Ahbaashaa fi Amantii isaanii
Fokkottuu!!!
Jama’aan “Ahbaash” jechuudhan of
yaamu kan amma biyya teenya keessa figuu jalqabe kun eega nubira gahee bara 15
tahee jira. Garuu baroota dheeara kana keessa nama kuma shan wallitti qabachuu
hin dandeenye. Kunis Aqiidaan inni barsiisu Aqiida Islaama dhugaa (Ahul-Sunnaa
wal-Jama’aa) waan hintahiniif. Kana sirriti isin agarsiisuf kitaaba Ahbash
kan“Mukhtasar Sheekh Abdullah Al-Hararii” fi , Sarihul Bayaan jechuudhan
beekkaman keessati waan barreeffamee, fi kaasseta audio (CD) irrati waan
waraabame keessaa qabxiilee tokko tokkon isiniif barreessa. (Wantootan ani
barreesse kun kijibaa fi dhugaa ta’uu isaa adda baafachuuf Kitaabota Ahbash,
takka marsaa intarneetii isaani ilaalaa).
1. Warrii Ahbaash “Maaqaa
Rabbiitiin kakachuun nama Kafarsiisa” jedhan.
Moslimoonni dhugaa amoo “Raabbii
malee waan biraatin kakachuun shirkiidha” jedhanii nama barsiisan.
2. Jama’aan Ahbaash “Allaahuma
Ajirnaa Minal Naar” (Yaa Rabbi ibidda Jahannam jalaa nubaasi) jedhanii Islaama
hundaaf du’aa’ii guchuun nama Kafarsiisa. Rabbi akka Muslima hundaaf araaramu
gaafachunis nama Kafarsiisa. Du’aa’i akkanaa jama’aan gochuun dhorkaadha. Namuu
kadhaa akkanaa mataa isaa qofaaf kadhachuu qaba” jedhan
Nuti Muslimoonni garuu “Du’aa’in
jama’aan godhamtu Rabbi birrati du’aa’i biroo
caalaa fudhatama qabdi “ jeennee amanna . Keessafuu Guyyaa Jum’aa
Immamni masgiidaa hogga khuxbaa gudhu Muslimoota hundaaf araarama kadhachuu
qaba.
3. “Siraax” guyyaa qiyaamaa
(Aakhiraa) qormaata cimaa nama eeggatan keessaa isa tokko. “Siraax” jechuun
karaa akka riqichatti (dildilaa) ibidda jahannam gubbati diriirfamuuf jiru.
Nabiin keenya (s.a.w) akka nubarsiisanitti karaan kun qal’inni isaa rifeensa
mataa darani. Qaroomina isaatiinis ablee(billawa) darani. Waarri Raabbin
fedheef qormaata “Siraax” jalaa laftumatti baha. Warri Rabbiti Kafare ammoo
“Siraax” gubbaa dabruu dadhabee ibidda Jahannam keessati kufa. (Rabbi Siraax
jalaa nuhaabaasu).
Jarreen Ahbaash ammoo “Siraax
karaa bal’aa namni irra deemuu dandayu. Hadiisa kessati “akka rifeensatti
qallaa, akka ableetti qara” wanni jedhameef cinqii isaa irraa akka of eegganno
goonuuf jecha” jedhanii barsiisan. Ahbaash Hadiisni Nabii keenyaa (s.a.w) soba
jechuu isaaniti fakkata.
4. Jama’aan Ahbaash “Sahaabaa
Nabii (s.a.w) keessaa warra Alii ibn Abu Xaalib (r.a) wajjin wal-lolle abaaru
fi arrabsuun ni hayyamama” jedhan. Haaluma kanaan sahaaboota gurguddaa akka
haadha teenya Ai’shaa bint Abu Bakr, Mu’aawiyaa ibn Abu Sufiyaan, Zubeyr ibnul
Awwaam, Amr Ibn Al-Aas (hunda isaanii Rabbin irraa haajalatu) arrabsuun
nidandayama jechuudha.
Nuti garuu “Namni Sahaabaa Nabii
maqaa hamaan kaase jahannam seena” jennee amanna.
5. Jama’aan Ahbaash “Maallaqa
socho’u (paper money) irraa Zakaan hinbahu. Zakaan meetaa (qarshii) fi warqii
(dahaba) takkaa beeladaa manaa (horii, re’ee kkf), oomisha midhaanifaa malee
maallaqa haala qarshii, doolara ykn pawndii fakkaatun biyya kessa socho’u,
maallaqa baankii kessa ta’u (saving account), maallaqa check fi bondiin qabame
kkf irratti Zakaan waajibaa miti” jedhan.
Nuti garuu “Waan maallaqa tahe
hundinuu, yoo gatii ka’umsa Zakaan irraa bahu guute fi yoo harka abbaa
qabeenyaa bira amata tokko ture, Zakaan irraa bahuu qaba” jechuudhaan amanna.
6. Jam’aan Ahbaash “Dhala bankii
(interest) warra Kiristaanaa irraa nyaachuun nigahaa. Dhalli maallaqaa kan
haraam tahe nama Islaamaa jiddutti malee Kafiraa fi Islaama jiddutii miti”
jedhan.
Muslimootni dhugaa garuu “Dhala
waan tahe hunda Rabbiin Haraam godhee jira” jedhanii barsiisan.
7. Ahbaash “Namni Hajjii dhaqe
imaamota Makkaa fi Madiinaa wajjiin yoo Salaata hidhate Kaafira taha. Sababni
isaa imaamotni kun Wahaabi waan tahaniif jecha” jedhan.
Nuti garuu “Salaatni masgiidota
Makkaa fi Madiinatti Salaatame kan bakka biraa hunda nicaala” jenna.
8. Ahbaashoonni “Intalti dubartii
kofoo uffatte yoo deemte haraam hinqabu. Namni haalli kun haraam jedhe kafira
taha. Haa ta’u malee intalti dubraa hijaaba uffachutu irra isiif caala” jedhan.
warri dhugaa garuu “intalti
dubraa akka dhiiratti yoo uffate malaayikaa fi naminlleen ni abaara” jedhani
nama barsiisan.
Kanin asii olitti barreesse kun
isa xiqqaadha. Warreen Ahbaash ana daran beekan kan kanaa olii barreesaa turan.
Hata’u malee Ahbassh wantoota kana dafee ifa hinbaasu. Yoo beektota isaani
gaaffatanis “olola sobaati, kijiba” jechuu malee deebi qubsaa isiniif
hinkennan. Jarreen “Hadraan keenya maalif tuqame?” jechudhaan yeroodhaaf Ahbaash
waliin gulufaa jiranille wantoota kana hinbeekan. Wantoota kana kan irra gahuu
dandeessan yoo kitaabota Ahbaash argattanii dubbistan qofa.
Muslimootni biyya teenyaa
hundinuu saba, gosa, naannoo fi haala jireenyaatin osoo hinqoodamin kan Ahbaash
balaaleeffachuuf qabaasawa jiraniif “jama’aa jallataa adunyaa guutun beektu
kana maaliif nurrati fe’u barbaaddan?” yaada jedhuunii malee akka Ahbaash
odeessaa jirutti aangoo koree dhiima Islaamaa Itoophiyaa waan barbaadaniifi
miti (Namni miliyoona 40 caalu hundinuu angoo nibarbaadaa?).
Adawwiin Isalaamaa “Wahaabii
ballessina” jedhanii jama’aa jallataa beekkamaa kana jala nugalchuuf hidhatanii
jiru. Nutis mirgi keenya haga nuuf kabajamuu of duuba hinjennu.
Ahbaash
fi fatwaa “Takfiiraa”
Miseensoonni
Jama’aa Ahbaash Muslimoota isaan hin hordofnee fi kan yaada isaani hindeeggarre
hundaanu “Kaafira” jedhan. Ulmaa (hayyoota) Islaama bebbekkamoo ta’an
keessaahis nama hedduu iratti fatwaa “Takfiiraa” (nama Kafarsiisuu) dabarsanii
jiran. Adeemsi kun kan waggaa 20 guutuu irra turan malee kan kaleessa
jalqabanii miti.
“Fatwaa Takfiiraa” kan “Sheikhul Islaam Ibn Teymiyyaah” irraa
jalqabe kun bara kana Hayyoota Islaama ciccimoo tahan kan ummata adunyaa karaa
Rabbittii yaamaa jiran Dr Zakir Naik fi Dr. Abu Aminah Bilaal Philps bira gehee
jira. Kan nama ajaa’ibu jam’aan Ahbaash “ribaa” (dhala bankii) Kiristaana
harkaa nyachuun halaal” jedhu, jama’aan Ahbaash “biyya Kiristaana kessatti
masqala fannifatanii deemuun nidandayama” jedhu, jam’aan Ahbaash“Allahumma
Ajirnaa minal naar” (Yaa Allah! Ibidda Jahannam jalaa nubaasi) jedhanii Islaama
hundaaf kadhachuun Kaafira nama godha” jedhu kun mataa isaa mizaanuu (madaaluu)
dhiisee Ulamaa Islaamaa Kafarsiisuu isaati.
Ulamaa Islaamaa kan Ahbaash Fatwaa “Takfiiraa” irratii
dabarse kessaa kan asii gaditti tuqaman kun keessati argaman.
I.
Ulamaa Gurgudda Durattii
1.
Sheikhul Islaam Ibn Teymiyyah :- Hayyu beekka “Mujaddida” (haroomsaa) jedhaman
keessa tokko
2. Imaam Ibnul Qayyiim :- barataa Ibn Teymiyyah kitaaba
hedduu barreese.
3. Imaam Zahabii:- Abbaa Hadiisaa, Abbaa tafsiira, Abbaa
Seenaa, adunyaa guutuun beeytu.
4. Sheikh Muhammad Ibn Abdul-Wahhaab :- Mujaddida beekkamaa
kan “Shirkii” fi bi’daa irrati qabsaawe
II. Ulaamaa Tokkumaa fi Bilisummaa Muslimootaatif Warraaqan
1. Sayyid Jamaaluddin Al-Afghanii :- Lammii Afghanistaan kan
tokkomaa Islaama adunyaatif bayyee qabsaawe.
2. Sayyid Abul- Ai’laa Mawduudii: Abbaa Hadiisaa, Abbaa
tafsiira bekkamaa kan lammii biyya Pakistaan. Kitaaba isaa keessaa isa tokko
Sheek Muhammad Rashaad mata duree “Gadaa Islaama” jedhuun Afaan Oromotti hiikaani
jiru.
3. Sayyid Quxbi :-Dhalataa Misraa (Egypt) kan Ikhwaanul
Muslimiin dhaaban keessa isa tokko. Kitaabaa “Ma’allim fi Xariiq” jedhamu waan
barreessef jecha bara 1965tti motiin Misraa Jamaal Abdunaasir seera amalee
ajeese.
4. Sheek Rashiid Ridaa :- Barsiisaa Yunivarsitii Al-Azhar fi
barreessa beekkama kan ture (Lammii Suriyaa)
III. Ulamaa Salafootaa Bekkaamoo
1. Sheikh Abdul-Aziz ibn Baaz :- Muftii Su’udii Arabiyaa kan
turan
2. Sheikh Salih Al-Uthaymiin :- Hayyuu biyya Su’udii Fatwaa
radiyoo fi televiziyoon kannudhaan beekkame
3. Sheikh Nasruddin Al-Albaani:- Haafiza Hadiisaa kan lammii
biyya Albaaniyaa
IV. Ulamaa fi Da’ii Yaroo Ammaa Lubbuun Jiran
1. Imaam Professor Yusuf Qardaawii :- Hayyuu duree mana marii
Ulamaa Adunyaa
2. Dr. Zaakir Naik :- Da’ii beekkamaa biyya Hindii kan “Peace
TV” hundeesse.
3. Dr. Abu Aamina Bilaal Philips:- Lammii Kanaadaa kan
Su’udii fi Sudaan keessati barsiisu (Warreen “Peace TV” irratti da’iwaa godhan
keessa isa tokko
4. Dr. Amr Khaalid :-Da’ii Beekka biyya Misraa kan
Televiziyoona Iqraa fi Al-Risaala irrati dhiyaatu.
5. Dr. Fu’aad Jibrill Haddaad:- barrressa fi da’ii beekkamaa
biyya Ameerikaa. Wareen Dhabbata Sunnaa Ameerikaa hogganan keessa isa tokko.
Hangi asitti tuqame kun isa Xiqqaadha. Ulamaa hedduutu oso
hinbarrefamin hafe.
Jam’aan Ahbaash kan ofiifu hayyuu
tokko hinqabne ulamaa Islaamaatin “Kaafira” jechaa jira. Sababni isaatis yaada
Ahbaash “baaxil” (haqa malee) tahe waan irraa hinfudhatinif jecha. Jam’aan kun
ar’a koree dhimma Islaamaa Itoophiyaa (Majlisa Ol’aanaa) to’atee olola afuufaa
jira. Kanaafuu oboleeyyan kiyya warra jallataa kanaraa of eega. Kan dhagahin
hundatti dhaamsa dabrsaa!!
Ahbaash
Maal Barbaada?
Warri
miseensa jama’aa Ahbaash ta’an “Nuti Aqiidaa Tawhiidaa kan Wahaabiin
balleessite sirreessuuf jecha qabsoofna” yaada jedhu irra dadeebi’anii
dubbatan. Hordoftoota Mazhaba Imaamu-Shaafi’ii akka ta’anis nihimatan. Garuu
Muslimootni kanaan sobamuu hinqaban.
Jam’aan Ahbaash “Aqiidaa” balleessuu malee “Aqiidaa” tolchuuf
hindeeman. Fedhiin isaanii yadaa “Shirkii” fi “Rabbii Dhablumma” (pagan)
hawaasa Islaamaa keessatti babal’isuudha. Fakeenyaaf Ahbaashoonni yaadota
dadhabaa biyya teenya keessa turan kan asii gaditti tuqaman kana ifatti
deeggaran.
• Awliyaa afurtamii afur yoo yaamtan isiniif dirmatan.
• Yeroo beelaa fi dhukkubni hamaan ganda keessan seene Qubbii
Awliyaa dhaqxanii itti maganfachuu qabdan.
• Namni “Hajjii” dhaquu dadhabe yoo dirree Sheek Husseen
Balee Ziyaaree Hajjiin isaa irraa guumtamti
• Awliyoota guyyaa itti dhalatan keessati yaammadha.
Fakeenyaf Kibxataa (Tuesday) Sheekanaa Husseen Baalee, guyyaa Harbaa
(Wednesday)Sheek Abdulqaadir Jeylaani, guyyaa Kamisaa Sheek Abaadir yaamadaha.
Namootni dadhabaan bayyeen yaada amantii addaa addaaraa
burqan kana odeessaa akka turan nibeekkama. Garuu jama’aan Ahbaash yaadoota
hamaa kana adeemsiisaa jira. “Namni yaada kana morme hundinuu Kaafira” jedha.
Fedhiin isaanii guddaanis yaadootni baaxil (haqa-malee) ta’an kun Islaamummaa
keessatti fudhatama akka argatan qabsaawuudha. Kan isaan “Wahaabii” jedhanii
halkanii fi guyyaa abaaranis namootuma yaada fokkotaa kana isaanirraa fudhachuu
dide.
Nuti awliyaa Rabbii nijaalanna. Isaan jaalachuun dirqama
keenya. Keessaafuu qabsoo isaan amantaa Islaamaa barsiisuuf godhan hin
iraanfannu. Rabbii Isaaniraa haajalatu. Nutillee akka isaantii karaa sirrii
ta’e nu haaqajeelchu jennee isa kadhanna. Garuu awliyaa jaalanna jechuudaan
“Shirkii” keessa hinseennu. Rabii nama “shirkii” hojjatuuf dhiifama
hingodhu.
Yaa ummata Islaamaa! Imaamu Shafi’iin “shirkii” ni
balaaleffata malee hindeeggaru. itti fufa
Mazhabni Shaafi’ii qabrii Rabbi malee waan biraa akka hin
yaamne nama barsiisa. “Ahbaash” garuu maqaa Imam Shafi’ii sobaan himata.
Immamootni “Fiqihii” barsiisan kn Akka Imaam Abu Haniifaa, Imaam Maalik, Imaam
Shaafi’ii, Imaam Ahmad kkf gabroota Rabbii kan “Sunnaa” nabi Muhammad (s.a.w)
sirritti hordofan ta’uu isaanii hayyotni bayyeen raga bahanii jiru. Nuti
Imaamota “Fiqihii” wajiin lola hinqabnu. garuu miseensootni Ahbaash sobaan
maqaa Imaam Shafi’ii himachaai “Shirkii” fi “bi’daa” babal’isuu isaani irraa
hinqeeballu.
Obboleewwan koo!! “Wahaabii” amantiin jedhamu hinjiru.
Islaamumma kessati mazhabni “Wahaabii” jedhamus hinjiru. Amantii Islaama
tokkicha malee lama hinjiru. Maqaa kana waarii irra dadeebi’anii dhawan warra
amantii Isaalmaa balleessuu barbaadu. Kanaafu yeroo amma jama’aan Ahbaash
“Wahaabii ni dhabamsiifna” jedhee olola biyya teenya keessati oofaa jiruu
kanaan akka hinsobamne dhaamsa kiyya isinitti himadha.
Galatni Rabbiif Haata’u.
Nagayaafi Rahmatni Rabbii ergamaa isaa Nabi Muhaammad (s.a.w) irrati haa bu’u..
Ahbaashaa Fi Deeggartoota Isaa
Jama’aan Ahbaash jedhamu kun
dhaabilee Islaamaa tokko wajjiin waltahii hinqabu. Bakka deeme hundatti
dalagaan isaa Muslimotaaf “Kaafira” ykn “Wahaabii” maqaa jedhu moggaasuudha.
Miseensootni isaa akkaataa “Salaataa” fi “Soomanaa” nama barsiisuu daran qissaa
(legend) Sheeka isaaniii namaaf odeessuu ykn hameenya “Wahaabii” namaaf
ibsiiutu isaaniif caala. Adawwii Islaamaa ammoo maqaa hinkaasu. Kuni maaliif
tahe?
Dubbii tana keessa seenanii haga
dhumatti namaaf ibsuun ni ulfaata. Haatahu malee waan lamarrati wali-galuun
nidandayama.
1. Jama’aan wanti inni barbbaduu
amantii isaa fokkottu akka namuu duraa hintuuqne gocuudha. Amantii kana kan
irraa balaaleffatu Muslimoota malee jara biraatii miti. Kanaafuu Muslimootni
akka isa hintuqneef tumsa barbbaduuduf jecha jarren birootti irkachuun isaa
ifa.
2. Muslimootni inni halkanii fi
guyyaa abaaru hundi kan amantii isaa duraa tuqanii miti. Fkn Sayyid
Jamaaluddiin Al-Afghani fi Sayyid Quxub (Lamii biyya Masrii) barreeffama
isaanii keessati kan itti xiyyeeffataa turan “Koloneeffatootni (Colonialists)
biyyoota Islaamaa qabatanii qabeenya isanii xuuxuudhaaf sagantaa bara dheeraa
baafatani jiran. Shira isaani kana kuffisuudhaaf Muslimootni adunyaa hundinuu
waltaanee socho’uu qabna.” Kan jedhu ture.
Kuni barnoota Aqiidaa ykn
Tawhiidaatii miti. Shirkii jarri Ahbaash keessaati cuuphaman waliinis suduudaan
(directly) walitti hinbu’u. Jam’aan Ahbash garuu hayyoota Islaamaa kana
galgalaa fi ganama abaara. Kun maalif tahe?
Gaafiin kun waan guddaa of keessa
qaba. Maallumaa Ahbaash baruufis gaafii kana jala qotanii ilaaluu barbaachisa.
Deeggartoota Ahbaash
Akkuman asii olitti dubbadhee
jiru, Ahbaash Muslimoota daran jara ”Kaafiraa” waliin utaaluu irra filata. Sochii
biyya Muslimaa keessati godhu daran sochii isaa kan biyyoota “Kaafiraa”
kessatti gochaa jiruutu iraa guddaadha. Jarreen “Kuffaaraa” jajjabaa wajjinis
waldaya uummachuu irra hindeebi’u. Walumaa-galatti warri Ahbaash deeggaru
hundinuu “Kuffaara” jajjabaa kan Muslimoota diina godhatanii cinqii garagara
Ummata Islaama gubbatti buusaa jraaniidha. Jaalalleen (Deggartootni) Ahbaash
kun eenyu?
1. Wareen Lixaa/Dhihaa
(Westerns):- Ahbaash motummoota fi jarmoolee Lixaa wajjiin hariiro hagana
hinjedhamne qaba. Jarri kun fedha Ahbaash waan sirritti beekanif jecha sochii
isaa hunda deeggaruu malee dura hindhaabbatan. Keessafuu Eega Fulbana 11/ 2001
(September 11/2001) balaan shoorarkessitoota Ameeriikaa dhawee booda jarreen
Lixaa hundi “Islamummaan gaariin kan Ahbaash adeemsisaa jiru kana “ jedhanii
raga bahaaniifi” jiru. Jara kana keessa adda dureen Ameerikaa, Ingiliiz
(Britan), France, Canada, Denmark kkf.
2. Tsiyoonota (Zionists):-
Tsiyoonotni hedduun maqaa “Sabaa Yahuudaa gaagama’a irraa tiksina” jedhuun
adunaaratti ol’aantummaa Yahuudaa ofaa akka jiran beekkamaadha. “Motummaa
Israa’iil (Israel) hamtuun akka hintuuqne eeguun dirqama kenya “ jechuudhan
cunqursaa fi ajeechaan mootummaan Israa’iil ummata Falasxiin (Palestine) irrati
gadgeessaa jiru akka cimee itti fufuuf kan onnee itti godhanis jara Tsiyoonotaa
kana.
Jarri Tsiyoonotaa kun yakka
akkanaa hojjachaa Muslimoota biratti fudhatma akka hinqabne nibeekan. Jama’aan
jallataan Ahbaash jedhaniin kun jara akkanaa wajjiin hiriiree jira yoonin isiin
jedhe ana ni amantanii?
Wallaahi! Ahbaash Yahuudi wajjiin
hiriiree jira.
3. Biyyota Islaamaa
“Gadi-Galoo”:- Ahbaash biyyoota maqaan Islaamaa tokko tokko wajjiinis hariiroo
cimaa qaba. Kana keessa adda duree ta’anii kan argaman biyaa “Urdun” (Jordan)
fi “Turkii” dha. Jarri kun Ahbaash wanni ofitti dhiheessanif sababa adda
addaatini. Fakenyaaf mootumman Urdun “ motumman warra “Su’udii” kan Wahaabiin
hogganamu Harama lameen (Makkaa fi Madinaa) humnaan anarraa fudhatee jira”
jedhee haga ammaa anaannata. Jarri Turkii ammo “Wahaabiin motumma biyya teenyaa
fonqolchitee mootummaa Islaamaa dhaabuu barbaaddi” sababa jedhuun jara
“Wahaabi” jedhee moggaase irrati duula baneef warra tumsa ta’uuf kan akka
Ahbaash hedduu jaalata. Kaanaafu biyyotni kun Ahbaashiif deeggarsa hunda
godhan.
4. Suuriya (Syria) Yeroo
dheeraadhaaf biyti Ahbaash ifatti gargaara turte biyya Suuriya “Syria” jedhanin
tana. Biyti tun kan hogganamtu jarreen amantii “Alawii” jedhamu hordofan kan
akka Hafiz Al-Asaad fi Bashaar Al-Asad faadha. Jarri “Alawii” kun Muslimootaa
waan hintahiniif jecha “Muslimootni mootumma nuraa fudhatan” jedhanii baayyee
sodaatan. Kanaaf sochii dhaaba Muslimaa hunda dura dhaabattan. Keessaafuu
hummna “Wahaabi” jedhanii shakkan hunda caccabsuu barbaadan. Bara 1990 (A.L.H.
bara 1982) keessa Ja’amaa Ahbaash, kan “Wahaabii” abbaruun hojii isaa taate
kana argannaan gaafii malee simatan. Kunoo haga guyyaa ar’a wajji utaalaa
jiran.
Ahbassh jara farra-Islaama tahan
kan wajiin wa’ada (irbuu) jaalalaa seenee jira. Muslimootni adunyaa sabani
guddaan “Ahbaash ofirraa eegaa! “jedahnii lallabanif kessaa inni guddaan tokko
hariiroo Ahbaash Adawii Muslimotaa bebbekkamoo ta’an kana wajjin hidhate jiru
kana waan beekanifi. Ahbaash sabani hayyota akka Jamaaluddin Al-Afghaani fi
Sayyid Quxb fakkatan wanti abbaaruuf jaallawwan isaa kana gammachiisuudhaaf
jecha. (Jarri akka Ameriikaa fi Yahuudi kun barrulle Al-Afgahnii fi Sayyid Quxb
arguu hinfedhan.) Wani nama ajaa’ibu tokko Ameerikaa fi jarren Tsiyoonota
(Zionists) mootummaa Suuriyaa argaa isaa hinfedhan jedhamee himama. Garuu Isaan
sadeenu “Ahbaash” waliin “bishaani fi anaan” tahani wal-jaalatan. Ahbash
akkanatti nama hunda wajjiin qumaara taphachuu
beeka. Itti fufa
Rabbiin guddaan nu haa sattaru!
Hijaab! Hijaab!
Yaa Muslimoota!!
Guddiin Ahbaash himamee hindhumu.
Jam’aa dooseen (file) isaa huubaan guutamte kanaatu ar’a “Aqiidaa Wahaabiin
balleessiten halaa sirri ta’een isin barsiisa” jedhee lafa ka’e. Nuti hundinuu
waltaanee “Deemaati nama isin hibeekne sobaa” jechuu qabna.
Aselamu Aleykum Worahmetullahi Woberekatuhu! Maashaa Allah!!! Hojii kee kana argachuu kootiif Baay'ee baay'ee natti tole! Rabbiin abbaan aangoo yeroo hundumaa tahe sun jireenya kee guutuu si haa kooluu ofii jala tikfatu! Hojii kee kanaaf ammoo Jannatal Firdawusiin si haa gammachiisu! Osoon gama keessaatiin si qunnamuu dandaheetii baayyee natti tola ture. yoo akka carraa tahee yaada kiyya kana dubbifteetta tahe, gama keessaatiin teessoo kana irratti na qunnami. mohammedabaoli@gmail.com
ReplyDelete