Saturday, September 1, 2012

ODUU OROMIYAA

ODUU SODAACHISAA!!!!
MADDA ISLAAMAARRAA

Naannoo oromiyaa bakka adda addaatti hidhaa fi sodaachisaa sheekootii fii ulamaa irratti godhamaa jiru itti fufee jira. Warri hidhaman hundi kan mirga isaanii falmatanii fii Ahbaasha fudhachuu didan akka tahanis beekkamee jira. 

Magaalaa Duukamitti badii tokkoon malee Sheek Muusaa hidhuun isaanii ni yaadatama, haaluma kanaan guyyaa kaleessaa namoota kudhan badii takkaan malee hidhuun isaanii beekkamee jira. Badii fi maaliin akka yakkaman wanni beekkamu hin jiru. 

Goodina Hararge Lixaa Magaalaa Ciroo keeysattis hidhaa fii sodaachisaan kaabineen sheekootii irratti raawwatamaa jiru itti fufee jira. Barsiisaa Haramaayaa Yunivarsiitii kan tahe Obboo Musxafaan basii tokko malee guyyaa arraa hidhamee jira. Obbo Musxafaan daaii beekkamaa turan, Masjidatti Darsii fi da'waa adda addaaa waan godhaniif manni isaanii sakkataa'amee, meeshaan isaa saamamee gara mana hidhaa geyfamee jira.

Baddeesaatti Obboo Mammayyeen Sheekootii fi Namoota Ahbaasha fudhachu didan akka hidhaman Kaabineef ajaja dabarsuun isaa keeysa beektootarraa dhagayamee jira. Sheekootii keeysaa nama tokko maqaa isaa dhahuudhaan mankaraaristiidha jedhaa ummata hiriira baasaa Miseensi hundi Sheekootii Ahbaash dura dhaabbatan mankaararistii jechuun akka hirira bahuu qaban waajira dhaabaatiif ajaja dabarsanii jiran

No comments:

Post a Comment