TOKKUMMAA
Urjii Ahmad
Ummanni Islaamaa harka walqabadhaa
Tokko tahaa ka’aa amantiif falmadhaa
Sabummaan wal qooduun gahee nurraa
dhiisaa
Yeroo sa dabartee amma amantiidhaa
Adawwiin balleesuuf nurratti wal
yaamaa
Nuti yoo maal eynaa yaa ummata
islaamaa?
Ahbaasha nuuf fidan maqaa
jijjiraadhaa
Ahlus-sunnaa sufii kanaan
bekkameerraa
Dirqamaan leenjisa wallaalaa fi
beekaa
Seera fi nageenya maqaan
walgahiidhaa
Kan isaan barsiisan Aqiidaa
Ahbaashaa
Roorroo hedduu tanaan dimookraasii
je’aa
Yaa Rabbii iyyadhe ani sitti
gooytaa.
Bakaafiroochu lay nasr amxaalinaa
Fansurnaa mowlaanaa alal kaafiriinaa
Akka sii gabbarruuf towiida
qarrarraa
Ahbaash human fidduu isiin waa
xiqqoodhaa
Kan nutti jeynoomsu qaama
mootummaadhaaa
Qawwee fanifatee isaan mooggaa cayaa
Arrabsaa jechuudhaan isaan nu
bobbaasaa
Lobnaanirraa dhufee mirga keenya
dhiibaa
Nuti abbaan biyyaa mirga keenya
dhabaa
Hanga shakkinutti abbaa
biyyummaadhaa
Yaa ummata Islaamaa dubbi too
hubadhaa
Ahbaash Adawwiidhaa namu firraa baraa
Yaa Rabbii iyyadhe ani sitti
gooytaa.
Bakaafiroochu lay nasr amxaalinaa
Fansurnaa mowlaanaa alal kaafiriinaa
Akka sii gabbarruuf towiida
qarrarraa
Tokkommaan bar humnaa akkuma bekkamuu
Tokko taane qabsoof amumma haa kaanuu
Gargar faffacaanu humaa hin asarruu
Adawwiin teenyalleen tuffii isaan
dhiisu
Hanga tokko taanee harka wal
qabannuu
Diiniif wareegamuuf gootummaa
garsiisnuu
Kadhaa fi sosobaan mirgi waan
argamuu
Qabsootti murannoodhaa kan galmaan
nu gahuu
Yoo akkas tahuu baate kaafirri waa
laafuu
Karoora isarraa xiqolleen dhaabatuu
Hanga dhabamsiisuu Islaamummaa
guutuu
Namuu waliif dhaamaa bakkuma
argamnuu
Tokkummaa tokkummaa falli nuti
qabnuu
Tokkumma qofa kan galmaan nu gahuu
Ahbaash axfalinii nad’uuka yaa mowlaa
Takkallen hanbisin adawwii Islaamaa
Cillee bishaan buutu arglin yaa
geetaa
Dhukkee bubbeen foote argaachaw
hadaraa
Anta chay nahennaa nuti suma qabnaa
Ba Arsh lay honak Rakkoo teenya
gartaa
Qabsoon itti haa fufu hamma firii
garruu
Gaafii teenya sadeen deebisaa
argannuu
Majlisa filachuuf mirgi nuuf
kennamuu
Ahbaash nu fi’uun hanga ugguramuu
Koreen teenya qaaliin hidhaa
gad-dhiifamuu
Kana tahuu baanaan Tigluun hin
dhaabnuu
Mootummaaf kan dhaamnu akka nuuf
awaatuu
Deebii ummata Islaamaa akka deefee
kennuu
Ahbaash deegarurraa akka if qusatuu
Mirgi amantiidhaa namuuf kabajamuu
Hidhaaf sodaachisuun nurraa haa
dhaabbatuu
Yoo san tahuu baate rakkoof haa
qophaawu.
Walaloo tana keessatti Rakkoo teenyaa fi waan Ahbaashaa fi
mootummaan nurraan gahaa jiran dubbadhee jira, furmaatas qaamaa mootummaaf
dabarsee jira.
yoo faayida hin qabdi jettan facaasaa, namni sagaleen tochuu
danda'us tolchee haa jedhu akka ummanni keenna irraa faayideefatan.
No comments:
Post a Comment