VOA afaan Oromoo gabaasa kalleessa
galgala 10-11-2012 waa'ee mirga Muslimoota ilaala.
Komiishinni walabummaa Amantii US
kan sadarkaa addunyaa Itiyoopiyaa keessa hordoftoota amantii Musliimaaf
walabummaan waaqeffannaa irraa mulqamaa hufuun isaa na yaaddesse jechuun ibsa
baasee jira. Angawoonni Ameerikaa Itiyoopiyaan walabummaa amantii akka kabajju
miseensota bulchiinsa biyyattii haaraa akka gaafatanis ibsee jira. Waajjirri
ministrii haajaa alaa Amerikaaf dubbi himaa kan ta’an ibsanii Komiishinni
walabummaa amantii USCIRF jedhamu kun baatii Adoolessa bara 2004 qabee
mootummaan Itiyoopiyaan damee amantii Islaamaa hawaasi muslimaa biyyattii
hordofu geeddaruuf yaalaa jira, tarkaanfii kana kanneen morman hoogganoota
amantichaa fi hayyootas adabeera jedha ibsi sun. Mootumaan Itiyoopiyaa
Onkoloolessa 18 mormitoota 29 yakka shorkeessummaa fi biyyattii kana
Islaamummatti geeddaruuf yaalan jechuun himate. Yakkawwan kun mootummaan
Itiyoopiyaan damee amantii Islaamummaa ofiif fedhu dirqiitti hojii irra
oolchuuf yaalii godhu kanneen morman ukkaamsuuf jedha ibsi sun. Kanneen
himatamanis uummata kumaan laka’amaniif imaammata mootummaa kana kanneen
mormani.
komiishinni amantii US kan sadarkaa
addunyaas durumaa qabanii damee amantii Suufii jedhamu kanneen hordofan
musliimota Itiyoopiyaa ”Al Habaash” kan jedhu akka hordofan dirqisiisuudhaan
walabummaan hojjetaa kan ture filannoo mana marii dhimmootii islaamummaa
itiyoopiyaa hojii isaa fiixaan baasuuf itti garaarame jechuun himata. Angawonni
Itiyoopiyaa seera walabummaa amantii kan sadarkaa addunyaa kan kabaju heera
biyyatti akka kabajan angawoonni US bulchiinsa biyyattii haaraaf akka ibsan
ibsi komishinichaa gaafatee jira. Dubbi himtuun ministrii haajaa alaa US
victoria Nuland ibsa kaleessa kennan irratti akkuma beekamu haala mirga namaa
Itiyoopiyaan keessaa ilaalchisuudhaan mul’inatti angawoota mootummaa Itiyoopiyaa
waliin dubbataa ture. Mnistrittiin dantaa alaa Ameerikaas wayita Itiyoopiyaa
daawwatanitti dhimma kana mul’inatti cimsanii dubbatanii turan. bulchiinsa isa
haaraa
jalatte Itiyoopiyaan qabiyyee mirga
namaa ishee gara sadarkaa addunyaatti ni fooyyessiti jennee amanna jedhan.
Dura teessuun komiishina amantii
sadarkaa addunyaa US Katriinaa Leenoowit Itiyoopiyaan gaanfa afiirkaa keessaa
bakka tarsiimo
qabeettii waan taateef uumati
ishees sadii irraa harki tokko musliima waan ta’aniif mootummaan dhiittaa walamubbaa
amantii dhaabuu qaba jedhan.
No comments:
Post a Comment