisaa akka mootummaa bira geysanii agarsiisan ajajnii dabree jira jechuun dhagayamee jira. Imaamni khuxbaa osoo hin agarsiisne godhu hundi akka adabamus himamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Imaamni Jallina Ahbaashaa ummataaf Ibsu tokko ji'a lamaaf hidhamee hidhaarraa Mallateysuudhaan bahee jira. Mallattoon Inni Mallateysa akka Masjida duraan itti imaama sanitti umrii isaa guutuu hin salaannee tahuun isaa beekkamee jira. Mee Dimookraasii tana dhagayaa waan taate.

Tuesday, August 28, 2012

AHBAASHI ENYU?



AHBAASHI EENYU????

Urjii Ahmad

Ahbaashii beekuu yoo feete
Lubnaanirraa nu gad seentee
Abdallahi harariituu isii hundeessee
bara 30 dura isii gad dhaabee
Beeruti keessatti yooniif dubbistee

Yahuudaatu isa gargaaree
Mallis kan isii nu yaamee
Yahudacha tokkootii isii qoratee
Wahbiyyaan balleesa jedhee murate
Mootumaan dubbii isaa fudhatee
Ahbaash dirqamaan nurratti fi'ee
Kadhanee kadhanee dadhabnee
Ifirraa Rabbitti iyyannee

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Wahbiyyaa balleesuuf nu jedhan
garuu Islaama balleesuu fedhan
Maqaa guyyaa keessaa nuuf baasan
Akka waan Bineensaatti nu himan
Mallattoo wahbii hoggaa nuuf himan
Najaashiin Muslimaadha Amanan
Ortodoksiin Mirga wal qixa fedhan
Kolleejii Islaamaa banuudha yaadan
Dhaalaa hijaaba itti uffisan
Dhiirtis Areeda haalaan guddisan
Taaboota baasanii hin galchan
Haraama jedhanii nama dhowwaan
Masjida bakka hundatti jaaran
Madrasaan akka hodummaatu fedhan
kana kana hammeenyaaf himatan
Mee yaa dhiiroo kanaan maal jettan.

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Duuba Islaamni Isaan barbaadan
Taaboota yoo galchee baase fedhan
Najjaashiin Muslimaa yoo didan
Masjida jaaruu gaafa dhaaban
Madrasaan heddummaachuu yoo jibbaan
Qofa warra nagayaa jedhaman
Akkas gochuu yoo baatan
Mankaraaristaa maqaa siif baasan
Hojii kana galamaan akka gahan
Abbaa itti barbaadanii dhaban
Ahbaash tokkicha itti argatan
Kan Adawwwiif Islaama qabatan
Firummaaf yahuudaadha jaalatan
Muslima hunda dhugumaan jibban
Yaadaa isaanii tasa faalleesinaan
Kaafira jechuun maqaa si baasan
Wahbiyyaa wannii sin moggaasan
Mootummaan Isaan argannaan
Gammadee nutti gad fidnaan
kunoo Arra Isaan hojii jalqaban
Biyya guutuun kaafira nuun jedhan
Ulama'aa tokko yoom keessaa hanbisan
Hunda wali qabanii Kafarsiisan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaasha hoggaa gad fidan
Akka namni hin beekne fedhan
Dafanii maqaa irraa jijjiran
Ahlu-sunnaa suufii itti moggaasan
Mallas biratti Islaamaa duraanii jedhaman
Kan faallaa sani hunda Wahbiyyaa jechuudhaan
Arrabsanii raadiyoo fi Tviidhaan
Paarlaama keessattille nu Dubbatan
Mummichi mummee kan arra du'an
Gaafa san Muslima Rifachiisan
Akka Malee garaa balleesan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Ahbaash arra Mootummaa taate
Majlisa keenyas nurraa fudhattee
Filachuudhaaf mirga dhorgamnee
Koree Filannees hidhaan isaan dhabnee
Ashabbarii jechuun isaan kan yakkee
Dimookraasii jedhee nuuf yoo himee
Akkam jennee isa haa amannu meee?

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee

Filannoo Majlisaa tan tvn lallaban
Koree teenya eega hidhaatti galchan
Gaafii isaan gaafannee deebisuu diidan
Kanaa waliin filannoof nu yaaman
Filannoo keessan dinne yoo jennen
Nu dhaadatan warreen biyya bulchan
Wahbiyyaa ABO nuun jedhan
Biyyaa Isin baafna Filachuu diddan
Waa meeqa wanni Isaan nu godhan
Ahbaashuma nu godhuuf muratan
Seera tuman gubbaan Tarkaanfatan

Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Ahbaasha Balleesi sitti Irkanneeeee
Dhabama godhii Majlisa fi Kaadrellee
Dhawii Kaabinee Abbaa garaallee
Waan dina keenyaa taane Takkallee
Cillee bishaan buute Yaa dandaha wahallee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee
Yaa Rabbii nu tumsi si kadhannee
Nuti humna qabnu atin dadhabnee