بسم الله الرحمن
الرحيم
WOLALOO : wolii galteen maaliif
barbaachise???
By Abdii Borii
yeroon amma keessa jirru kun
bay’isee wolii galtee cimaa barbaachisa wantaheef, mee waahe bu’aa wolii galtee
irratti wolaloo tana cimsaa dubbisaatii ergaa isii naaf hubadhaa yaa
obboleewwan islaamaa.
Bismilahi jennee akka Aadaa teennaa
Maqaa Rabbi dhoofnee dubbii itti
sienna
Faaruu Rabbii kiyyaa egas itti
aansee
kan ni'imaa hundumaa nurra
dhangalaase
Caalaa anmantiidhaa kan nuu kenne
diinaa
Faqaala ta’aalaa woradiitu
lakumul-islaama diinaa
فقال تعالى"
ورضيت لكم الإسلام دينا")ا)
Salaataaf salaama nabirratti buusee
Xaahaa kabajamaa kan diinii nuuf
ibse
Aailiif sahaabaallee worra tumsan
diinaa
akkuma san immoo kulla attabi'iina(كل التابعينا)
Yaa obboleewan koo hunduu naaf
dhagahaa
Bu'aa woliigaltee gurran isin gaha
Wolii galtee malee sila maaltu
tahaa?
Wonta guddaa tahuu isaa naa hubadhaa
Seenaa islaamummaa keessatti qoradha
Taariika sahaabaa fa'a mee gaafadhaa
Jalqabni islaamaa akkamii yaadadhaa
quwwaa muslimoota yoo sanii
qaabadhaa
jarri wolii gallaan addunyaa
dhunfate
ifaa Qur'aanaatiin dukkana mooyate
kaafirran gugurdaa ufjalatti
deeffate
FAARISII fi RUUMIIN hundaa hinjifate
Beektuu woliigallaan akka san
hojjate
Ardhammoo Awropha f i Amriikaa hin
garree?
Dharatti wolii gallaann islaaman
dararree?
Biyya jara didde tumti akka harree
Kan fedhan cacabsaa kan filuun
agarree?
Zaalimaa tumsaatiin mazluuman
qabbarree
Dubbiin faallaa tahuu nuhundinuu
garree
Bu'aa wolii galtee kanarraan
agarree?
Koottaa yaa dargaggoo afaan tokko
taanaa
Seenaa keenna gariif quwwaa
deebifannaa
Diinii islaamuummaa mataasaa
olkaafna
Kufrii jalaa baanee diiniin
murteeffannaa
Sila haga yoomii kaafira sujuudnaa?
Jiraannu gammachuun asirra jiraanna
Yoo duune shahiidee taaneetiin
asirraa godaanna
CARRAA akka kanaa nuu keenni
mowlaanaa
Xiqqeennaan jiraachuu nuu didi
Rabbanaa.
Namni wolii gallaan waan baayyee
dalaga
Haalli yeroo ammaas kanarratti raga
Sowraa(fincila) Arabaalee nuhundatu
arga
Mee SOWRAA kanarraa fakkeenya
fudhanna
Tajribaaf xinxallaa, beekkums
argannaa
Mee narraa caqasaa wolumaan hubannaa
Ummata TUUNUSIA hundinuun arginee?
Zeynal-aabidiinan biyaa hin ariinee?
SU'UD ARABIYAA galchanii hin
teessifnee?
jallaataa falfalaa Rabbi hin
salphifnee?
kan ummata miidhee islaamas darare
islaama awwaalee kufrii kan ijaaree
mooticha jallataa kan Rabbi abaare
salaata kan dhoorge bixaaqaadhaan
malee
masjiida hinseetu isii fiddu malee
akkana dalagnan salphinadhaan gale
(Bixaaqaa = woraqaa heyyamaa/ID
carde)
mee fakkii biraallee isinii dabala
tolchaa naa hubadhaa gadi qabaa
laalaa
Ummata MISRAAllee hunduu hin
hordofnee?
HUSNII MUBAARAKII waan godhan hin
arginee?
Sirerra ciifsanii murtiin
kaleessinee?
Gocha bar 30 isa hin himsiifnee?
Gaabbiif nadaamaadhaan onnee isaan
kunnee
Aja'ibaa Rabbi waa heddu argine
Ammoo kan QAZZAAFII haacaalukaa
dubbiin
Abbaa "ZANGA ZANGAA"
kuffistekaa anbi
Yaa raajii akkanaa ajab dubbii
Rabbii
Woggaa 40 ummata cunqursee
Soshaalizimiidhaan hawaasa rakkisee
Mootii-mootowwanii jedhee uf
moggaasee
Anatu jaba jedhee ifatti olbaasee
Ummata LIIBIYAA akka ilmoo lukkuu uf
jalatti dachaasee
Booddee isaa kunoo Rabbi is salphise
ummaanni Liibiyaa qaabeetiin
ajjeesse
Dachee dunya irraa isa dhabamsiise
Ilmaan isaatillee gar gara
faffacaase
kaan biyyaa baqatee gariin hidhaa
ciise
kan angoo dhaalchisuuf Qzzaafiin
qopheesee.
Akkanakaa haalli jiruu dunyaa tanaaa
Ammatuu ulfinaa ammatuu salphinaa
Mootummaa gugurdaa hidhatti argina
gariin akka maleen du’eera dhageenna
Kun dubbii Rabbiitii ajabnee maal
goona?
Yaa barumsa gaarii nama waa baratuu
Woy gorsa bareedaa nama waa hubatuu
Kan itti cufamtetti homaa hin
fakkaatu
Hanga bira geettee mataa irran baatu
Guyyaan oleen bulu ammaa deemee
dhufaa
Balbala hundaatii eessaa irraa hafa
Teenneetumaan eegna inninuu waa
hafaa?
Kunoo amma dhufee mataan gad
jalqabee
Diina muslimootaa sammuu isaa qabe
Kan hafes itti eda’aa Rabbiin yoom
dadhabe
Ya obboleewwan koo koottaa wolii
gallaa
"Namni wolii gale yoomuu alaa
gala"
Rakkoo argamefis ni'argata fala
Yaa ilmaan islaamaa koottaa
haadammaqnuu
Afaan tokko taanee gamtaan haa
sochoonuu
Mirga diinii keennaaf kottaa haa
mormannuu
Addaan wal-qoqqooduun badaadhaa haa
dhiifnu
Qorsoo bishaan keessaa lakkisaa hin
taanuu
Yoo addaan facaane homaa garuun
geennuu
Bu'aa biyyaa dhiisaa ufiifuu waan
goonuu
Amaanaa amaanaa nam tokko haa taanuu
Haasawa kiyyallee kanumaan xumura
Dogongora kiyyas irruma naa taraa
Baayyee galateessa kan dubbise maraa
Kan kana barreese ABDII tahuu baraa
Assalaamu alykum nagahaan naaf turaa
No comments:
Post a Comment